Dubartii ulfaatina qaamaa hir’isuuf garaa baqaqfamutti gaabbitu- Emaa

Emaan UK ,Weelisirraa gara Tarkii wal’aansa baqaqsanii yaalutiin ulfaatina qaama ishee hir’su erga taasifte booda ji’oota shanan darban hospitaalaa hin baane.

Gatii rakasaan ulfaatina qaama ishee hir’isuuf ''biyyaa bahuuf murteessu kootti guyyaa hundan gaabbaa jira'' jette Emaan.

''Kuni muuxannoon jireenya kootti arge keessa isa hunda caala hamaadha,'' jette ibsite.

Emaan dubartii ganna 34 yoo taatu, Weelsi Poortkaawil, keessa jiraatti.

Wayita Emaan wal’aansa baqaqsanii yaaluu gatii rakasaan argachuu UK keessaa gara Tarkii deemuuf kaatu hakiimonni akkas jechuun akeekkachiisanii turan;''namoota hedduu rakkoo fayyaa walxaxaa lubbuu isaaniif yaaddessuun qabamee gara biyyaatti deebi’a keessaa tokko taata,'' jedhanii akka dhiiftu akeekkachiisanii turan.

Bulchinsi mootummaan Weelsi namoota ulfaatina qaama isaanii hir’isuu barbaadan hundaaf Tajaajilli Wal’aansa Fayyaa Biyyolessaa (NSH) akka kennamu eere.

Amma Emaan wal’aansa baqaqsanii yaalu Tarkii, Istaanbulitti taasifteef gaabbaa jirti.

Haadha ijoollee sadii kan taatee Emaan, erga wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefi booda halkan tokko ''miira natti hin tolletu natti dhagame, harganuuf nan rakkadhe,'' jette.

Garaacha ishee uraatee dhukkubsatte.

''Nimooniyaanillee na qabee ture. Sana booda naannoo diyaafiramii koo jalaan dhangala’aan argame, uraa naannoo garaacha kootti mudateen walqabatee dhiitoon kulkule naannoo sombakoo jalatti mul’ate ,’’ jette.

Emaan torbanoota 15 hospitaala turte. Ebla darbe erga wal’aansi baqaqsanii wal’aanu jalqabaa taasifameefi asitti marroo lamaaf wal’aansa baqaqsanii yaaluu gochuuf dirqamte.

''Hospitaala Tarkiitti argamu sana waliin idileen dubbachaan jira, garuu lammaffaa achi hin deebi’u, deebi’uun waan suukanneessadha,'' jette.

''Wal’aansa baqaqsanii yaaluu raawwachuu kootti baayyeen gaabba- nan du’aa laata, ijoolleen koo akkuma salphaatti haadha malee hafu jedheen yaadda’aa,’’

Ogeessi baqaqsanii yaaluu Adiriiw Biimish, dhukkubsattoonni hedduun biyya hambaatti yaalamanii gara UKtti wayita deebi’an rakkoo fayyaa walxaxaa fi lubbuu isaanii gaaga’u malu fudhatanii deebi’u jedhan.

Biimish, Weelsiitti kan argamu hospitaalaa Morristoonitti jaarmiyaa wal’aansa baqaqsanii yaaluu ulfaatina qaamaa hir’isuurratti hojjatu keessa dalagu. Wal’aansichi bu’aa yeroo dheeraaf turus hin qabu jedhan.

Jaarmiyaan wal’aansaa Weelsitti argamu tokkichi kun wal’aansa ulfaatina qaamaa hir’isu dhuunfaan yaalamuuf yoo ta’e Paawundii 12,000 ol gaafata, biyyoota birootti Paaawundii 3,000 ta’uun hojjatama.

Wal’aansi baqaqsanii yaaluu kun ‘bariatric or metabolic surgery’ kan jedhamu yoo ta’u namoota ulfaatinni qaama isaanii garmalee olaanaa ta’eef yeroo tokko tokko taasifama.

Wal’aansi kun ulfaaatina qaamaa sirritti hir’isuun dhibeewwan akka sukkaaraa gosa lammaffaa ykn dhiibbaa dhiigaa olaanaa wayyeessuuf ni oola jedha Tajaajilli Fayyaa BiyaaleessaUK -NSH.

Wal’aansa kana argachuuf namoonni yeroo dheeraaf dabaree eeggatu.

Biimish akka jedhanitti, wal’aansi kun mala ulfaatina qaamaa akka waligalaatti to’achuu kan kennamu ta’uu eeran.

Wal’aansa baqaqsanii yaalu furdina garmalee hir’isurratti gorsaa kan ta’an Biimish, namoonni galii xiqqaa argatan wal’aansa kana argachuuf UK keessaa bahanii gara biyya biraa akka deeman eeran.

Dhukkubsattoonnii boodarra baqaqsanii yaaluu UK keessatti kennamu wajjin wal’aansichi akka walfakkaatu ni hubatu jedhan.

Namni biraa Hannaa jedhamtu haaluma walfakkaatuun Sadaasa darbe erga deesse ulfaatinni qaamaa ishee waan dabaleef, Tarkii Istaanbulitti erga wal’aanamtee booda urachuu garaachaa wajjin rakkoo walqabatuuf deebitee hospitaala seene.

Dubartiin ganna 24 maqaan ishee inni sirriin akka dhahamu hin barbaanne kun hiriyaan haadha kootii Tarkiitti erga wal’aanamtee booda ‘’bu’aa ajaabisiisaa argatte, sana booda anis namoota wal’aansa sana argata biroo karaa toora intarneetiin qunname, itti aansee anis nan galmaa’e’’jette.

Wal’aasi baqaqsanii yaaluu erga godhameefi guyyoota jaha booda gara Weelisitti erga deebtee booda gateetti fi dugda ishee irra dhukkubbiin itti dhaga’ame. Sababa kanaaf daa’ima ishee olfuudhu dadhabde.

Hannaan erga Caamsaa 2022 as hospitaalatti yaalamaa jirti.

‘Wal’aansa baqaqsaanii yaaluu taasisu kootti nan gaabba, jiruu daa’ima kootiirratti akka waanin qoosetti natti dhaga’ame, nan gaabbe,’’ jette.