Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa hanga taphataa kubbaa miilaatti: Namoota Iraanitti murtee du'aa eeggataa jiran
Moohsan Shekarii, umurii ganna 23 yoo ta'u, nama hiriira mormii Iraan irratti hirmaateefi nama jalqabaa murtee du’aa irratti murtaa’een fannifamee ajjeefamedha.
Guyyaa afur booda – Mudde 12 irratti- dargaggeessi biraa, Majidreeza Rahnaavard, daandii magaalaa Mashhaad irratti murtee du’aan ajjeefameera.
Lamaan isaaniiyyuu mana murti warraaqsaatti yakkamtoota moharebeh – kan hiiki isaa “diinummaa Waaqaa” jechuu ta’een - yakkamaa ta’uun isaanii murtaa’e.
Heera Iraan keessatti yakki kun hiika meeshaa fayyadamuun lubbuu fi qabeenyaa miidhuun “nageenya dhabuu hawaasaa uumuu” jedhu qaba.
Sirni haqaa Iraan eenyummaa isaanii ifa waan hin taasisfneef, lakkoofsi namoota murtee du’aaf saaxilamanii jiranii hin beekamu, maatiinis miidiyaaleetti akka hin dubbanneef dhiibbaa jala jiru.
Ammatti Aminastii Intarnaashinaal namoota Iraan keessatti hiriira mormiin walqabatee to’annoo jala oolfaman keessaa yoo xiqqaate namootni 26 murteen du’aa isaan eeggachuu akka malu tilmaama.
Akka dhaabbata roggeessota mirga namoomaa Iraaniin durfamuu, Koree Hordoffii Hidhamtootaatti, lakkoofsi kun kana caaluu mala. Lakkoofsi mormitoota to’annoo jala oolfamanii 40 ta’uu danda’a jedha.
Hiriirri mormii guddaan kan eegale, Fulbaana keessa shamarreen ganna 22 Mahsaa Aminii, haguuggaa rifeensaa ishee “sirriitti hin uffannee” jedhamuun to’annoo jala oolfamtee booda erga lubbuun ishee darbee boodadha.
Erga sanaatii namootni 18,000 ol to’annoo jala oolfamanii, isaan keessa namootni yakka murtee cimaan (du’aa) isaan adabsiisu danda’uun himataman jiru.
Waa’ee namoota himataman kunneenii kan beeknu kunooti.
Mohsaan Shekaari
“Mohsaan kaaffee keessa hojjeta ture. Waa’ee bunaa fi tapha viidiyoo jaalala guddaan haasa’a ture,” jechuun namni Mohsaan waliin guyyaa 20’f mana hidhaa turu isaa ibse Babaak Agebaattii himeera.
Fuula Instagram isaa irratti, Mohsaan nama qajeelaa fi tolaa akka ture himuun, oduu murtee du’aan ajjeeffamuu isaatti akka guddaa gaddee jiru Agabaatiin ibseera.
Majidreeza Rahinaavard
Maatiin Majidreeza hidhaarra ni gadhiifama jedhanii akka eegaa turan himu.
Viidiyoo TV mootummaa Iraaniin waraabame irratti, iji isaa haguugamee fi harki isaa kan cabee jiru fakkaata.
Viidiyoon kun mala dirqisisuun yakka amanuu mormitoota irratti fayyadamuu argamu kan ibsu fakkaata.
Sodaa jala kan jiru Mijidreeza miseensota qamolee nageenyaa haaduutiin haleeluu isaa amanuun, yeroo sanatti “sammuun isaa sirritti yaadaa” akka hin turre waakkata.
To’annoo jala oolfamee guyyaa 23 booda qofa murtee du’aa itti murtaa’een ajjeefame.
Eenyutu murtee du'aaf saaxilamee jira?
Dhimma namoota biroo murtee walfaakkataan isaan eeggatu irratti odeeffannoon mootummaan ba’eeru hin jiru.
Gartuuleen mirga-namoomaaf falman akka jedhanitti, himatamtoonni hedduun abukaatoo ofii isaanii filachuu hin dand’ani, abukaatoti mootummaan ramadamaniif ammoo isaaniif falmuu irratti badaa hin hojjetani.
Yeroon dhaddachaa gabaabaadha, akkasumas ammo yakka akka amanan kan godhamu hidhamtoota dararuun, maatii isaanii doorsisuunii fi yeroo hidhaa gabaabaa waadaa seenuun akka ta’e yaadama.
Asiin gadiitti, namootni bebbeekamoo Iraan kan akka weellistoota raappii (rappaarota), rogeessota, taatoo fi taphataa kubbaa miillaa dabalatee mormitoota kutaa biyyattii adda addaa irra jiraniifi adabbiin isaan eeggatu tarreeffamaniiru.
Raapparoota (Weellistoota)
Iraan keessatti raapparootni sadii murtee du’aan adabamuuf saaxilamanii jiru. Magaalaa Kermaanshaa irraa, Samaan Yaasin, erga yakka “diinummaa Waaqaan” himatamee booda, murteen du’aa irratti murtaa’uu isaa himameera.
Teehraan kessatti, qodaa kosiitti ibidda qabsiisuu fi shugguxii si’a sadii dhukaasuun himatame, inni garuu himata kunneen haaleera.
Dhaabbati miti-mootummaa Mirga Namoomaa Kurdistaan, Samaan dararameera jedha: “Kutaa qorraa keessa guyyaa sadiif turfamee, garmalee reebamee, gubbaarraa darbatameera.”
Harmeen Samaan ibsa viidiyoon baaste irratti, lubbuu ilma ishee akka olchaniif angaawoota Iraanii fi hawaasa idil addunyaa kadhatteetti.
“Addunyaa keessa bakka kamittidha kan namni qodaa kosiitti ibidda qabsiisu isaaf ajjeefamu?” jechuun, utuu “morma isaatti funyoon hin galiin” ilma ishee akka gargaaraniif ummata gaaffatteetti.
Abbaan murtii Iraan Abolgaseem Salavaatii, kan murtee du’aa hedduu murteessuun beekamaa ta’e, dhimma Samaan qabatanii jiru. Abbaan murti kun mirga namoomaa sarbuun US fi Gamtaa Awurroppaatiin (EU) qoqqobbiin irra kaa’ameera.
Sirba isaa “Haji” jedhu irratti Samaan: “Poolisii namuusaa nan morme. Mormakoo hudhani. Gamachuukoo dhorkanii, akka bineensaatti gadi galagalchanii na fannisani,” jechuun eegala.
Viidiyoo sirba kanaa irratti Samaan utuu waa’ee rakkoo dinagdee, walqixxummaa badeefi malaammaltummaa sirbuu yemmuu inni to’annoo jala oolfamu, dararamuu fi dhaddacha sobaatti dhiyaatu agarsiiseera.
Rapparooti Behraad Alikanaarii fi Toomaj Saleehiinis yakka “malaammaltummaa lafarraa” jedhamuun himatamaniiru.
Raapperii guddaa beekamaa Iraan kan jedhamu Toomaaj (maqaa itti deeggartonni isaa ittin waaman) waggaa kana keessa qofa si’a lama to’annoo jala oolfame.
To’annoo jala ooluusaan booda viidiyoo TV’n mootummaa baase irratti Toomaj iji isaa haguugamee, kan miidhame jirus fakkaata.
Dubartoota
Barattuun maayikroobaayolojii (microbiology), Mehsaa Mohaammadii yakka Sab Nabiin himatamte. Yakki kun namoota Raajii Islaamaa fi Raajoota gurguddoo biroo arrabsan kan adabsiisudha.
Akka Koreen Hordoffii Hidhamtootaa jedhutti, Mehsaan dubartii tokkitti murteen du’aa irratti darbedha.
Akka maddeen jedhanitti, leenjistuun kubbaa saaphanaa Fahimaa Karamii, kan Tehraan keessatti to’annoo jala oolfamte yakka moharebeh jedhamuun himatamteetti, angaawooti naannichaa garuu kana ni haalu.
Dubartiin biraa, Farzanee Garee-Hasanluu, abbaa warraa ishee Hamiid Garee Hasanluu wajjiin to’annoo jala oolfamtee, jalqaba murtee du’aaf saaxilamtee turte.
Boodarra hidhaa waggaa 25 fi biyyaa ar’iamuun irratti murtaa’ee, abba warraa ishee irratti ragaa akka baatuuf dirqisiifamuun ishees himameera.
Taphataa Kubbaa Miilaa
Amiir Nasiir Azadaaniin fincilaa fi ajjechaa koloneelaa poolisii Ismaa’il Chiraagi jedhamuu fi loltoota waraanaa Basiij lamaan himatame.
Akka taphataa kubbaa milaatti Nasiir kana dura gartuulee Iraan hedduuf taphateera.
Waldaan taphattoota kubbaa miilaa addunyaa FIFPRO Tiwiitara gubbaatti, Nasiir “erga mirga dubartootaa fi walabummaa bu’uuraa biyya isaa keessaaf falmee” boodaa murtee du’aaf saaxilamuu isaan “rifachuu fi aaruu” ibseera.
Namootni lama biroon – Sa’iid Yaquubi fi Saleeh Mirhashmii- ajjechaa Isaa’il Chiraagi irratti hirmaachuun himatamaniiru.
Hadis Najaafi: Shamarree TikTokiin beekamte
Hadiis Najaafii, shamarreen umurii ganna 22 TikTokeer taate magaalaa Karaaj keessatti Fulbaana 21 ajjeefamte.
Guyyaa 40ffa ajjechaa ishee irratti lafa awwaalchaa ishee qaqqabuuf namoota kumaatamaan deemaa turan keessaa hedduun to’annoo jala oolfamaniiru.
Oggeessi Raadiyoolojii, umurii ganna 53 Hamiid Garee-Hasanluu fi haati warraa isaa Farzanee Garee-Hasanluu, namoota 15 yakka “malaammaltummaa lafarraan”, himata ajjeechaa miseensa humna waraanaa hiriira sana irra tureen walqabateen himataman keessatti argamu.
Yeroo miseensa humna waraanaa Basiij kana irratti haleellaan ga’aa ture abbaa warraa fi haati warraa kun hiriira mormii Karaaj irraa manatti deebi’aa turani.
Hiriyyaan isaanii, Dr Hamiid Hassaanii, akka BBC Pershiyaatti himanitti, lamaan isaaniiyyuu mormitooti akka loltuu kana reebuu dhaabaniif ittisaa turani. Loltuun kun boodarra sababa reebicha irra ga’een lubbuun isaa darbeera.
Hamiid fi haati warraa isaa waaree boodarra, intala isaanii umurii ganna 13, kan akka waa’ee to’annoo jala oolchuu isaanii hin dubbanneef dorsiisamte fulduratti to’annoo jala oofamani.
Obbo Hamiid irratti murteen du’aa yoo murtaa’u, haadha warraa isaanii Farzanee irratti ammo hidhaan waggaa 25 itti murameera.
Mohaammad Mehdii Karmiinis yakka “malaammaltummaa lafarraan” himatamee murteen du’aa irratti murtaa’eera.
Abbaan isaa gaaffii fi deebii gaazexaa Etemad waliin taasiseen: “Nuuf bilbilee akka ajaji kennameeruufi nutti hime: ‘du’atu natti murtaa’e’. Ilmikoo boo’ichaan ‘harmeekootti homaa hin himin’ naan jedhe,” jechuun dubbataniiru.
Taatoon Husseen Mohammadii nama biraa yakka “malaammaltummaa laffarraan” himatamee murteen du’aa itti murtaa’edha.
Namichi maatii hin qabne, Sayeed Mohaammad Hosseeni jedhamus himata walfakkaataan himatameera. Maatiin hidhamtoota biroo isa gargaaruuf yaalaa jiru.
Dhiirota Kurdish
Magaalaa namootni gosa Kurdish itti baayyatan, Oshnavee keessattis hiriirri mormii ka’eera.
Farzaad fi Farhaad Tahzadee obbolaan Kurdish magaalaa Oshnavee keessatti to’annoo jala oolfaman yoo ta’an, harmeen isaanii lubbuu ijoollee ishee baraaruuf gargaarsa gaafachuun viidiyoo gadhiisteetti.
Akka maddi maatii isaaniitti siqu BBC Pershiyaatti himetti, Farhaad fi Farzaad irratti murteen du’aa murteeffamuu isaa mana murtiin mirkaneeffameera.
Akka Netoorkiin Mirga Namoomaa Kurdistaan jedhutti lammiilee Kurdish biroo irratti murteen du’aa murtaa’eera: Karvaan Shahiparvanee, Rezaa Islaamdoost, Hajaar Hamiidi fi Shahraam Marufmool kanneen jedhaman.
Doqdoqqee fi qodaa kosiitti ibidda qabsiisuun
Sahaandi Noormohammadzadee, umurii ganna 26, erga yakka “dinuummaa Waaqaan” himatamee booda murteen du’aa itti murtaa’eera.
Qodaa kosiitti ibidda qabsiisuu fi tiraafikii cufuun himatame, inni garuu himata lamaan haaleera.
Sagalee warabamaa BBC Pershiyaan argate irratti, Sahaandiin utuu dhaddachatti hin dhiyaatiin egereen isaa akka murame dubbateera:
“Akkuman wajjira abbaa alangaa keessa ejjedheen, adda kee irratti: murtee du’aa! Fannisaanii! Kan jedhu barreeffameera naan jedhe!”
Magaalota addaa Teheraan, kan akka Ekbataan keessatti hiriirri mormii hedduu gaggeeffameera.
Hiriira mormii kunneen booda naannicha keessatti yoo xiqqaate namootni sagal murtee du’aa itti murtaa’ee akka eeggataa jiran amanama: Milaad Armoon ,Nasto Nikhaa, Manoocher Mehmanovaaz, Mohaammad Birognii, Mohaammad Qabadloo, Abolfazil Mehri Hosseen Hajii, Mohseen Rezazade Qaraqloo, Sa’iid Shiraazi fi Akbaar Gaffaari.