Iraan namoota mootummaa morman irratti dabalatan adaabbii du'aa murteessite

Iraanitti mormii mootummaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee namoota afur irratti adabbii du'aa murteessite.

Biyyattiin namoota kana irratti du'a kan murteessite isaan "diina Waaqayyooti" jechuudhaan.

Manni murtii Tehraan akka jedhetti, namoota du'i itti murtaa'e keessaa tokko poolisii rukutee kan ajjeessedha.

Namni lammaffaan ammoo albee fi qawwee qabatee yoo argamu namni afraffaan duuti itti murtaa'e daandii cufuun "hokkora" uume jedha himanni dhiyate.

Miidiyaan Iraan Mizan jedhamu akka gabaasetti himatamaa afraffaa duuti itti murtaa'e ammoo albeedhan nama miidhe kan jedhuudha.

Qaamoleen mirga namaaf falman murtee ajjeechaa kana mormaa jiru. Erga Dilbata darbee as Iraan namoota shan irratti murtee ajjeechaa murteessiteetti. "Adeemsa qorannoo keessatti mormitoonni mirga abbaa seeraa argachuu hin qaban, sobaan jecha akka kennaniif reebichaa fi dhiibbaa heddutu isaan ira gaha. Kana irratti hundaa'un murteen itti kennama," jedha daayireektaa Mirgoota Namoomaa Iraan Mahamud Amiriy.

Eenyummaa namoota adabbiin du'aa itti murtaa'ee kanaa manni murtii biyyattii ifa gochuu baatus himata isaanii irraa ka'uun Amnestii Intarnaashinaa maqaa isaanii ifa godheera: Mohammad Ghobadlou, Manouchehr Mehman Navaz, Mahan Sedarat Madani, Mohammad Boroughani fi Sahand Nourmohammad-Zadeh dha.

Mormii Iraan keessatti mootummaa biyyattii mudateen hanga ammaa mormitoonni 348 yoo du'an 15,900 kan ta'an ammoo hidhamaniiru.

Sababa mormii kanaa kan ta'e ammoo shamarreen ganna 22 Mahsaa Amiini jedhamtu ji'a lama dura akka seera Shari'aatti rifeensa ishee hin haguugganne jedhamtee poolisiin erga qabamtee booda mana keessatti du'uu ishee hordofeeti.

Bara 2019 bifuma walfakkaatun Iraan keessatti mormii mudateen namoonni hedduun ajjeefamanii turan. Yeroo sana keessumaa ji'a Sadaasaa keessadha namoonni kan dhuman. Yeroo sana lammiilen biyyattii hedduun gatiin boba'aa dabaluu isaa hordofee mormii gaggeessaniin namoonni heddu dhuman.

Taatee bara 2019 mudate sana yaadachuuf lammiilen Iraan ji'a Sadaasaa kana mormii guyyaa sadii fi hojii dhaabuu gaggeessuf bellama qabatanii turan. Kibxata darbe magaala Tehran dabalatee magaalota biroo keessatti mormiin bulchitoota biyyaa irratti gaggeeffamaa ture. Namoonni hedduun karaatti yaa'anii "duuti abbaa irreef haa ta'u" jechaa turan.

Miidiyaalen Iraan akka gabaasanitti erga mormiin kun eegalee mormitootan alatti qaamoleen nageenyaa 38 du'aniiru.