Loogiifi qollifannaa sababa ulfaatina qaamaa bakka hojiitti mudatu seerri ni hambisaa?

Ulfaatinni qaamaa adeemsa qacarrii hojii, guddina hojiifi fayyaa sammuu namootaarratti dhiibbaa hin malle uumaa waan jiruuf seerri kana dhaabuu danda'u akka qophaa'u yaadni dhiyaachaa jira.

Koortinii (eeggannoof jecha kan maqaan ishee jijjiirame) kaampanii faashinii biyya Kaanadaa keessatti qacarmatee waggaa tokkoof akkuma hojjetteen qooda fudhattoota waliin walgahii godhamurratti akka hin hirmaanne taasifamuu jalqabde.

Waggaa tokkoo fi ji'a jahaffaa isheetti ammoo raawwii hojii ishee gamaaggamuuf hoogganaa ishee waliin teesse.

Daqiiqaa 10 hojii gaarii isheen hojjette erga itti himee booda daqiiqaawwan 20 isaan booda turan garuu haalli qaama isheetii hojii isaaniirratti dhiibbaa uumuufi waan kanaan walqabatu haasa'uun ishee dinqe, miira ishees miidhe.

''Haallii qaama kootii hojii koo miidhuu natti hime. Ifatti hojii kanaaf furdinni qaama koo baay'ee guddaa ta'uu natti hime.

''Walgahii qooda fudhattootaarratti yeroon hirmaadhu arguun akka isa saalfachiisu natti hime. Maqaa gaarii horate akkan jalaa balleesses dubbate.''

Hogganaan ishee kun jiimii deemuu akka qabduufi uffata guddina qaama ishee agarsiisu akka hin uffannellee itti hime. Uffata haaraa akka bitattu, guyyaa guyyaan meekaappii akka dibattus gorse.

''Inuman raafame. Dhugaa dubbachuuf waanan boo'uuf ka'e akka ta'etti natti dhagaahame,'' jetti.

Hatattamaan miirri hojiif qabdu gadi-bu'uu, hiriyyoonni ishee waayee ishee waan yaadan irratti dhiphachuu fi akka malee jeeqamuu himti.

Loogiin ulfaatina qaamaan walqabatee qaqqabu isteetota muraasa US akka Michigaan, magaalota akka Saan Firaansiiskoo, Wiskoonisiniin alatti seera qabeessa fakkaata.

Dhimmoota akka koorniyaa, sanyii, amantaa fi waan saalaan walqabatan irratti seeronni loogii dhorkan bahaniiru. Ulfaatinni qaamaa garuu ammallee loogiif nama saaxilaa jira.

Ilaalchi dogoggoraa fi loogiin ulfaatina qaamaa akkamiin calaqqisa?

Namootni beekaniis ta'e osoo hin beekiin ulfaatina qaamaan loogii fi miidhaa akka qaqqabsiisan namootni irra gahe hedduun ni dubbatu.

Yuunivarsiitii Konneektikat biyya US keessatti muummee barnoota misooma namaafi saayinsii maatii(human development and family sciences) keessatti barsiiftuu kan ta'an Rebekaa Pool, ''ulfaatina qaamaa irratti hundaa'ee loogiin godhamu karaa adda addaan ibsama, kaan ifatti kaan dhoksaatti'' jedhu.

''Namootni hojiif qacaramuuf yoo dorgoman sababa ulfaatina qaama isaaniin loogiin irra gaha. Gahuumsa walfakkaataan nama qal'aarra namni akkaan furdaan carraa qacaramuu dhabuu guddaa qaba'' jedhan.

Ragaa gahaan jiraachuu baatus, bara 2008 qorannoon gaggeeffame tokko namootni hojiitti qacaramuuf iyyatan akkaa ol furdannaan warra ulfaatina sirriidha jedhamu qaban waliin walbira yeroo qabaman hojii ofii qixa barbaadamutti bahuu dhabuufi amaloota namoomaa gaarii hin qabu ilaalchi jedhu jiraachuu ibsan.

Qorannoon bara 2021'tti Pool waahillan isaanii kaan waliin qo'atan namoota qo'annichaarratti yaada kennan keessaa dhibbeentaan 58 sababa ulfaatina isaaniin bakka hojiitti waahillan isaaniirraa loogii fi qollifannaan irra gahuu agarsiiseera.

Qo'annoo kana irratti Awustiraaliyaa, Kaandaadaa, Faransaay, Jarmanii, UK fi US irraa namoota 14,000 ta'anitu hirmaate.

Namootni sababa ulfaatina qaama isaaniif carraa guddinaa dhaban fi haala sirrii hin taaneen waliigalteen qacarrii isaanii adda cite '' jiru jedhu Pool.

Qorannoon HR professionals bara 2012 ammoo kanneen ulfaatinni qaama isaanii guddaa ta'e carraan qacarrii darbuu fi sadarkaa hooggansaa argachuu isaanii xiqqaadha jedha.

Dhaabbata faashinii Koortiniin keessatti hojjettuttii waahillan ishee waggaa tokkoofi lamaan guddina yoo argatan isheen dhabuu himteetti.

Michigaan keessatti ogeessa abbaa alangaa dhimmoota qacarrii hojii kan ta'an Biraayan J Faraar loogiin ulfaatina qaamaa irratti hundaa'u gosa hojii hundarratti ni calaqqisaa jedhan.

Hojiilee ''hojjettootni maamilaan wal-haasa'uu feesisu'' irra hojjetan ammoo caalatti saaxilamoodha jedhan. Ristoraantiiwwan bakka gurgurtaa omishaaleefi kanneen akkasii keessatti carraa loogiifi qollifannaa guddaa ta'uu dubbatan.

Gosa hojiin cinaatti koorniyaarrattis hundaa'ee loogii fi qollifannaan ulfaatina qaamaan walqabatu akkaan guddaa ta'uu Pool ni dubbatu. Dhiira ulfaatina qaamaa guddaa qabu caala dubartootni miidhaa fi qollifannaaf saaxilamoodha jedhan.

Galii namni argatu irratti hundaa'uun hangi loogiifi qollifannaa ulfaatina bu'uureffate garaagarummaa akka qabaatu ogeeyyiin kun ni dubbatu.

Kanneen galii gadaanaa qaban loogii isaanirra gahus hedduu waan hin ibsamneef miidhamni isanaii ni dabalaa jedhu ogeessi seeraa Faraar.

Dhiibbaa loogiifi qolliffannaan ulfaatina qaamaa qabu

Ulfaatina qaamaa irratti hundaa'uun loogiin qaqqabu gama hedduun dhiibbaa qaba. Hojii ofiirratti laafina agarsiisuu hanga fayyaa sammuutti.

Akkaa ol furdachuun hanga galii namni sun argatuu xiqqeessuu akka danda'uufi kun immoo dhiira caala dubartoota akka miidhu qorannooleen akeekaniiru.

Ilaalchiifi yaadni loogiin ulfaatina irratti hundaa'e amala fayyaa sirrii hin taane akka horatamu, haalli hirribaa akka jeeqamuu, aalkoolii fayyadamuu, sochii qaamaa hir'isuu fi amala nyaata lagachuu fa'a hordofsiisuu mala.

Koortiniin sababa loogii irra gaheefi cenqaan jireenyaa biroon itti dabalamee boqonnaa hojii yeroo fayyaa dhaban fudhatamu (sick leave) waggaa lamaaf fudhachuuf dirqamteetti.

Loogiifi miidhama sababa ulfaatina qaamaan bakka hojiitti namarra gahu hambisuuf seerii bahuu qabaa jedhu ogeeyyiin kun. Puhl ammoo seerri qofaan gahaa miti ilaalchi hawaasni dhimma kanarratti qabus jijjiiramuu qabaa jedhu.

Akkuma dhimmoota koorniyaa, sanyii, amnatiifi ilaalcha saalaa irratti seerri bahe isa kanaafis seerri akka bahu ammoo dhiibbaa gochaa jiru.

''Hawaasaafi aadaa ulfaatinni gaafatama nam dhunfaati ykn agarsiisftuu nama laafaati jedhee yaadu keessa jirra'' garuu ammoo ilaalcha san jijjiiruuf seerri ni barbaachisaa jedhu Puhl.

Muuxannoo irra gahe kan qoodde Courtney gama isheen seerri loogii qo4latu bahuus miidhamni sun irra gahuu akka malu akeektee garuu ammoo Kaanadaa keessa seerri akkasii akka barbaachisu himti.

Boqonnaa waggaa lamaa booda hojiisheetti deebituus miidhaafi loogiin waan itti fufeef boodarra ''haala hamaa keessa bahuuf murteessuu himteetti.

''Sammuu koo keessa waayee mataa koo, waayee dandeettii hojii koo, waayee hojiin barbaaduu shakki naqeera'' jetti Courtney.