Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan namoota basaastota Israa'el waliin hidhata qabu jette du'aan adabde
Iraan namoota afur basaastota Israa'el waliin hidhata qabu jettee irratti adabbii du'aa dabarsite.
Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti murteen kun kan darbe Dilbata kaleessaati.
Namoonni kunneen ''basaastota Israa'el waliin michoomuu'' fi ''yakka ukkaamsuu'' raawwachuun shakkamanii kan qabaman Caamsaa darbe ture.
Iraan ji'ootaaf mormiidhaan dhiphataa erga turtee booda dhumarratti tarkaanfii adabbii du'aa kana dabarsite.
Kana malees namoonni biroo sadi ammoo hidhaa waggaa shanii hanga 10tiin adabamaniiru.
Iraan fi Israa'el biyyoota walqoccollaan jiraataniidha, waggoota hedduuf dubbii walbarbaadaa, jajjabaa walii waljalaa ajjeesaa jiraatan.
Israa'el biyyoota Iraan irratti hiriira mormii qindeessan keessaa adda dureedha, hiriirri mormii Iraan irratti akkaan hammaate balaaleffannaa dhimma dubartii mana hidhaa Iraan keessatti duute irraa kan madde ta'us, Israa'el garuu mootummaa biyyattii balaaleffattee hiriira mormii irratti qindeessaa turte.
Manni Murtii Iraan hiriira mormii kanaan walqabatee hanga ammaatti namoota ja'a du'aan adabuu mirkaneesseera.
Gareen mirga dhala namaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal ammoo gabaasa mootummaa Iraan wabeeffachuun, ammallee namoonni 21 ta'an adabbii du'aa eeggachaa jiru jedhe.
Akka garee kanaatti du'aan nama adabuun addunyaarraa Chaayinaa malee kan Iraan dursu hin jiru.