SpaceX qorattoota Buufata Qorannoo Hawaa Idil-addunyaarratti danqaman fiduuf imalte nagaan qubatte

Madda suuraa, Nasa
Xiyyaara SpaceX qorattoota hawaa kanneen Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) irratti danqamuun baatiiwwaniif turan deebiisuuf ergamte mikaa'inaan buufaticharra qubatte.
Xiyyaarrii ( capsule) balaliinsa qorannoo hawaa Draagoon jedhametu kun teessoo duwwaa lama kan ittiin qorattoota danqaman lamaan Butch Wilmorii fi Suni Wiliiyaams'f kan qabu yoo ta'u, akka sa'aatii bahaatti sa'aatii 17:30tti (22:30 BST) buufata doonii irra qaqabde.
Qorattoonni buufata qorannoo Hawaa idil-addunyaa irratti hafa lamaanis baatii Waxabajjii keessa ergama guyyoota saddeetiif xiyyaara haaraa Boeing Starliner jedhamutti fayyadamuun buufata hawwaa gahaniin booda, sababa yaaddoo nageenyaa xiyyaara ittiin imalanrratti argameetiin achi turuuf dirqamaniiru.
Amma Guraandhala keessa gara lafaatti deebi'u jedhamee eegama.

Madda suuraa, EPA
Tibba xiyyarri SpaceX ergam kan gabaasine kunooti:
Dhaabbanni SpaceX ergama isaa jalqabaatiin qorattoota hawwaa lama kanneen baatii Waxabajjii irraa kaasee Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) irratti danqamanii turan gara lafaatti deebisuuf ergamasaa jalqabeera.
Xiyyaarrii (capsule) Diraagoon jedhamtu kunis teessoo duwwaa lama kan qorattoonni lamaan gubbaatti hafan, Baach Wilmore fi Suni Wiliiyaams yoo deebii'an irra taa'an kan qabu yoo ta'u, Sambata kaleessaa Keep Kaanaavaraal, Filoridaatti argamu irraa kaate.
Ergamni namoota lamaan achiitti danqamanii silaa buufata hawaa irratti kan gara guyyoota saddeet qofa akka isaan tursiisuu eegamaa ture.
Haata'u malee, erga xiyyaara haaraa Booying Starliner irratti rakkoon argamee booda of eeggannoodhaaf jecha duwwaasaa gara lafaatti akka deebii'u taasifame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorataan Naasaa, Niik Haaguu fi qorataan hawwaa lammii Raashiyaa, Aleeksaandar Gorbunov, qorattoota gubbaatti hafan Baachii fi Suni'f xiyyaara haaraa qabatanii balali'aa kan jiran yoo ta'u, jara qabatanii Guraandhala keessa gara lafaatti ni deebii'u jedhamee eegamu.
Xiyyaarri Diraagoon kunis Kamisa darbe imalasaa eegala jedhamee karoorfamee kan ture yoo ta'u, garuu sababa obomboleettii Helene kan Filooriidaa keessatti, kaaba Joorjiyaa fi gara Teeneesii fi Kaarolinaasitti badiisaa qaqabsiiseetiin Sambatatti dabarfame.
Dhaabbanni abbaa qabeenyaa biliyeenara Elon Maask hundeeffame SpaceX ji'a jaha jahaan namoota gara Buufata Hawwaa Idil-addunyaa (ISS)tti geessaa fi deebiisaa tureera.
Xiyyaarri hawwaa Diraagoon tunis Dilbata naannoo sa'aatii 21:30 (GMT)tti Buufata Hawwaa Idil-addunyaa irra ni qubatti jedhamee eegama.
Kontiraata Naasaa fi Roscosmos, dhaabbata hawaa federaalaa Raashiyaa gidduutti taasifameen, xiyyaarri hawaa Raashiyaa Soyuz'n balalii gara ISStti gootu hundaan teessoo sadii qabu keessaa tokkoon qorataa Naasaa tokko kan fe'u yoo ta'u, Diraagoonis teessoo afur qabu keessaa tokkoon qorataa hawaa tokko qabatee balali'a.















