Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeequmsa Iraanitti gaggeeffamaa jiru jidduutti barattoonni danqaman
Iraanitti guyyaa Dilbataa yunivarsitii maqaa guddaa qabu tokko keessatti polisoonni biyyattii barattoota waliin walitti bu'uu maddeen miidiyaa hawaasaa fi miidiyaan mootummaa gabaasan.
Akka gabaasaaleen jedhaniitti, Yunivarsitii Shaariif kan Teehraan keessatti barattoonni hedduun bakka konkolaataan dhaabatu keessatti danqamaniiru.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifaman akka mul'isaniitti, barattoonni dhukaasa humnootii nageenyaa jalaa baqataa turan.
Hiriirri mormii mootummaa Iraan keessatti Fulbaana erga dhubartiin poolisiin to'atamte ajjeeffamte booda eegale.
Maahsaa Amiini, shamarreen wagaa 22, erga iskaarfii mataatti hin haguggannee jechuun to'atamteen sa'aatiiwwan muraasaan booda ofi wallaaluun koomaa keessa seente.
Qondaaltoonni poolisiis mataa ishee keessa akka reebuufi konkolaataa poolisiitti mataan rukutuun gabaafame.
Poolisiin garuu miidhaa irraan gahuudhaaf ragaa omtu hin jiru jechuun akka ''rakkoo onnoo tasaa'' mudate hime.
Mormiin guyyaa sirna awwaalcha ishee eegalees guutuu biyyatiitti babal'achuun jeequmsa barootaaf biyyatiitti mul'ate hin beekne ta'e.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame tokko akka mul'iseetti, barattoonni Yunivarsitii Shaariif keessatti humnootii nageenyaa jalaa baqataa jiru. Sagaleen akka waan rasaasni fageenya irraa dhokaafamu fakkaatu ni dhagama.
Gama biraatiin ammoo humnootiin nageenyaa doqdoqqee irra jiran konkolaataa imlatoota viidiyoo waraaban qabatee tureerratti dhukaasaa turan. Miidiyaaleenis humnootiin nageenyaa bakka bulmaata barattootaa irratti haleellaa raawwachuu fi itti dhokaasu isaanii gabaasan.
Gabaasaalee kaan ammoo namoota mormii hiriiran irratti gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasu gabaasan.
Dilbanni barattoota Yunivarsitii Shaariifiitti barataniif guyyaa jalqabaa tarmii ture. Erga taatee kaampaasicha keessatti mudate kun dhagahameen boodas gara galgalaa keessa ummanni baayyeen karra alaa yunivarsitichaa duratti waliitti qabamanii ture.
Taatee yunivarsiticha keessatti raawwatame kana ilaalchise BBC maddatti mirkaneeffachu hin dandeenye.
Namoonni ajjeefaman dabalaa jirulleen, alkanoota lamaan darban keessatti mormiin mootummaa irratti gaggeeffamu teehraaniifi magaaloota gurguddoo biraa keessatti dabalaa dhufaa jira.
Mirgi Namoomaa Iraan-dhaabbanni Miti-Mootummaa Nooriwee keessatti bu'uureeffate akka jedheetti hanga yoonaatti waliigalatti namoonni 133 ajjeefamaniiru.
Aangaa'oonni mootummaa ammoo motmii harbeessitoota diinoota alaatiin qindeeffame jedheen kanarratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu waadaa seenee ture.