Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saatalaayitoonni Itoophiyaan gara hawaatti ergite hojii dhaaban
Saatalaayitoonni Itoophiyaan dacheerraa odeeffannoo akka funaanan hawaatti ergite hojii dhaabuu isaanii Inistitiyuutiin Ji’oo Ispaashaaliifi Saayinsii Ispeesii Itoophiyaa beeksise.
Saatalaayitoonni kunneen hojii kan dhaaban yeroon tajaajila kennan waan xumurameef akka ta’e Daarektarri Olaanaa inistitiyuutichaa Obbo Abdiisaa Yilmaa BBC’tti himaniiru.
Akka qondaala kanaatti, yeroo saatalaayitoonni kuni hawaarra turan dursee beekama ture.
Itoophiyaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf saatalaayitii Ethiopian Remote Sensing Satellite - 01 (ETRSS – 01) jedhamtuufi 70kg ulfaattu ALI Mudde 10, 2012 Chaayinaatii furguggiste.
Saatalaayitiin kuni qonna, albuuda, eegumsa naannoo, eegumsa haala qilleensaafi qorannoo teessuma lafaaf odeeffannoo kennaa akka turte ibsameera.
Erga saatalaayitiin kuni furguggifamtee waggaa tokko booda saatalaayitiin biroo tajaajila wal fakkaataa kennitu, ET-Smart-RSS, ergamuu gabaafamee ture.
Obbo Abdiisaan akka jedhaniitti, saatalaayitiin dacheerraa odeeffannoo akka walitti qabdu jalqaba ergamte waggaa lamaafi walakkaaf tajaajila akka kennitu qophoofte.
Haa ta’u malee, yeroo dabalataa baatii sagaliif tajaajila kennuu ishee dubbatan.
Yeroon saatalaayitootaa yoo dhumu maal ta'u?
Gosootni saatalaayitii danuudha. Gosaafi ergamaan adda bahu.
Kan dacheerraa odeeffannoo akka walitti qaban ergaman akkasumas saatalaayitoonni kominikeeshinii tajaajila TV’f oolaniis jiru.
Haala qilleensaa hubachuuf akkasumas tikaafi waraanaaf kanneen ergamaniis ni jiru.
Saatalaayitiin Itoophiyaan hawaatti ergite odeeffannoo dacheerraa akka funaanan kan ergaman ta’uu qondaalli kuni ibsaniiru.
‘’Akkuma ergama isaanii hojii adda addaa qabu. Saatalaayitoonni kominikeeshinii hanga waggaa 15 tajaajila kennaa turuu danda’u.
‘’[Fageenya] 36,500km fagaatanii taa’u. Asitti harkisi lafaa xiqqaa waan ta’eef waggaa hedduu tajaajilu.’’
Haa ta’u malee, saatalaayitoonni Itoophiyaan ergite waan hin fagaanneef ‘’umriin isaanii gabaabaadha,’’ jedhan.
‘’Saatalaayitiin Itoophiyaa jalqabaa hammi dacheerraa fagaatte 628km qofa ture. Saatalaayitiin fageenya kanarraa harkisa lafaa dandamachuuf anniisaa waan baastuuf umrii gabaabbatti.
‘’Saatalaayitoonni humna yeroo fixan ergaa erguus fudhachuus dhaabu,’’ jechuun BBC’tti himan.
Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Ji’oo Ispaashaaliifi Saayinsii Ispeesii Itoophiyaa Obbo Abdiisaa Yilmaa akka jedhanitti, saatalaayitoonni ergama isaanii raawwatan carraa lama qabu.
Gariin ergamni isaanii yeroo raawwatu Garba Guddaa Hindiirratti akka kufan yeroo dizaayiniin isaanii tolfamu ajajamu. Kaan immoo hawaarratti akka hafan taasifamu.
‘’Kanneen hawaarratti hafan yeroo dheeraa keessatti bibittinnaa’aa xixiqqaatu. Eegasii bittinna’anii hafu. Yeroo ammaa hawaarratti kuufama caccabaa baay’eetu jira.
‘’Kunis saatalaayitoota kaan dalagaa jiranirratti rakkoo uumuu danda’u,’’ jechuun ibsu.
Saatalaayitoonni Itoophiyaan ergite yeroo dheeraa keessatti ofumaa caccabanii akka badan kan qophaa’anidha.
‘’Waggoota 15 fi 20 keessatti caccabaa xixiqqaatti jijjiiramanii badu,’’ jedhan.
‘’Saatalaayitiin jalqabaa Itoophiyaa waggoota sadi ta’uuf tajaajilteetti. Odeeffannoo hedduu ergiteetti, tajaajilteetti.
‘’Waan hunda keessaa saatalaayitii to‘achuu, odeeffannoo walitti qabuufi odeeffannoo xiinxaluun muuxannoo horanneerra,’’ jechuun dubbatan.
Odeeffannoo ETRSS – 01 irraa argameen faalama haroo Hawaasaarratti qorannoon taasifamuu akkasumas aappii turizimii dalaguuf hojiirra ooluu himan.
Boodarra ETRSS – 01 humni ergaa simachuufi erguu ishee dadhabaa waan deemeef saatalaayitii biyyoota biraarraa odeeffannoo fudhachaa akka jiran himan.
Sababa kanaanis, danqaan mudatu hinjiru jedhan.
Waggoota lamaan dhufan Itoophiyaan saatalaayitii qulqullinaan wayyoo qabu jedhan furguggisuuf qophiirra akka jirtu Obbo Abdiisaan BBC’tti himaniiru.
Saatalaayitii dacheerraa odeeffannoo funaantuun ala Itoophiyaan saatalaayitii kominikeeshinii furguggisuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru.
Haa ta’u malee, gatiin saatalaayitii kominikeeshiniif barbaachisu ‘’olaanaa waan ta’ef gaafa maallaqi argame hojiirra oolchuuf qophii qabna,’’ jedhan.