Obaamaan dubbii Tiraamp 'na ganeera' jechuun isa himatetti dheekkame

Pirezedantiin amma Ameerikaa bulchaa jiran Doonaald Tiraamp Pirezedantii duraanii biyyattii Baaraak Obaamaa bara 2016 akka filannoo hin mo'anneef ''na gananiiru'' jechuun himatan.

Tiraamp bara Pirezidantummaa isaanii marsaa jalqabaatti Raashiyaan filannoo Ameeerikaa keessa seenuu waliin Tiraamp hidhata qaba naan jechuun shira narratti dalage jedhan.

''Filannoo Ameerikaa bara 2016 hatuuf yaalaan'' jechuun Tiraamp Waayit Haawusitti wayita dhimma kana dubbatan, Obaamaan injifannoon ani Hilarii Kilinton irratti goonfadhe gatii dhabsiisuuf yaaleera jedhan.

Dubbi-himaan Obaamaa ibsa kanatti dheekkamuun ibsa kennan keessatti xiyyeeffannoo akka hin qabaanneef ''yaalii haleellaa dadhabaadha'' jedhe.

Gabaasa torban darbe Daarektarri Tika Biyyaalessaa Ameerikaa Tulsi Gabbard baasan keessatti, Obaamaa fi gareen nageenya biyyaalessaa isaanii waggootaaf ''Pirezidaanti Tiraamp fonqolchuuf yaalan'' jechuun himate. Tiraamp gabaasa Tika Biiyyaleessaa kana haasaa isaanii keessatti eeran.

Argannoo qo'annoo kanaa akka jedhutti, warreen Dimokiraatotatiin sobaniiru.

Tiraamp Kibxata darbe kana yaada kana kan kennan, wa'eee yakkaa saalqunnamtii walqabatuun kan himatamee ture Jeffiriiy Epstiin yeroo gaafatamanitti.

Jeeffiriiy Epstiin bara 2019 otoo himtamaa jiru mana hidhaa keessatti of ajjeese.

Bulchiinsi Pirezidant Tiraamp waa'ee namoota daa'imman gudeeduun balleessaan itti murtaa'ee odeeffannoo dabalataa akka kennu dhiibamaa jira.

''Yeroon namoota dhimma kan keessatti qooda qaban hordofuun ammadha, Obamaa kallattiin qabama,'' jedhan.

"Innis yakkamaadha. Kun gantummaadha ''jedhan Tiraamp.

Yaadni Tiraamp kennan kun kan dhagahame yeroo Pirezidantii Filiippiinsii Ferdinaand Maarkos Juuniyer masaraa Waayit Haawusitti simatanii ture.

Dubbi himaan Obaamaa Paatriik Roodenbush: "Kabaja Waajira Pirezidantiin alattii, Waajjirri keenya dubbii hin taanee fi odeeffannoo dogoggoraa ittifufinsaan Waayit Haawus keessaa bahaa jiruuf deebii kabaja hin kennu" jedheera.

"Garuu himannaan kun kan nama aarsuu danda'u ta'uu eere. Himannaan ajaa'ibaa kun sirrii kan hin taane fi yaalii dadhabaadha" jedha. Gabaasni Jimaata darbe Waajjira Daarektara Tika Biyyaalessaa irraa bahe akka agarsiisutti, iimeeliin Obaamaan gorsiitota isaanii wajjiin walii barreessan ifoomse.

Kana malees, firii qorannoo basaasaa Raashiyaan yaaliin kuusaawwan odeeffannoo filannoo Ameerikaa yaalte qorachuun akka hin milkoofne ukkaamsaniiru jechuun gabaasichi falmeera.