Ijoolleen Itoophiyaa Raashiyaatti badhaasa astiroonoomii injifatan akkamiin as ga'an?

Giddugala qorannoo hawaa Itoophiyaa maqaa guutuu Space science and Geospatial Institute jedhamuun beekamu jalatti kan argamu Ethio Space Kids Club (ESKC) waggaa afur dura hundaa'e.

Yeroo ijoolleen Itoophiyaa beekumsa saayinsii hawaa fi kalaqa teeknooloojii adda addaan dandeettiisaanii karaa miidiyaalee adda addaa mul’isanitti kan hundaa'e.

Injinar Alaazaar Siyyum giddugala kana keessatti qorataadha. ESKC keessatti ammoo qindeessaadha.

''Ijoollee kunneen iddoo tokkotti gurmeessuun giddugala isaaniif barbaachisu hundeessuun leenjisanii faayidaa biyyaaf oolchuu barbaachisa mul’ata jedhurraa kaanee dhaabbata kana hundeessine,'' jedhe.

Waggaa afur dura yeroo hundaa’u ijoollee Itoophiyaa dandeettii addaa qaban torba adda baasuun leenjiin kennamuufii eegale kan jedhu Injinar Alaazaar, Waggoota afran kana keessatti walumaagalatti ijoollee 411 ta’aniif leenjiin kennamuu hime.

Kanneen keessaa 325 kan ta’an barattoota dandeettii saayinsii hawaa fi teeknooloojii qaban kanneen naannolee biyyattii adda addaarrraa dhufanidha akka Injinar Alaazaar jedhutti.

''Jaarmiyaalee saayinsii fi teeknooloojii naannolee biyyattii keessaa jiran waliin ta’uun erga calalamanii booda bakka jiranitti kallattiidhaan leenjii fudhataniiru.''

Giddugala kanatti maal baratu?

Barataa Muusaa Kadir waggaa afur barataa kutaa sagalii ta'ee giddugala kanatti leenji'uu eegale. Yeros umriinsaa waggaa 12.

Namoota jalqaba torba ta'anii carraa giddugala kanatti barachuu argatan keessaa kan ta'e barataa Muusaa Kadir amma waggaa afur xumuree giddugala kana keessaa eebbifamuuf.

Barnootasaa idileen ammoo Yuniversitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee (AASTU)tti barataa waggaa tokkoffaati.

Muusaan durumaanuu dandeettii waa kalaquu kan qabu yoo ta'u erga giddugala kana seenee barnoota astiroonoomii fi barnoota saayinsii fi teeknooloojii gosa adda addaa barachuun dandeettii uumamaasaa daran akka gabbifate hime.

''Duraanuu hojiiwwan kalaqaa adda addaa hojjedheen ture. Dirooniiwwan, konkolaataan ofiin deemu, teeknooloojii raadiyoo kominikeeshinii gidduu seenee to'achuu danda'u (radio jammer) hojjedheen ture.''

Dirooniiwwan meeshaalee hojiin ala ta'anii gataman irraa hojjetaa ture.

''Hiriyoota kiyya waliin mana barumsaa osoo jirruu hojjenne. Yeros hiikasaayyuu hin beeknu turre. Garuu meeshaan hojjenne kun wayita inni balali'u baayyee itti gammadne. Akka cimnee hojjennuufis hamilee nuuf ta'e.''

Barataa Muusaa Kadir erga gara giddugala kanaa seenee dandeettii kalaqaasaa kana daran gabbifate.

''Asitti dirooniiwwan ja'a hojjedheera. Hojiiwwan adda addaa hojjechuu danda'u. Fuula namaa adda baasee ragaa namaa waliin walqabsiisu eenyummaa nama sanaa himuu danda'a. Nageenyaaf itti fayyadamuu dandeenya,'' jedhe.

Dirooniiwwan Muusaa meeshaalee bakka tokkoo gara bakka biraatti sochoosuufis ni gargaaru.

''Dirooniiwwan hojjedhe humnaan wal caalu. Inni humna qabu tokko abbaa roga ja'aati. Isa kana gara fuulduraatti hojii qonnaa oolchuuf karooran qaba.''

Waggaa afur dura barattoota giddugala kana seenan keessaa tokko kan ta'e Fitih Girmaa leenjii giddugala kanaa barana xumura, barnoota idileen ammoo kutaa 12 xumuree AASTU keessatti koorsii jalqabaa fudhachuuf qophaa'aa jira.

Barnoota saayinsii kompiyuutaraa (Computer Science) fi Fiiziksiidhaan digirii, isa booda ammoo barnoota Computational Astrophysics hordofuun kaayyoosaa akka ta'e hime.

Wayita kutaa sagal baratu ESKC kan seene barataa Fitih Girmaa xiyyeeffannaansaa ijoon barnoota kompiyuutaraati. Pirojektiiwwan garaagaraas kanumarratti hojjete.

''As seenuu kiyya duras dhaabbilee garaagaraa fi sagantaalee adda addaarratti pirojektii komiyuutaraan hirmaachaan ture. Sagantaa Addis Coder jedhamurratti pirojektii Data Structuring fi Algoorizimiin hirmaadheera.''

Damee barnootaa Saayinsii Hawaa (Space Science) hordofuuf fedhii guddaa akka qabu kan himu Fitih Girmaa, ''kana keessatti akkamiin barnoota kompiyuutaraa hojiirra oolchuun akka danda'amurrattin hojjedha,'' jedhe.

''Ergan as dhufee sirna tikeetii xiyyaaraa ittiin kutan (Flight Booking System), sirna baruu fi barsiisuu akkaataa giddugala kanaaf ta'utti hojjenneerra. Sirna barattoonni manasaanii taa'anii waa'ee saayinsii akka baratan gargaaruudha,'' jedhe barataa Fitih Girmaa.

Barataa kutaa 10ffaa kan ta'e Mikaa'el Ashannaafii kutaa ja'a yeroo baratu giddugala kanatti leenji'uuf carraa argate.

''Waggoota afran darban keessatti pirojektiiwwan adda addaa hojjetaa turre. Waggaa jalqabaa tiyoorii waa'ee saayinsii hawaa nu hubachiisan baranne. Ittaansuun barnoota gochaan deeggarame nuuf kennan. Waggaa sadaffaafi afraffaarratti waan baranne hojiitti geeddaruun pirojektiiwwan adda addaa hojjenneerra,'' jedhe.

''An gama kiyyaan sirna raadaarii (Radar Sytem) hojjedheera. Naannawa tokko diinni qilleensarraan yoo seene saffisaan kan adda baasee odeeffannoo kennuudha. Naannawa iskuweer kiilomeetirii 500-600 ta'e keessatti odeeffannoo hunda walitti qabee kennuu danda'a.''

Barataa Mikaa'el waggaa afraffaarratti (bara kana) meeshaa humna elektirikii safaru- Oscilloscope jedhamu hojjeteera.

Barattoonni kunneen giddugala kanatti leenjii kan fudhattan barnootasaanii idileen cinattidha.

Ethio Space Kids Club hanga ammaatti karaa yeroo barnootaa barattootaarratti dhiibbaa hin uumneen leenjii kennaa jira jedha qindeessaan dhaabbata kanaa Injinara Alaazaar.

Barattoonni wayita manni barumsaa cufamu ganna keessa keessa yeroo ji’a tokkoo fi guyyaa 15 ta'u keessatti barnoota Astiroonoomii, Astiroo Fiiziksi, Ji’oo DC, Ji’oo Daayinaamiksi, oppireeshinii saatalaayitii, Aero Space fi walumaagalatti saayinsii qorannoo hawaarratti leenji’u.

''Jalqaba wayita seenan tiyoorii leenji’u. Gosoota barnootaa eeraman irratti moojuliiwwan ga’aa ta’an qophaa’aniiru, meeshaalee barnootaa ga’aatu jiru,'' jedhe Injinar Alaazaar.

Waggaa lammaffaatti ammoo leenjii gochaan deeggarame fudhatu. Kan waggaa tokkoffaatti tiyooriidhaan baratan gara hojii qabatamaatti jijiiru.

''Leenjii mosaajiiwwanii (Software training), Meeshaaleen erga bitamanii booda walitti suphuu eegalu.''

Waggaa sadaffaatti gareedhaan pirojektiiwwan adda addaa hojjetu. Hojii guddaan ammoo waggaa afraffaarratti kan jedhu Injinar Alaazaar ''Pirojektii guddaa- Grand Project jedhamu dhuunfaatti hojjetu,'' jedhe.

Dhaabbati qornnoo hawaa Itoophiyaa ijoollee ola adeemoo ta’aniif dhaabbiidhaan leenjii kan kennu ganna keessa yeroo barattoonni barnottaarraa boqnnaa ba’an yoo ta’u, biyyoota qorannoo hawaarratti hojjetan waliin ta’uunis yeroo biraa akkaataa yeroo barnootaasaanii hin miineen leenjii ni kenna jedha Alaazaar.

''Manasaanii taa’anii meeshaalee teeknooloojii [bilbila, kompiyuutaraa] harkaa qabaniin kallattiin galanii leenji’u. Haala mijataa nuti uumnuun manasaanii taa’anii leenjiiwwan addunyaarratti kennaman ni hordofu. Carraa kana daran babal’isaa jirra.''

Badhaasa meedaaliyaa dorgommii Astiroonoomii- Open World Astronomy Olympiad

Dorgommiin ol adeemtota dandeettii addaa qaban jajjabeessuu kaayyefate kun kan bara kanaa Fulbaana 15-22 magaalaa Raashiyaa, Sirius jedhamtu keessatti gaggeeffame.

Dorgommii kana yeroo gabaabaa keessatti irratti hirmaanne kan jedhu qindeessaan dorgomtootaa Injinar Alaazaar ''Ijoollee dandeettii addaa qaban torba kunneen keessaa eenyufaa qabannee yoo dorgomne milkoofna kan jedhu yeroo gabaabduu keessatti murteessine,'' jedhe.

''Dorgommii kanaaf namoota ja’atu nu barbaachisu ture. Yerooma qabnutti ijoollee dorgommii kanaaf ga’umsa qaban qopheeffanne.''

Alaazaar fi dorgomtoonni isaa dorgommii kanaaf yeroo hin qabnu jedhanii abdii kutatanii irraa hin hafne.

Yerooma qabnu keessatti ijoollee waliin gadi teenyee mari’anne. Muuxannoo dorgommiiwwan Kanaan duraas fudhachuu eegalle jedha.

''Kanaan dura dorgommiidhumti walfakkaataan International Astronmoy Olympiad jedhamu gaggeeffamee ture. Dorgommii kanarratti muuxannoo ture qooddanne. Adeemsa dorgommii, qormaata turan, achii booda ijoolleen akka qo’atanii qophaa’an goone.''

Ijoolleenis fedhii fi dandeettii waan qabaniif onnee guutuudhaan qophaa’an.

''Guyyaa 15 hafte keessatti qo’atanii dorgommii addunyaa kanarratti meedaaliyaa meetii fi birrii lama akkasumas tokko ammo dorgomaa cimaa jedhamnee waliigalatti dorgomtoota shaniin badhaasa afur argannee deebineerra,'' jechuun gammachuun dubbata.

Barattoonni dorgommii kanarratti hirmaatan dorgomtoota waggaa tokkoof qophaa'aa turan waliin morkatan.

Kun Itoophiyaaf kan jalqabaa waan ta'eef akkaataan qophii fi dorgommiisaa irrattis wanti ifa ta'e hin turre.

Dorgommii kanarratti meedaaliyaa meetii kan argate barataa Fitih Girmaa itti qophaa'uuf torban sadi qofti akka kennameef hime.

''Yeroo kana keessatti of qopheesseera. Achi deemee kanan eegeen olin fide. Meedhaaliyaa meetii, akkasumas ammoo National Dimond of Ethiopia jedhamuun badhaasa lama argadheera.''

Dorgommiiwwan Olpmpiyaad addunyaarratti heddumminaan gaggeeffamu.

Kan herregaa, kan fiiziksii fi kaan ni gaggeeffamu.

''Akka Itoophiyaatti Kanaan dura dorgommiiwwan Olompiyaada akkanaarratti hirmaannee hin beeknu. Kan jalqabaa keenya ture. Isayyuu yeroo gabaabaa keessatti qophoofnee qabxii akkanaa fiduun baayyee nu boonsa,'' jedhe.

Dorgommiin kun eessa akka jirru nutti agarsiise

Dorgommii idiladdunyaa kan jalqabaasaanii ta'e kanarraa waan hedduu akka baratan hima Injinar Alaazaar.

''Dorgommii akkanaafillee akkamiin ijoollee ga’oomsuu akka qabnu baranneerra. Damee Kanaan sadarkaa irra jirrullee hubanneerra. Dandeettii ijoollee keenyaa fi deeggarsa akkamii akka barbaadan adda baafanneerra,'' jedhe.

Barataa Fitih Girmaa dorgommiin akkanaa Itoophiyaaf kan jalqabaa ta'us garuu dandeettiinsaa maalirra akka jiruu fi eessarratti cimee hojjechuu akka qabu akka itti agarsiise hime.

Kompiyuutara irratti dandeettii fi fedhii olaanaa waan qabuuf humna miidiyaarrattis hubannoo qaba.

Wayita gara Raashiyaa imaletti muuxannoo dorgommii kanarraa argateen cinatti gama miidiyaan humna Raashiyaan qabdus argee baayyee ajaayibsiifate.

''Wantoota hedduu daawwachuuf carraa argadheera. Hangan argetti Raashiyaan biyya akkaan birmaduu taate hubadheera. Yeroo ammaa qoqqobbiin gama hundaan akka irra jiru beekamaadha. Garuu oppireetiing siistam (Operating System), appiiwwan mataashee hedduu hojjettee waan jirtuuf kansheetti fayyadamti.''

Miidiyaalee hawaasaa fi miidiyaalee elektirooniksii kaan hundayyuu kan mataashee qabaachuu akka arge kan hime barataa Fitih Girmaa ''gama hundaan of danda'anii. ofirrallee darbanii biyyoota lixaarratti dhiibbaa uumuu ga'aniiru,'' jedhe.

''Itoophiyaan miidiyaa hawaasummaa kan mataashee akka qabaattu hojjetamaa jiraachuu dhagaheen ture. Garuu cimsanii itti hin deemne. An gama kiyyaan abdiin egeree Itoophiyaa damee teeknooloojii daran guddisuu akka ta'en amana,'' jedha barataa Fitih Girmaa.

''Saayinsii kompiyuutaraa, teeknooloojii AI fi teeknooloojiiwwan amma addunyaan harkaa qabdurratti hubannoo ga'aa qabaannee yoo hojiirra oolchine waan kan keenya ta'e wanti nuti hin uumneef hin jiru.''

Yeroo ammaa pirojektiin ''Yaada'' jedhamu sadarkaa yaadaatti eegalameera kan jedhu barataa Fitih Girmaa ''yaadota pirojektii erga dorgomsiisee booda kan mo'ate galcha,'' jedha.

''Anis bara kana pirojektiiwwan diinagdeerratti faayidaa guddaa qaban, biyyas fayyadan hojjechuuf karooran qaba. Yaadaanis waadaa nuuf seeneera. Yoo milkoofne, hojjennee dhiibbaa uumuu dandeeye fundiin isaanirraa akka ta'u jechuudha.''

Barataa Fitih Girmaa barattoonni barnoota idilee qofa osoo hin taane cinattis barnoota shaakalliin deeggaramee garaagaraa (extracurricular activities) keessatti hirmaachuun dandeettiisaanii gabbifachuu akka qaban dhaame.

Dorgommii kanarratti meedaaliyaa nahaasaa kan argate barataa Mikaa'el Ashannaafii ''dorgommii kanarraa waan hedduu baranne. Inni guddaan garuu iddoo keenya baruudha,'' jedhe.

''Yeroo gabaabduu kana keessatti qo'annee waan argannee fi fuulduratti ammoo osoo kana caalaa itti qophoofnee eessa ga'uu akka dandeenyu hubanneerra.''

Kanaafuu dorgommiiwwan akkanaa Kanaan booda gaggeeffaman irratti ijoolleen keenya sirriitti akka qophaa’an irratti xiyyeeffanna jechuudha jedha Injinar Alaazaar.

''Haala Kanaan ofitti amanamummaa horachuun ijoolleen Itoophiyaa dorgommiiwwan International Astronomy Olypiad fi Open world Astronmy Olympiad irratti hirmaachuun bu’aa kana caalu argamsiiuu danda’u. Kanarratti qophaa’aa jirra.''

Itoophiyaanis Muddee 20, 2019 Chaayinaa waliin ta'uudhaan saatalaayitii jalqabaa Ethiopian Remote Sensing Satellite - 01 (ETRSS – 01) jedhamtu hawaaatti erguun milkoofteetti.

Saatalaayitiin Itoophiyaan gara hawaa ergite kun buufata saatalaayitii Chaayinaa magaalaa guddoo biyyattii Beejingirraa kiiloomeetira 400 fagaatu irraa dhukaafame.

Saatalaayitiin kun hojii qonnaa, albuudaa, eegumsa naannoo, jijjiirama haala qilleensaa, tekinooloojiiwwan odeeffanootiif tajaajila odeeffannoo dhiyeessuu kan dandeessudha jedhameera.

Saatalaayitii kanarraa odeeffannoon kan fudhatamu Buufata To'annoo Saatalaayitiifi Odeeffannoo Fudhachuu Inxooxxootti argamurraati.

Itoophiyaan saatalaayitii kana erguuf dolaara miliyoona 10 baaste, kana keessaa miliyoonni ja'a mootummaa Chaayinaarraa kan argamedha.

Erga saatalaayitiin kun furguggifamtee waggaa tokko booda saatalaayitiin biroo tajaajila wal fakkaataa kennitu, ET-Smart-RSS, ergamuu gabaafamee ture.

Bara 2023 ammoo Saatalaayitoonni Itoophiyaan dacheerraa odeeffannoo akka funaanan hawaatti ergite hojii dhaabuu isaanii Inistitiyuutiin Ji’oo Ispaashaaliifi Saayinsii Ispeesii Itoophiyaa beeksisee ture.