Wa’ee uumamaafi amaloota fardaa wantoota 10 kanneen beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Aadaa Oromoo keessatti fardi bakka guddaa qaba. Cidhaa hanga waraanaatti fardi uummata waan hedduun heedduun tajaajila.
Addunyaa irrattis, biyyootii akka Chaayinaa fi Mongoliyaa keessattis fardeen beeylada kabaja guddaa qabaniifi aadaa keessatti iddoon olaanaan kennamuufidha.
Fardeen jaarraa hedduuf horsiisaaf, waraanaaf, geejjibaaf, qonnaaf, daldalaaf, ispoortiif, amantaaf, kabajaa fi bashananaaf dhala namaa tajaajilu.
Wa’ee amalaafi uumama fardaa irratti qabxilee kurnan kana beektuu laata?
1. Fardi afaaniin afuura baafachuu hin danda’u
Fardi bineensota funyaan isaaniin qofa afuura baafatan keessaa tokkodha.
Kanaaf, sochiin fardaa afuura baafannaa isaa waliin wal qabata, kana jechuun afuura tokkoon tarkaanfii tokko fudhata jechuudha.
Fardi yommuu waa tokkorra utaalu afuura isaa ni qabata.
2. Addunyaarra sanyii fardaa 350 ta’uti jira
Bifa, hangaa fi amala isaanii irratti hunda’uun sanyii fardaa gara 350 ta’antu jiru.
Afrikaa keessa gosti fardaa 15 akka jiran ni himama. Kanneen keessaa fardi Abisiiniyaan jedhamuun beekamu gosa fardaa Itoophiyaa keessatti argamudha.
Namootni sanyi fardaa adda addaa lama wal horsiisuun sanyii haaraa yoo uuman, dhaloota muraasa booda sanyiin fardaa haaraa ofiin umamaa tureera.

Madda suuraa, Getty Images
3. Fardi waggoota 6,000 dura yeroo jalqabaaf madaqfame
Fardi fakkii holqa bara durii kan bara dhaaloota Kristoos dura 3,000 irratti kaafaman jedhame yaadamu irratti kan argaman ta’us, yeroos garuu akka beeyladaatti osoo hin taane akka bineensatti nyaataf adamfamaa turan jedhama.
Fardi jalqaba yoom madaqfame kan jedhurratti yaadni adda jiraatus, qorannoon bara 2012'tti gaggeeffame fardi jalqaba kan madaqfaman waggootii 6,000 dura akka ta'e hima.
Kunis lixa Eurasion Steppe, kan amma Yukireen fi Lixa Kazakistaan jedhamuun beekamuttidha jedhanii amanu.
4. Addunyaarra fardeen miiliyoona 60 ta’antu jira
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dameen Nyaata fi Qonnaa (FAO) qorannoo gaggeesseen fardeen gara miiliyoona 60 ta'an addunyaarra akka jiran argateera.
Ta'us garuu biyyootiin ammallee odeeffannoo isaanii yeroon hin kenninee fi galmee lakkoofsa beeylada kanaa hin qabne waan jiraniif, lakkoofsi kun kanarra dabaluu akka danda'u yaadama.
Fardeen gara miiliyoona 10 ta'an qabaachuun US addunyaa irratti ishee tokkoffaadha.
Akka odeeffannoo amma jirutti Itoophiyaa keessaa fardeen miiliyoona 2 akka jiran amanama.
5. Sanyiin fardaa hareeda baasan jiru

Madda suuraa, Getty Images
Sanyiin fardaa hidhi isaanii gubbaa olitti hareeda biqilfachuu danda'an jiru. Keessumaa, kun kan mul'atu sanyii fardaa Gibsii Vaaner (Gypsy Vanner) jedhaman irrattidha.
Fardeen Gypsy Vanner kun dabbasaa, luugamaa fi eegee dhedheeraa qabaachuun kan beekaman yoo ta'u, qaccee sanyii kanatu akka isaan hareeda biqilchaniif isaan gargaara jedhamee yaadama.
6. Fardi dhaabbatee rafa
Fardi akka bineensotaafi beeyladoota kaanii gadi ciisee rafuu danda'us, addatti garuu dhaabbiin yeroo gabaabaaf rafuu ni danda'a.
Sababa guddina isaaniin gadi ciisanii rafanii yommuu jiran dafanii ol ka'uun waan isaan rakkisuuf, yoo rakkoon jiraate dafanii baqachuu hin danda'ani.
Kanaaf, keessuma bakka haaraa itti ta'eefi sodaa qabanitti, fardeen dafanii gulufanii baqachuu akka danda'anitti dhaabbatanii rafuu filatu.
7. Fardi guyyaatti hancufa liitira 40 ta’u maddisiisa
Hancufa hanga liitira 40 maddisiisuf, haala qilleensaa irratti hundaa'uun fardi bishaan liitira 22 - 40 ta'us dhuga.
Kan fardaa waliin yoo madaalamu dhalli namaa guyyaatti hancufa liitira 0.5 hanga liitira 1.5 ta'u qofa maddisiisa.
Hancufni nyaata alanfatan laaffisuuf qofa osoo hin taane, asidii garaa keessa jiru madaaluufis ni fayyada.
8. Fardi deeffachuu hin danda‘u
Fardeen dhibbaa gaasii garaacha isaanii keessatti uumamu gadhiisuu hin danda'ani.
Sababiin isaas maashaa cimaa jalqaba garaacha isaanirra jiru cardiac sphincter jedhamu kan nyaati gaaraa isaanii seene akka deebi’ee hin baane godhu waan qabaniifidha.
Kanaaf, nyaati garaa isaanii seene deebi'ee ol ba'uu kan danda'u maashaa garaacha isaanii kana tarsaasan qofa waan ta'eef, kunimmoo lubbuu isaanii balarra kan buusudha.

Madda suuraa, Getty Images
9. Fardi dhalatee sa’aatii muraasa booda fiiguu ni danda’a
Ilmoon fardaa dhalattee daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo gidduutti ol kaatee dhaabbachuu dandeessi. Sana booda utuu hin turiin deemuu fi fiiguu dandeessi.
Dhalattee naannaa sa'aatii lama booda ilmoon fardaa hodhuu eegaluu qabdi. Gara guyyaa kudhanii booda ammoo marga dheeduu eegalti.
Guuddinni isaanii hatattamaa kun, keessumaa dafanii figuu danda'uun isaanii tuuta fardeen keessa jiran ariitin akka hordofanii fi boodatti hafanii balaaf akka hin saaxilamneef isaan gargaara.
10. Fardi umurii waggaa 25 hanga 30 jiraata
Naannoon keessa jiraatan, sirni nyaataa fi gosti isaanii fardeen hanga umurii meeqaatti jiraachuu akka danda'aan irratti dhiibbaa uumuu danda'us, walii galaan waggaa 25 hanga 30 jidduu jiraatu.
Fardi Ooldi Bilii jedhamu, seenaa addunyaa keessatti farda umurii dheeraa jiraate ta'uun beekama. Fardi kun bara 1760'tti dhalatee bara 1822'tti umurii waggaa 62'tti du'e.
Yeroo ammaatti fardi maataan farda kanaa turfamee, Good-hambaa Cecil Higgins Art Gallery and Bedford keessa agarsiisaaf kaa'amee jira.
Odeeffanoon armaan olii marsaritii dhabbilee akka UN-FAO, UN data, National Geography fi qorannoo Kentucky Equine irraa kan fudhatamanidha.















