TV'n mootummaa Iraan tamsaasa kallattiirra osoo jiruu butamuun ergaan mormii dabre

Sanbata irratti miidiyaan TV mootummaa Iraan tamsaasa kallattiirra utuu jiruu butamee (hack) mormiin hoogganaa biyyattiirratti darbaa ture.

Iskiriinii irratti jalqaba maaskiin mul’ate sana booda suuraa Hogganaa biyyatti Ali Kamanee ibiddaan marfametu mul’ate.

Gartuun kun “Adalat Ali” ykn “Haqa Alii” jedhee of waama.

Kun kan dhufe du’a Mahsaa Amiinii booda yeroo hiriira mormii irratti mormitoonni qaamolee nagaa waliin wal dhabanitti, yoo xiqqaate namootni sadii rasaasaan ajjeefamanii booda.

Aadde Aminiin rifeensa ishee sirriitti hin haguugne jedhamuun himatamtee poolisii naamusaa/safuun to’annoo jala oolfamte.

Shamarreen ganna 22 kun Fulbaana 16 irratti to’annoo poolisii jala utuu jirtuu lubbuun ishee darbe.

Du’i ishee biyyattii guutuutti hiriira mormii guddaa kaaseera.

Tamsaasi Sanbataa sagantaa Oduu TV kanaa kan addaan cite waaree booda naannaa sa’aatii 12:00tti yoo ta’u, suuraaleen hoogganaa biyyattii xiyyeeffannoon akka irra jiru mul’isu, kan Aadde Aminii fi dubartoota sadii biroo hiriira mormii irratti ajjeefamanii mul’ateera.

Barreeffamni suuraalee kana waliin mula’te tokko “nu waliin ta’aati ol ka’aa” kan jedhu yoo ta’u, inni biraan ammo “dhiigni dargaggoo keenyaa harkakee irraa coccobaa jira” kan jedhu ture.

Ergaan haak ta’ee mul’ate kun, utuu addaan hin kutamiin sakandii muraasaaf qofa mul’ate. 

Sochiin mormii Ayaatoolaa Alii Kamenii irratti yeroo hedduu hin mula’tu. Hoogganaan kun Iraan irratti aangoo guutuu jedhamu qaba.

Ajjeechaa Aminii booda garuu, mormiiwwaan ifatti mul’achuu eegalaniiru.

Dabalataanis Sanbata, miidiyaalee hawaasummaa irratti, yeroo Pirezidaant Ibraahim Rayisii daawwanaarra turanitti viidiyoo yeroo barattoonni dubaraa Yunivarsitii Teehraan tokko keessatti “asii badi” jechuun dhaadatan mul’atee ture.

Dursee guyyaa sana, Sanandaaj keessatti, namicha deeggarsa isaa mormitootaaf dhageessisuuf jecha kilaaksii konkolaataa isaa dhageessise achummatti rasaasaan rukutame dabalatee, namootni lama ajjeefamaniiru.

Viidiyoon miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodame, magaalaa Mashhaad keessatti dubartiin tokko mormarra rasaasaan rukutamtee of wallaaltee daandirraa kuftee jirtu mul’isa.

Sanandaaj keessatti, namichi tokko “mormitoota faallaan” ajjeefame jechuun qondaalli poolisii tokko himuu isaa miidiyaan mootummaa IRNA gabaaseera.

Jimaata irratti Dhaabbatti Mediisinii forensikii Iraan akka jedhetti, Aaddee Aminiin kan lubbuun ishee darbe, sababa hanqina oksijinii (hypoxia) uumameen, kutaaleen qaama ishee hojii waan dhaabeefi malee, sababa mataarra reebamteeti jechuun maatii fi mormitoonni himaniin miti jedheera.

Gartuuleen mirga namoomaa akka jedhanitti, hiriirri mormii Fulbaana 17 irratti biyyattii keessatti erga eegalee booda, namootni 150 ol ajjeefamaniiru.

Magaalota hedduu keessatti suuqoti mormitoota deeggaruuf jecha cufamanii jiru, dabalataanis baazarii Teehraanitti mormitoonni tokko tokko suuqii poolisiitti ibidda qabsiisanii humnooti nageenya ari’aniiru.

Mormitoonni bazaarii Teehraan ga’uun isaanii hoggantoota Iraan wanta rifaasisu maludha, sababiin isaa daldaltoota bazaaricha akka deeggartoota isaanitti waan lakkaa’aniif.