'Sareen hafuura namaa suunfachuun dhiphachuu adda baasuu dandeessi'

Saree ija baabase

Madda suuraa, Getty Images

Beeyilada madaqsinee wajjin jiraannu keessaa saroonni miira keenyatti dhiyoo akka ta'an mirkaneesse. Kunia kan mirkanaa'ee qorannoo dandeettii suunfachuu isaanii irratti taasifameeniidha.

Saayintistoonni saroonni hafuuraa fi dafqa keenya suufuun dhiphachuu keenya adda baasuu akka danda’an mirkaneessaniiru.

Saroonni afur mi'a sadi kan foolii qaban akka adda baasaniif eeyyama warreen isaan guddisaniin akka leenji’an taasifame.

Yaalii 700 keessaa 650 irratti, dafqaa fi hafuura nama dhiphina keessa jiru adda baasuu danda’aniiru. 

Qorattoonni Yunivarsiitii Kuwiins UK, bu’aan qorannoo isaanii yoo maxxanfamu saroota leenjisuudhaaf gargaara jedhan. 

Sarooonni addunyaa isaanii suunfachuudhaan beeku. Dandeettii fooliin adda baasuu olaanaa tahe qabu.

Kunis qoricha sammuu namaa si'eessu ykn hadoochu, boombii akkasumas dhukkuba kaansariifi Kooviid illee adda baasuuf faayidaarra ooleera.

''Saroonni namoota dhukkuba qaamaa garaagaraa qaban adda baasuu akka danda’an ragaan baayyee jira- garuu rakkoo xiin-sammuu suufuu akka danda’an garuu ragaa gahaa hin qabnu,’’ jedhu qorannoo kana kan hogganan Kilaaraa Wiilsan.

Namoonni 36 shallaga herreegaa furuu duraafi booda sadarkaa dhiphina isaanii gabaasaniiru.

Saamuudni tokkoon tokkoosaa afuuraafi dafqa herreega sana hojjechuun dura fudhatame qaba. Yeroo samuudni dafqaafi hafuuraa fudhatamu dhiibbaa dhiigaafi rukuttaan onnee dabalaa ture.

Sareen sadeen suni immoo samuuda afuura ‘dhiphinaa’ qabu fuuldura yoo dhaabbatan ykn taa’an kunuunsa addaa akka badhaasaatti argatu.