Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni haasaa Pirezidantii US barreessan eenyufaadha? Ifaajee akkamii keessa darbu?
Pireezidantii 46ffaa US kan ta'an Joo Baayidan dhaamsa pireezidantonni Ameerikaa waggaa waggaan uummataaf dabarsan-State of the Union jedhamu kan bara kanaa taasisaniiru.
Gareen haasaa pireezidantichi taasisu qopheessan Waashintan keessatti hojii hifachiisaadha jedhame kana yeroodhaan xumuruuf yeroosaanii aarsaa gochaa turaniiru.
Haasaan pireezidantii Ameerikaa irraa waggaatti yeroo tokko eegamu hojiiwwan raawwatamanii fi xiyyeeffannoo gara fuulduraa bal'inaan kan ibsuudha.
Uummanni biyyattii dubbii pireezidantii kana dhagahuuf gurra qeensee eega, hojiidhaan akka mul'atus fedha.
As keessatti dhimmoonni eeraman deeggarsa seera baastotaa argachuuf akkaan murteessaadha.
Koodii Keenan bara bulchiinsa Pireezidanti Baaraak Obaamaa daarektara garee haasaa pireezidantichaa qopheessanii ture.
Haasaawwan pireezidantichaa afur duuba isatu ture, kanaafuu dhimma kanarratti hubannoo bal'aa qaba.
''Haasaa kana qopheessuun pirojektii cimaa waggaatti raawwatamuudha. Baayyee kan nama sodaachisuu fi nama hifachiisu, akkasumas kan yeroo nama jalaa nyaataudha,'' jedhe.
''Wayita waan hunda qopheessitee xumurtu ammoo aara galfatta, itti boonta,'' jedha.
Haasaan jalaqabaa Pireezidanti Joo Baayidan Bitootessa bara darbee, Raashiyaan Yukireen weerartee guyyaa shan booda ture.
Haasaan isaanii kan lammaffaa ammoo Kibxata har'aa (Guraandhala 6, 2023) yoo ta'u, kunis wayita Rippaablikaanonni mana maree bakka bu'ootaa dhuunfatanii jiranitti.
Haalli kun haasaan bara kanaa kan bara darbeerraa bifa biraa akka qabaatu akkasumas ergaa jajjabaa akka of keessaa qabaatu taasisa.
Bara gadaa Baraak Obaamaa Aab Keenan fi gareensaa ji'a tokko yookiin lama wayita hafu haasaa qopheessuu eegalu.
Kutaa Pireezidantiin keessa taa'u- Oval Office keessatti galanii, foddaa fi balbala cufatanii sa'aatii dheeraaf barreessu, diiganii gulaalu.
Keenan fi waahilli isaa Susannah Jacob yoo barreeffamni isaa fudhatamee fi waan muraasa akka gulaalaniif gaafataman fuula ifaadhaan bakka riphanii as ba'u, yoo irra barreessan gaafataman ammoo dhiphuu hamaa keessa seenu.
Aab Keenan warra dubbi pireezidantii barreessan dursus, garuu gareesaa hedduurraa yaada fudhata, yeroo hoogganaa humna waraanaa fi pireezidantii mataasaarraa deeggarsa argatullee qaba.
Bara 2009 irraa hanga 2017tti haasaawwan Pireezidanti Baraak Obaamaa 500 ol qopheessuu keessatti ga'ee olaanaa kan gumaache Terry Szuplat, ''haasaa gara caalu kan qopheessu Baraak Obaamaadha,'' jedhe.
Haasaa taasisuun dura Pireezidant Obaamaan, kanneen haasaa barreessan waliin taa'uun qabxii ijoo dubbiisaaniirratti mari'atu.
Sanaan booda aanga'oonni mootummaa iddoowwan garaagaraa jiran walitti qabamuun yaada galtee ta'u itti dabalu, yookiin waan ba'uu qabu keessaa baasu.
Qabxiiwwan ijoo siyaasaa fi diinagdee ka'uu qaban jedhanii yaadan hunda tarreessu, achiin booda warri barreessan ammoo qabxiiwwan ka'an qindeessuun gulaalliif dhiheessu.
Qabxiiwwan akkaan barbaachisoo ta'an irratti xiyyeeffachuun, kanneen hin barbaachisne keessaa baasu.
''Haasaa pireezidantiin waggaatti taasisu kan cimaa fi hawwataa taasisu, imaammataa fi tarsimoo akkasumas sagantaawwan bulchiinsi aangoorra jiru qabate qixa sirrii fi yaa'a himaa jechoota hawwatoodhaan ijaarameen dabarsuudha. Kunis akkaataa seenaa fi mul'ata Ameerikaan walsimeen ka'uu qaba,'' jedha Aab Szuplat.
Qondaaltonni bara bulchiinsaa darbe keessa turan, Pireezidant Doonaald Tiraampiif haasaa barreessuun akkam akka turee fi haala keessa darbamerratti yaada osoo hin kennin hafaniiru.
Haata'u malee akka gabaasa New York Times'tti kan bara Tiraamp tures kan Obaamaan hagas mara adda miti.
Yaadonni michuuwwan siyaasaa Tiraamp hedduurraa walitti qindaa'e, Stephen Miller nama jedhamuun erga barraa'ee booda ''akkaataa dhibbaa dhibbatti jecha Tiraamp bakka bu'uun,'' barreeffama.
Pireezidant Joo Baayidaniif haasaa barreessuun baayyee ulfaataadha, hanga barreeffama isa dhumaarra ga'amutti yeroo hedduu irra deddeebiin gulaalama.
Qondaalli isaaniif haasaa barreessu, Vinay Reddy, bara darbe haasaa barreesseen guddoo jajameera.
Akkaataa Baayidaniif ta'uun barreessee milkaa'uusaan guddoo jajame.
Aab Reddy kan bara kanaaf yeroo haasaa qopheessu pireezidanticha waliin Maryland, Camp Deevid galee yeroo dheeraaf achi ture.
Takka bocaa takka diigaa haasaa kana qixeessuuf wal'aansootti ture.