Itoophiyaan maaliif saatalaayitii hawaatti erguu barbaadde?

Itoophiyaan boru Muddee 20, 2019 Chaayinaa waliin ta'uudhaan saatalaayitii isa jalqabaa hawaaatti erguuf jirti.

Kanaafuu guyyaa boruu ganama sa'aatii 12: 12 (03:21 GMT) irratti kan furguggifamu ta'uu ibsi Imbaasiin Itoophiyaa kan Keniyaatti argamu nuuf erge beeksiseera.

Saatalaayitiin fagoorraa waa hubachuu dandeessuu kunis biyya Chaayinaa irraa kan hawaatti ergamtu yoo ta'u, buufanni lafoo isaa garuu Itoophiyaa keessatti dhaabbata to'annoo hawaa Inxoxoo (Entoto space observatory ) tti argama jedheera ibsichi.

Saatalaayitiin seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif gara hawaatti ergamtu kunis walta'iinsa injinaroota lammiilee Itoophiyaa kanneen jijjirraa muxannoo warra Chaayinootaa waliin taasisaniin kan ijaarame ta'u ibsi kun ni mul'isa.

Kaayyoon saatalaayitii kana maali?

Saatalaayitii erguun maaliif barbaachise gaaffii jedhu ilaalchisee, dhiheenya kana Daarektarri Inistitiyuutii Ispees Saayinsiifi Tekinooloojii Itoophiyaa Dr. Solomoon Balaay BBC'f deebii kennaniiru.

Saatalaayitii jalqabaa kana erguudhaaf dhimmi ijoo barbaachiseef waanta lamadha akka Dr. Solomoon jedhanitti.

Inni tokkoffaan, dandeettiifi ogummaa injinaroonni keenya tekinooloojii fayyadamuu qaban saayintistootaafi dhaabbileen ispeesii biyyoota gara garaa waliin hojjechuun gabbifachuudhaaf.

Saatalaayitiin amma ergamuuf karoorfame kun, qonnaa haalaan karoorsuuf jijjiirama haala qilleensaa, qabeenya bishaanii qorachuudhaaf, ongeerratti akkeekachiisa dursaatiif akkasumas sektara albuudaafi misooma magaalaa keessatti tajaajila barbaadamu argachuudhaaf jedhan Dr. Solomoon.

Odeeffannoon kun biyya keenyaaf barbaachisaadha sababiin isaas, mootummaan Itoophiyaa odeeffannoo saatalaayitii kan warra biraa irraa bitee itti fayyadamaa ture jedhu.

Kanaaf, saatelaayitii kana yeroo eebbisiifnutti sharafa biyya alaa nuuf qusatas jedhan daarekteerichi.

"Saatalaayitiin kun danaa Itoophiyaa qarqaraa hanga qarqaraatti kaasuudhaan guyyaa afur keessatti kan addunyaa ammoo guyyoota 50 keessatti nuuf ergiti, odeeffannoo barbaannu waljijjiiruu ni dandeenyaa, kan barbaadu yoo jiraate ni gurgurras," jedhu Dr. Solomoon.

Faayidaa misooma sektaroota gara garaa keessatti barbaachisu irraa argachuun alattillee saatalaayitiin galii waan argamsiisuu danda'uuf biizinasii bu'aa qabeessas jedhan.

Faayidaa saatalaayitii qabaachuun qonnaaf gumaachu akka fakkeenyaatti yeroo kaasan, "biyyoo, bishaan, amalaafi haala qilleensa kamtu midhaan gosa kamiif ta'a kan jedhu odeeffannoo waan nuuf fidduuf, ilaallee gara sanyii filachuutti deemnee milkaa'uu dandeenya," jedhu.

Yerooodhaa gara yerootti ho'i qilleensaa jijjiiramaa jiraachuu kaasanii, saatalaayitiin odeeffannoo kunuunsa bosonaafi eegumsa naannootiif gumaachu walitti fufinsaan ni dhiyeessa jedhu.

Itoophiyaa keessatti bakka kamitti lolaan cimaan akka jiraatu ykn balaan uumamuu danda'a kan jedhu ilaaluudhaan tarkaanfii of eeggannoo dursanii fudhachuuf akka gargaarullee dubbataniiru Dr. Solomoon.