Paarkii Biyyoolessaa Virungaa: Hojii kunuunsa goorillaa aarsaa lubbuu gaafatu

Madda suuraa, AFP
Eegumsi bosona Paarkii Biyaalessaa Virungaa jedhama kan gama baha Rippabllika Dimokiraatawaa Koongootti argamu hojii haalaan cimaa pilaanetii kanaati jedhame.
J'oota 12n darban keessa hojjettoonni paarkichaa 20 ta'an dabalataan ajjeefaman. Torban darbe keessa ammoo paarkichuma keessatti riphe loltoonni DR. Koongootti ambaasaaddara Xaaliyaan ajjeesuun himataman.
Paarkii biyyaalessaa akka Afrikaatti angafaafi guddicha ta'e kanatti dursaan eegdota 800 ol ta'anii Emmanu'eel de Merodee, "Haarsaan hojiin eegumsa paarkii kun akka itti fufu gochuu waan hamaa argamee hin beekne ta'aa jira," jedha.
Paarkiin kun lafa sq km 7,800 kan ballatu yoo ta'u teessuma lafaa gara garaa ajaa'ibaatu keessa jira. Volkaanoowwan, haroowwan gurguddoo hedduu, bosona gurguddoofi gaarreen paarkicha keessa jiran adda isa taasisu.
Paarkiin kun waggoota 100 dura goorillaawwan gaaraa kunuunsuuf jedhamee hundeeffame. Lakkoofsi waggoota kurnan darban keessa dabalullee, guutummaa addunyaarra 1,000 kan ta'an qofatu hafe.
Emmanu'eel de Merodee DR Koongoo keessa waggoota 30f jiraatus guyyaa jalqaba gara biyya sanaa dhufe ni yaadata.
"Kampaalaatii motora/doqdoqee bitadheen Yugaandaa keessa ba'een Koongoo gale. Akkuma daangaa ceeteen, guddinniifi miidhaginni teessuma lafa isaa si ajaa'ibsiisa.

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Afrikaatti dhalatee Keeniyaatti kan guddate Emmanu'eel de Merodee, ilma mootii Beeljiyeemirraati. Garuu ilma mootii kanaan waamamuu hin barbaadu.
Rakkoowwan hamaa inniifi gareen isaa guyyaa guyyaan argaa oolan cimaa ta'ullee, nama suuta jedhee dubbatuufi tasgabbaa'aadha.
Haleellaan ajjeechaa qaqqabsiise ji'oota 12 keessa isaan mudate hunda isaaniif gaddisiisaadha:
- Ebla darbeeegdonni 13 ajjeefamaniiru. Ajjeechaa kanas qondaalonni paarkichaa garee hidhata birootiin gocha "gara jabeenyaa itti fufedha" jedhan
- Amajjii keessa, eegdonni paarkii ja'a osoo miillaan paarkicha marsanii caqasaa jiranii milishoota daguudhaan haleelaniin ajjeefaman. Warri ajjeefaman hundi umuriin isaanii waggaa 25-30 keessa jiru.
"Na amani, yeroo tokkotti dargagoota dhabuun dhugaadhumatti dhukkubbii guddaadha," jedhe eegdota paarkichaa keessaa tokko kan ta'eefi itti-gaafatamaan haroowwanii Giraasiyeen, Muyisaa Siyaanzaa.
"Jaalleewwan koo warri waliin paarkii eegnu lubbuun isaanii darbe hojii isaanii baayyee jaallatu waan ta'eef, hojii lubbu qabeessa kunuunsuuf hanga lubbuu isaanii wareeguutti ga'an."
Haata'u malee, kun hundisaanii kabaja isaaniif qabduun "lola waliin jalqabne kana caalaa akka murannoon" itti fufnu taasisa. Isaan eessa ta'aniyyu nutti boonu."
Mr Emmanu'eel de Merodeenillee bara 2014 keessa itti dhukaafamee madaa'ee ture.
"Kana fudhachuun sirra jira [balaan jira]. Seenaasaa dhiyoo keessatti walwaraansaan kan miidhame qaama Koongoo kan ta'e paaarkii biyyaalessaadha," jedha

Madda suuraa, Virunga National Park
'Paarkichi akka jiraatu gooneerra'
Rakkoo hamaa kana keessattillee milkaa'ina paarkichaas kaasuun dubbata.
"Bu'aa ba'ii hedduu qaba… baayyee dararamneerra, garuu rakkoodhuma kana keessatti akka paarkichi jiraatu gochuu keessatti hojii milkaa'ina qabu hojjenneerra."
Emmanu'eel de Merodeen kan rukkutame yeroo rakkisaa gareen milishaa humnaa ol hidhate M23 jedhamu naannicha keessatti cimaa dhufe ture.
Yeroodhuma sana, kaampaanii Biriitish boba'aa baasu yeroo sana Soco jedhamu paarkicha keessaa akka boba'aa baasuuf mootummaa Kinishaasaa jirurraa hayyama fudhatee ture.
Yeroon sun gar-malee yeroo muddama guddaa ture - [Paarkiin] Virungaa fiilmii dokumentaarii badhaasa Oscar 2014f kaadhimamee ture keessattis kaafamee ture.
"Kaampaanii boba'aa Biriitish waliin wal-lolla turre… Namoota hedduu waliin wallaansoo walqabaa turre. Guyyaa sana, waa'ee hojii kampaanii boba'aa sanaa ilaalchisee gabaasa qorannoo baayyee dhiyeesseen ture."
Osoo qophaa isaa bosona keessatti daguudhaan rukutamte keessa gara manaatti oofaa jiruu: "Lapheefi garaakoorran dha'ame," jedhe.

Madda suuraa, AFP
Kampaanichi gocha sana abaaruun keessatti hirmaachuu waakkateera. Yeroodhuma sanarraa kaasee maqaasaa jijjiirratee DR Koongoo keessaa ni bahe.
Emmaanu'eel de Merodee ani, "carra qabeessa" jedha.
"Namoonni ganda keessaa dhufanii na baasan. Isaan galata qabu, anis carraaqqiin taasisu ittuma fufe. Hojjetoonni keenya baayyeen akka kanaa carra qabeeyyii hin turre."
Namoonni paarkicha keessatti osoo hojiirra jiranii du'an, "maatiisaaniif gadda guddaa ibsuun hin danda'amne dhiisee darba."
Qabeenya uumamaa DR Koongoo irratti waggoota dheeraaf lolli deemsifamaa jira. Biyyattiin qabeenya albuudaa kan akka daayimandii, boba'aa, Kobaaltiifi Kopperii biyya kamirrayyuu caalaa qabdi
Albuudonni biyyattiin qabdu kun ammoo meeshaalee tekinooloojii ammayyaa, konkolaataa elektiriikaafi bilbilawwan ammayyaa hojjechuuf gargaaru.
Virungaa keessas qabeenyi kun guutuudha. Qabeenya lafa jalaatiinis ta'e qabeenya uumamaafi bineensota bosonaatiin badhaadhaadha.
Haata'u malee, ummanni miliyoona lama ta'an lafa paarkichi aguuge keessa jiran guyyaatti $1.50 gadi argatu.

Madda suuraa, Getty Images
Dolaara turiizimii
Wallaansoon kun ifaajee Emmanu'eel de Merodee akka dhimma haqa hawaasummaa tokkootti paarkicha kunuunsuuf taasisu qofaa miti.
"Rakkoo salphaa goorillaafi arba kunuunsuu miti; walwaraansa seenaa keessatti hamaadha jedhame kana keessatti rakkoo dinagdee dandamachuudhas," jedha.
"Waggoota 30 darban keessa lammileen Koongoo miliyoona torba ta'an du'aniiru jedhamee amanama. Kana keessatti ammoo dubbiin ijoo dhimma dinagdeedha.
"Nuti garaa guutuun Virungaan akka itti fufee jiraatu yoo barbaadne, dura ummata naannichaaf yaaduu qabna. Paarkii kana qabeenya dhaabbataa gochuu qabna… Bu'aa callaa jechuudha."
Muuxannoo biyya ollaa akka Ruwaandaa ilaaluun osoo weerarri Covid hin mudatiin dura madda turiizimiirraa Dolaara miliyoona 500 argatte. Keeniyaan ammoo industurii turizimii kanarraa waggaatti Dolaara Biliyoona 3.5 argatti.
"Kun ammoo baajata biyyaalessaa DR Kongootiin olidha. Turiizimiin tapha nuti taphannu miti, industirii tarsiimawaadha malee. Kanaaf, karaa osoo paarkii hin miidhiin ittiin qabeenya maddisiisnu barbaaduu qabna."
Qawwee lafa kaa'uun hojiitti seenuu
Tarsiimoon jiru akka karaa hin beekamneen qabeenyi paarkicha keessa jiru ummata naannichaaf bu'aa buusu gochuudha.
Turizimiin Virungaa keessatti dabalaa jiru akka paarkichi invastimantiidhaan akka pirojektoota biroo hawwatu taasiseera.
Isaan keessaa tokko ammoo rooba guddaafi lageen bosona paarkicha keessa jiru irraa humna ibsaa maddisiisuudha. Kun ammoo riphe loltoonnillee akka qawwee lafa kaa'anii hojii galii irraa argatanitti bobba'an taasisaa jira.
"Akka hubachuu dandeenyetti, paarkicha keessaa humna ibsaa maddisisuun biizinasoota xixiqqoo biroon isa waliin walqabatan akka jalqabaman taasisuu dandeessisa," jedha
"Sagantaa humna ibsaa madda bishaaniirraa uumnu keessatti tokkoo tokkoo meggaawaattii argamuuf carraawwan hojii 800 hanga 1,000 uumuu dandeenya.
"Yeroo ammaa carraawwan hojii 12,000 ta'an naannoo paarkichaatti kan uumaman yoo ta'u, isaan keessaa 1,000 miseensota duraanii riphe loltootaadha."
''Namoonni miilishootatti kan makaman waan filannoo hin qabaneefi. Karaan kana keessaa baanu, carraa kennuufi qofaani.
''Dhimmi nageenyaa meeshaa waraanaan qofa miti kan furamu.''














