Dhalli namaa fi gorillaan daggalaa afaan waloo qabu - Qorannoo

Gorillaa daggalaa

Dhalli namaa fi gorillaan daggalaa afaan waloo akka qaban qorannoon mirkaneesse.

Akkaataa qorannoo viidiyoowwan gorillaawwanii irratti gaggeeffameen, afaan mallattoo dhalli namaa ittiin walii galu hedduu kan beekan qabu.

Gareen beektotaa Yunivarsitii Seent Andiriiws jedhamurraa qorannoo kana gaggeesse, namoota fedhiidhaan mallattoo gorillaawwan beekan hiikaniif hirmaachisuun qoratan.

Kun kan mul'isu qacceen sanyii dhala namaa kan Chimpaanzii hiddisaa tokko ta'e inni dhumaa, afaan kana fayyadamaa turuusaati jedhan qorattoonni.

Kana malees taateen kun jalqaba afaan dhalli namaa amma addunyaarra jiru dubbatuu ta'uu akka hin oolle kan agarsiisuudha jedhan.

Bu'aan qorannoo kanaa fuula the scientific journal PLOS Biology (Afaan Ingiliziitti geessa) jedhamurratti maxxanfameera.

Garee qorattootaa kana kan dursan Dr Kiristii Giraaham, malli mallattoodhaan waliigaluu kun durumaanuu gosa jaldeeyyii daggalaa kan ta'an Gorillaa fi Orangutaans jedhaman biratti baayyee beekama.

''Dhalli namaas durirraa eegalee mallattoowwan kunneen fayyadamaa turan,'' jechuun BBCtti himan.

''Kun kan nutti agarsiisu qacceen sanyii keenyaa durumaanuu mallattoo gorillaawwan fayyadaman fayyadamaa turuudha.''

Akka qorattoonni jedhanitti sanyiin dhala namaa bara fagoo dura mallattoodhaan waliigaluu eegale, bara ammaa kana ammoo afaan dubbatu keessatti makee ittiin waliigalaa jira.

Gorillaawwan akkasaan itti afaan mallattoo fayyadaman

Afaan gorillaawwan ittiin waliigalan
Ibsa waa'ee suuraa, Afaan gorillaawwan ittiin waliigalan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen qorattootaa kun yeroo dheeraaf haalaa fi amala Chimpaanzii qorataa turan.

Duraan akka adda baasanii turanitti, gorillaawwan kunneen afaan mallattoo 80 caalan fayyadamu, hundinuu ergaa mataasaanii kan dabarsan qabu.

Fakkeenyaaf bakka wayii argachuu yookiin taa'uu yoo fedhan garaa hooqqatu, afaan duwwaa alanfachuun ammoo nyaata naaf kenni jechuudha.

Akkasumas gorillaa dhaltuu jaallataniin walarguu yoo barbaadan ammoo muka raasu.

Saayintistoonni qorannoo kana wayita gaggeessan mala viidiyoo bineensotaa daawwachuutti dhimma bahan. Malli kun kanaan duras afaan bineensota adda addaa hubachuuf fayyadaa ture.

Qorannoo kana keessatti dandeettii gorillaawwan afaan mallattoon walhubachiisuurratti qabaniifi akkaataa dhalli namaa afaansaanii hubaturratti xiyyeeffatan.

Wayita qorannoo kana gaggeessan namoota fedhaan hirmaachisan. Viidiyoo dhihaate keessaa dhibeentaa 50 ol hiika sirriitu kennameef.

Mallattooleen dhalli namaa salphaatti hubatu kunneen afaan waliinii gorillaa fi dhala namaa gidduu jiraachuu mul'isa.

Qorannoon kanaan dura gaggeeffame gorillaan kormaa tokko haguma guddina isaa caalaatti harka lamaan laphee isaa rukutuu akka danda'u, kunis firootas ta'e diinota isaatti hagam cimaa akka ta’e agarsiisuuf ta'uu mirkaneesseera.

Akkuma shakkamaa ture, sagaleen dibbee fakkaatu yoo laphee isaa rukutu dhagaahamu guddinaa fi jabina mul’isuuf kan godhamu ta’uu qorannoon kun mul’iseera.

Sagaleen rukkuttaa laphee, kan gorilloota kormaa ga’eessa ta’anii fi sababa rifeensa dugda gubbaa qabaniin 'silverback' jedhamuun beekamanii, hanga fageenya kiiloomeetira tokkotti dhaga’amuu danda’a.