Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi waggaa 50 oliif qaama dhiqatee hin beekne, qaama irraa dhiqnaan du'e
Namni lammii Iraan walakkaa jaarraatii oliif qaama isaa dhiqatee hin beekne ganna 94 tti du'e.
Amuu Haji qaama isaa osoo hin dhiqatin waggaa 50 oliif turuu isaarraa kan ka'e "nama xuraa'aa addunyaa" jedhamuun beekama.
Iraan, bulchiinsa Faars keessa jiraataa kan ture Hajiin namoonni naannoo sanaa akka inni qaama dhiqatuuf irra deddeebin yaalanis "dhukkubaaf na saaxila" sodaa jedhuun didaa ture.
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti dhuma irratti ji'oota muraasa dura humnaan akka qaama isaa dhiqatu godhamee ture.
Ejansii oduu Iraan akka gabaasetti erga qaama isaa dhiqatee baay'ee osoo hin turin xiqqoodhuma dhukkubsatee du'e.
Bara 2014 Tehran Times waliin turtii taasiseen nyaanni inni jaalatu [foon] xaddee akka ta'e dubbatee ture.
Tajaajilli Oduu Iraan akka gabaasetti waggoota dheeradhaaf qaama isaa osoo hin dhiqatin turuu isaa irraa kan ka'e qaamni isaa malaa fi xuriin irra tuulamee mul'ata.
Hajiin tamboo xuuxuus ni jaalata. Maatii qabaachuu fi dhiisuu isaa waanti beekamu jiraachuu baatus namoonni naannoo sanaa deeggarsa gochuufiif yaalaa turan.
Yeroo heddu nyaata fi bishaan qulqulluu kennuufif yaalamus kanatti akka gaddu ibse jechuun gabaase Tajaajilii Oduu Iraan.
Nama waggoota dheeradhaaf qaama isaa osoo hin dhiqatin du'e isa jalqabaati moo miti kan jedhu falmisiisadha.
Bara 2009 Indiyaa keessa namni waggoota 35'f qaama isaa hin dhiqatinii fi ilkaan isaa hin rigatin ture jira jedhamee gabaafamee ture.
Sana booda namni sun maal akka ta'e waanti beekamu hin jiru.