Dhoksaa laphee reebuu Goorillaa qorattoonni ifa godhan

Madda suuraa, Dian Fossey Gorilla Fund
Goorillaan kormaa tokko haguma guddina isaa caalaatti harka lamaan laphee isaa rukutuu akka danda'u, kunis firootas ta'e diinota isaatti hagam cimaa akka ta’e agarsiisuuf ta'uu saayintistoonni mirkaneessaniiru.
Akkuma shakkamaa ture, sagaleen dibbee fakkaatu yoo laphee isaa rukutu dhagaahamu guddinaa fi jabina mul’isuuf kan godhamu ta’uu qorannoon haaraa mul’iseera.
Rukkuttaa laphee kanaa goorillaan dhalaa, kormaa hormaataaf ta’u filachuuf kan fayyadaman yoo ta’u, goorillaan kormaa ammoo lolaaf ittiin akeekkachiifamu.
Qoraattonnii akka jedhanitti kun bosona tirooppikaali goorillootni kun jiraatan keessatti mala haasaa ykn tooftaa wal qunnamtii ciimadha.
Sagaleen rukkuttaa laphee, kan goorilloota kormaa ga’eessa ta’anii fi sababa rifeensa dugda gubbaa qabaniin 'silverback' jedhamuun beekamanii hanga fageenya kiiloomeetira tokkotti dhaga’amuu danda’a.
“Yeroo dheeraaf jabina isaanii agarsiisuuf kan godhanidha jennee yaadna turre, kanammoo kan agarsiisan gara kormaa fi dhalaattisidha,” jedha Jarmanii, Leyipziig, Max Planck Institute for Evolutionary Anthropology irraa Eedwaard Raayit.
“Warra kormaatti kana kan agarsiisan ‘ilaali, ani guddaa fi cimaadha, ana hin qoccoliin’ jechuufidha, warra dhalaatiin ammo ‘ilaali, ani ciimaa fi guddaadha, tarii hormaataaf na filachuu qabda’ jechuufi.”
“Yeroo jalqabaaf sirritti mirkaneessinee, eyyee, rukuttaa laphee kana guddina ofii agarsiisuuf ni fayyadamu jechuu dandeenya.”
Hawaasa goorillaa keessatti, yeroo hedduu gartuleen kormaa tokkoo fi dhalaa hedduu of keessaa qabu waliin jiraatu.
Warrii dhalaa gartuu tokkorra gara biraatti geggeeddaramuu danda’u, utuu warri kormaa qalbii isaanii hawwachuuf yaalanii.

Madda suuraa, Dian Fossey Gorilla Fund
Goorilloota kormaaf guddinni waan barbaachisaadha, qaama guddaa qabaachuun aangoo qaban, dandeetti lolaa fi hormaataaf milkaa’oo akka ta’an agarsiisuu danda’a.
Umurii xiqqaa irraa eegalanii goorillooti kormaa laphee isaanii rukutuu shaakalu.
Qorannoon barruu Scientific Reports irratti bahe akka jedhutti goorillaan tokko yoo guddaa ta’e yeroo laphee isaa rukutu sagaalee caalatti furdaa ta’e dhageessisa.
Sagaleen inni baasu guddina qaamaa isaa waliin kallattiin hariiroo qaba. Kana jechuun warri xixiqqaa sobaan sagalee furdaa baasanii goyyoomsuu hin danda'an.
Sagaleen isaanii kun guddina ujummoo sagalee kan qoonqoo isaanii keessa jiruun walqabata jedhu qorattoonni.
Dabalataan ammo, goorillooti adda addaa si’a meeqaa fi akkamiin akka laphee isaani rukutan irratti adda addummaan akka jiru barameera.
Kun ammo fagootti gorilla isa kamtu sagalee dhageessisaa jira isa jedhu adda baasuuf fayyadaa laata yaada jedhu uumeera.
Qorattoonni bu’aa kanarra kan ga’an bal’ina qaama goorilloota kormaa suuraa irraa safaruuni.
Sagalee goorilloota Paarkii biyyaalessaa Volkaanos, Ruwaandaa jiran irraa waraabame fayyadamuunis, rukuttaan laphee kun hangam akka ture, si’a meeqa akka ta’ee fi hagam akka furdatu ilaalaniiru.
Bara 2018tti gosti goorillaa kun gara 600tti xiqqaate kan ture yoo ta’u, hojii kunuunsa hedduu booda yeroo ammaatti addunyaa irratti lakkoofsan 1000 ol ga’aniiru.
Goorillooti kun nannnoolee eegamoo Rippaaplika Dimokraatawaa Koongoo, Ruwandaa fi Yugaandaa keessatti argamu.















