Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraanitti dubartiin hijaaba hin uffanne jedhamtee hidhamte du'uun dheekkamsa kaase
Iraanitti dubartiin ganna 22 hijaaba mataatti godhachuu didde jedhamtee poolisiin erga to'annoo jala oolchee booda reebicha hamaa irra gaheen duute jedhamuun dheekkamsa kaase.
Namoonni ijaan argan dubartiin Mahsaa Amiinii jedhamtu kun poolisiin erga qabee booda konkolaataa keessatti reebicha hamaa irraan gahuu dubbatan.
Akka namoonni kun jedhanitti Mahsaan Fulbaana 13, 2022 magaala guddoo Iraan kan taate Tehraan keessatti qabamte.
Poolisiin himata irratti dhiyaatu haalun Mahsaa Amiinii "tasa dhibee onneetin dhukkubsatte" jedhe.
Iraanitti haleellaa jabaa yeroo garaa garaatti dubartoota irra gahu keessaa taaten du'a Mahsaa Amiinii torban kana mudate tokkodha.
Maatin ishee akka jedhanitti osoo Mahsaan dhibee du'aaf ishee saaxilu homaa akka hin qabnee fi osoo hin hidhamin dura fayyaalettii turte.
Haa ta'u garuu, poolisiin ishee qabee sa'aatii muraasa gidduutti hospitaalatti geeffamuu ishee itti himame.
Mahsaa Amiinii Fulbaana 16, 2022 duute, hanga dhumaatti akka of-hin beekne dubbatu maatiin ishee.
Mahsaa Amiinii kan hidhamte waa'ee hijaaba godhachuu "akka barsiiftamuufidha" jechuun dubbate poolisiin Tehraan.
Iraan keessatti dubartiin hijaaba yookiin marxoo fuula dhokfatan godhachuun dirqama.
Duuti Mahsaa kan dhagahame yeroo dubartoota mataa isaanii hijaaban hin haguugganne irra dhiibbaan gahu dabalaa dhufettidha.
Dubartoota hijaaba hin godhanne biiroowwan mootuummaa fi baankii fa'aa galanii akka hin hojjanne dhorkamuu gabaasni yeroo garaa garaa bahu ni agarsiisa.
Iraan keessatti poolisiin addatti dhimma duudhaa biyyattii kabajachiisu (morality police) jira.
Hojjattoota mootummaa dabalatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaa irratti waa'ee poolisoota seera duudhaa kabachiisanii mormuun haashtaagii 'Warra Nama Ajjeessan' jechuun duula gaggeessaa jiru.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamu irratti poolisoonni dubartoota osoo hidhanii, reebanii fi lafarra harkisuun ariitin osoo fuudhanii deemanii mul'atu.
Lammiilen Iraan hedduun isaanii kallattiidhaan gaggeessaa biyyattii Alii Khameenii komatu.
Kanaan dura waa'ee barbaachisummaa poolisii dambii duudhaa kabachiisuu dubbatuu fi dubartoonni hundi akka seera Islaamatti dambii uffannaa Islaamaa hordofuu akka qaban isa dubbatanii turan irra deebiin qoodaa jiru.