Ji'a dhufu keessa pilaaneetonni torbaa hiriira galanii mul'atu- qorattoota hawaa

Gaafa Guraandhala 28, 2025 Meerkuriin pilaanetota biroo jaha kan duraanuu mul'taa jiranitti makamuun pilaanetota torba tarree galanii arguuf jirra jedhu qorattoonni hawaa.

Pilaaneetonni jaha: Veenusii, Maarsii, Juuppitarii, Saatarnii, Yuraanusiifi Neeptuun yeroo ammaa samiirratti mul'ataa jira. Ji'a Guraandhalaa keessa ammoo Meerkuriin itti makamtee halkan keessa pilaaneetota torba wal-cinatti arguuf deemtu jedhu qorattoonni.

Taaten akkasii waanuma akka tasaa mul'atu qofa osoo hin taane Sirna Soolarii irratti dhiibbaa qabatamaa qabaachuu akka danda'aniifi waan haaraa qorannoof ta'ullee arfgachuuf akka isaan gargaaru himu qoratoonni hawaa.

Pilaaneetonni gurguddoon saddeet Sirna Soolarii keenya keeesa jiran saffisa garaa garaatin aduutti marsu.

Aduutti dhiyaattee kan argamtu Meerkuriin orbiitiisheeraa naannoftee xumuruuf guyyaa 88 yoo itti fudhatu, lafa ammoo guyyaa 365 itti fudhata. Neeptuun ammoo orbiitiisheerra naanna'uuf guyyaa 60,190 itti fudhata.

Pilaanetonni kunneen saffisa garaa garaa qabaatanis, yeroo aduutti naanna'anitti yeroon isaan itti tarree galuun fiixee aduu gar-tokkotti mul'atan ni jira.

Pilaanetonni akka Meerkurii, Veenusii, Juuppitariifi Saatarnii ijaan ijaan argamuu ni danda'u. Yuraanusiifi Neeptuun garuu baayinokurarii ykn teleskoppiin malee hin mul'atan.

Ji'a Amajjiifi Guraandhalaa keessa halkan duumessi hin jiru taanan, Meerkurii malee pilaanetonni hundinuu ni mul'atu. Taaten akkasii yeroo tokko tokko hiriira pilaaneetotaa jedhamuun beekama.

Gaafa Guraandhala 28, haalli qilleensaa kan hayyamu yoo ta'e, pilaanetonni hunduu ni mul'atu. Kuni ammoo namoota lafa dhaabbatanii ilaalaniif haala hawwataa uuma.

"Ija keetin pilaanetota arguun miira addaa namaaf kenna," jedha Fifth Star Labs kan UKtti argamutti qorataa hawaa kan ta'e Jeenifar Miilard.

Gama biraan ammoo pilaatenno bifa kanaan tarree galanii mul'achuun dacheerratti dhiibbaa qaba jedhanii qorattoonni yaaddoo qaban jiru. Kaan ammoo lakki, dhiibban dhufu xiqqaa ykn tasumaa kan hin jirre akka ta'e kaasu.

Haa ta'u garuu, pilaanetoonni kenneen tarree galuunsaanii sochiiwwan soolari irratti dhiibbaa akka qabaatu qorattoonni bara 2019 ibsanii ture.

Waa'ee aduu ilaalchisee gaaffii guddaan ka'e, waggaa 11 keessatti al tokko yeroo yeroo soolariin baay'ee olka'u (solar maximum, kana yeroo ammaa keessa jirruufi yeroo sochiinshee baay'ee dadhabaa ta'e (sola minumun) maaltu akka fiduudha.

Firaank Isteefaanii giddu gala qorannoo Helmholtz-Zentrumitti beekaa Fiiziksii yoo ta'u, humni harkisa (tidal forces) Veenusii, Dacheefi Juuppitarii deebii ta'uu akka danda'u falma.

Humni wal-harkisuu (tidal pull) pilaanetiwwanii aduurratti baay'ee xiqqaa yoo ta'u, pilanetonni lama ykn sadi yeroo aduu waliin tarree galan -syzygy- jedhamuun kan beekamu, urjii keessatti naanna'uu xiqqaa uumuu akka danda'an hima. Kuni ammoo dambalii Roosbii (Rossby waves) jedhamuun beekama.

"Lafarratti, damabaliiwwan Roosbii kun bubbeefi farra bubbee uuma. Aduu irrattis dambalii Rosbii wal-fakkaatatu uumama," hima Istefaanin.

Garuummoo pilaanetonni kunneen karaa ta'een nurratti dhiibbaa qabaachunsaanii waan hin oolle kan jedhanis jiru: qorannoo saayinsiif ilaaluu, addumatti ammoo Sirna Solaarii abuuruf gargaaruu malu.

Xiyyaar-samii (space craft) fayyadamuun pileetiwwan fageenyarra jiran dhaqqabuun baa'ee ulfaata; sababni isaa pilaaneetonni kun fageenya km biliyeenan lakka'aamu irratti argamu waan ta'eef.

Humna wal-harkisuu pilaaneetii sirnaan teessee jirtuu kan akka Juppitaraa fayyadamuun saatalaayitii gara samiitti erguun yeroo imaluuf fudhatu ni hir'isa, kana ammoo NASAn xiyyar-samii Voyager jedhamu erguun yaalera.

Bara 1966tti saayintistiin Nasa Gaarii Filaandiroo pilaaneetonni fageenyarra jiran Juuppitar, Saatarnii, Yuraanusiifi Neeptuun bara 1977tti tarree akka galan ibsee ture.

Pilaanetonni kunneen waggaa 175tti yeroo tokko tarree galuunsaanii NASAn bara 1977tti xiyyaar-samii Voyager 1 fi 2 gara samiitti erguun kutaa Sirna Soolarii fageenyarra jiru abuuruf ergee ture.

Xiyyaar-samiin Voyager 1 bara 1979tti Juuppitarii dabarte, bara 1980tti ammoo Saatarnii darbitee deemte.

Garuu xiyyaar-samiin lammataa, Voyager 2, tarree galuu pilaaneetii fayyadamuun bara 1986fi 1989tti xiyyaar-samii jalqabaa Yuraanusiifi Neeptuun daawwatte taatetti.

Pilaaneetonni tarree galuun Sirna Soolaarii keenya qofa keessatti miti kan fayidaa qaban.

Astironomaroonni tarree galuu pilaaneetiwwanii fayyadamuun amala hawaa kanaa abuuru. Egzoo pilaaneetiiwwan (exoplanets) argachuufi waa'eesanii qorachuuf itti dhimma bahu. Kuni addunyaa hawaa pilaaneetonni aduutti naanna'an osoo hin taane, kan urjiitti naanna'aniidha.

Malli beekamaan ittiin addunyaa egzoo pilaanetiwwanii ittiin argatan mala tiraanisziitii jedhama. Kunis egzoo pilaaneetin urjii fuuldura yeroo dabartu ifa urjii gaaddiddeessuun guddinasheefi orbiitii ishee baruuf nama gargaara.

Mala kana fayyadamuun pilaanetiwwan naanooo orbiitii urjiiwwan tokko tokkoo jiran baruun danda'ameera. Fakkeenyaf, Tiraappist 1 Dacheerraa bara ifaa 40 yoo fagaattu, pilaanetiiwwan hanga dachee gahan qabdi.