Misheel Obaamaa hamii Obaamaa waliin walhiikan jedhuuf deebii kennite

Misheel Obaamaa gaa'illi pirezidantii duraanii US Baaraak Obaamaa waliin qabdu rakkoo keessa jira jedhamee hamii deemaa jiru irratti yaada kennite.

Gifti-dureen duraanii kun dhiyeenya keessa Baraak Obaamaa waliin badaa hin mul'attu.

Gaafa Tiraamp waadaa galanis, gaafa awwaalcha pirezidantii duraanii Jiimii Kaarter dabalatee ta'iiwwan gurguddoorratti Obamaa walii hin argamne.

Kunimmoo adda bahuu hin oolle yaada jedhu kaaseera.

Misheel sagantaa poodkaastii Sofiiyaa Buush dhiyeessitu irratti ta'iiwwan kanneen osoo hin eerii amma akka dubartii guddoo tokkootti kaalaandara mataashee akka to'attu dubbatte.

Namootni ''ofiif murteessaa jiraachuu koo amanuu dadhabaniit aniifi abbaan warraakoo wal hiikaniiru jedhanii yaadu'' jette.

Misheel hojiilee tokko tokkorraa boodatti hafuusheef akka gaabbitu sagantaa kanarratti dubbatteetti.

''Akka dubartii tokkootti wanti nu rakkisu tokko nama mufachiifnaa lata isa jennudha'' jette.

''Keessumaa bara kana namootni kan hin hubanne wanta naaf ta'uuf ofiif filachaa jiraachuukoo hubachuu caala anaafi abbaan warraakoo akka waldhiifne yaadu.''

Dabaluunis hawaasni dubartootni ofi irratti xiyyeeffatanii hojjechuu isaanii akka ta'utti hin hubatu jechuunis dubbatte.

''Wanta anaaf gaarii ta'e hojjechuun filadhe. Wantan gochuun narraa eegamu miti. Wanta namootni kaan akka hojjedhu eegu jedhee yaadu miti'' jechuunis himte.

Sagantaa Doonaald Tiraamp pirezidantii ta'uun kakuu raawwatan irratti argamuu dhabuunshee akka waan guddaatti aadaa baratamaa akka hanqistetti hubatame. Ammoo yaa'ii Democratic National Convention (DNC) gubbaatti haasaa gooteetti.

Haasaa Chikaagootti taasiftee tureen ''abdiin deebi'ee ni dhufa'' jechuun waayee Kaamlaa Hariis kan pirezidantummaaf dorgomaa turtee dubbatte.

Ofiif yeroo gahaa kennuurratti akka argamtu kan himtu Misheel haasaa gochuuf, addunyaarratti mul'achuuf, piroojektootarratti hojjechuufi barnoota shamarraniirratti socho'uuf yeroo akka qabaattu dubbateetti.

Misheeliifi Obaamaan waggaa 32ffaa gaa'ila ittti dhaabbatan bara darbe kabajaniiru.

Amma dura Misheel sababa fedhii siyaasaa abbaa warraasheetiin gaa'illishee qormaata keessa jiraachuu dubbattee beekti. Kitaabashee Becoming jehdu keessatti turtii gaa'ilaa rakkisaa Waayit Haawus keessa ture kaafteetti.

Fedhiin siyaasaa guddaan Baraak Obaamaa bira ture, qophummaan akka itti dhagaahamuufi akka dadhabdu ishee gochuu kitaabashee keessatti barreesitee ture.