Yeroo itti aanu eenyutu Addeessarra deema?

Biyyoonni ummata baayyee qaban sadii karoora guddaa nama gara Addeessaatti erguuf qaban ifa godhaniiru.

Biyyoonni kunneen maaliif ergama hawwaa kana milkeessuuf maallaqa dolaara biliyoonaan baasuu? Maal argachuuf abdataniiti?

ALA bara 1969 balaliin hawaa Apollo 11 qorattoota hawaa Baz Aldrin fi Niil Armistrong jedhaman addeessarra qubachiifte. Sana boodas ergamawwan gara hawaa maqaa Apollo jedhuun taasifamaniin lammiileen Ameerikaa 10 baatii (addeessarra) akka tarkaanfatan taasisaniiru.

Haata’u malee, Ameerikaan ji’a Mudde ALA 1972tti imala gara hawaa namoonni irratti hirmaatan taasisuu dhaabde.

Amma walakkeessa jaarraa booda fedhiin gara addeessaatti balali’uu guddachaa jira. Yunaayitid Isteetis qorattoota hawaa gara addeessaatti erguuf karoorfachaa jirti. Imala kanaanis qorattoonni hawaa sanyiin adii hin taane akkasumas dubartiin akka irratti hirmaatan barameera.

Imala gara addeessaa taasisuuf qophiitti kan jirtu Yunaayitid Isteetis qofaa miti. Chaayinaafii Hindiinis ergamawwan haaraa gara addeessaatti erguuf karooratti jiru.

Garuu biyyoonni kun maaliif addeessarra bahuuf morkatu? Imalawwan amma taasifamanhoo imalawwan abuurraa bara faranjootaa 1960’moota keessa taasifaniin maaltu adda godha?

Ji’oopolitiksii

Imalli gara addeessaa Ameerikaan (US) ALA bara 1969 taasifte, Gamtaan Sooviyeetii (USSR) ALA bara 1961’tti qorataan hawaa Yuri Gagariin gara orbiitii dachiitti erguudhee ka’umsa godhata.

Addeessarra qubachuun Ameerikaas milkaa’ina guddaa, hiikaa siyaasaa cimaa kan qabufii qalbii addunyaa kan hawwate ture.

Biyyoonni Ameerikaatti aansanii addeessarra tarkaanfachuuf karoorfatanis fedhii siyaasaafii qabeenya achitti argamutti fayyadamuu sababa godhatu.

Biyyoonni garagaraa akkasumas dhaabbileen dhuunfaa addeessarra qubachuuf tattaafachaa jiran sababaafii ajandaa dhuunfaa isaanii qabu.

Raashiyaa, Chaayinaa, Hindii, Jaapaan fi Gamtaan Awurooppaa (EU) hanga ammaatti xiyyaar-samii addeessarra qubachiisuu danda’anillee hanga ammaatti nama hin qubachiifne.

Haa ta’u malee yeroo ammaatti morkiin guddaan Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaa gidduutti ta’aa jira.

‘Arts Technica’tti gulaalaa olaanaa dhimma hawaa kan ta’e Erik Berger, “Sababni walmorkii kanaa ji’oopolitiksiidha. Gareewwan lama kan Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaan hogganamantu jiru. Gareen lachuu karoora nama addeessarra qubachiisuu akka qaban beeksisaniiru.

Kana malees lachuu dhaabbilee michuu idil addunyaa waliin walii mallatteessaa jiru. Waggoota shanii hanga 10 itti aanan keessattis addeessarra qubachuuf yaalaa jiru” jedha.

Qabeenya

Ergamni yookiin imalli jalqabaa gara addeessaatti taasifame qorannoo hojjechuuf osoo hintaanee addeessumarra qubachuu kan kaayyefate ture.

Amma garuu dhimmichi dhimma addeessarra qubachuu qofaa miti. Tekinoloojii dhalli namaa addeessarra akka turu dandeesisu hojjechuufii qabeenya achitti argamu faayidaadhaaf oolchuu kan jedhu dhimma ijooti.

“Namoonni uumama lafarraati. Gariin isaanii Maarsii, addeessa akkasumas buufataalee jireenyaa hawaarratti ijaaraman irratti kolonii hundeeffachuu barbaadu” jedha Yunivarsiitii Norzaambiriyaatti piroofeesara seerafii imaamata hawaa kan ta’e Kiristoofar Niwumaan.

Dabaluunis hawwiin biyyootafii dhaabbilee tokko tokkoo tarii lafti kan baddu yoo ta’ellee koloniiwwan dachiin alatti hundeessanitti fayyadamuun dhala namaa badiirraa hambisuu akka ta’es hima.

Iddoo haaragalfii

Ergamni US gara addeessaatti imaluuf itti qophaa’aa jirtu bal’aadha.

“Yaadni jiru addeessarratti buufata ijaaruun addeessi imala gara Maarsiitti taasifamuuf iddoo haaragalfii akka ta’u gochuudha” kan jettummoo Pirofeesara Yunvarsiitii Arizona Isteet kantaate Namrata Goswami dha.

Harkisni lafaa addeessarraa xiqqaa waan ta’eef hammi boba’aa achirraa rokkeettii furguggeessuuf barbaachisu kan lafaarra baay’ee xiqqaa akka ta’e himuunis kunis biyyoonni addeessa akka qabeenya ijootti akka ilaalaniif sababa ta’uu dubbatti.

Kana malees qaamoleen addeessaa gariin isaanii walitti fufiinsaan ifa aduu kan argatan ta’uunsaas anniisaa elektiriikii aduuraa maddisiisuuf haala mijataa kan uumudha.

Yaadni gama kanaan jirus anniisaa kana saatalaayiitiiwwan gurguddaatti fayyadamuun gara dachiitti dabarsuudha.

Gama biraatiin Hindiin ergamawwan gara addeessaatti taasifteen albuudawwan akka salfarii, aluminiyeemii fi elementoonni biroon bantii Kibbaa addeessaarra jiraachuusaanii mirkaneessiteerti. Xiyyeeffannoon amma jirus elementii ijoo lubbuu namaa tursiisuu danda’u argachuudha.

“Qubannaa namaa tursiisuu yoo barbaadde cabbiin bishaanii baay’ee barbaachisaadha, sababnisaas cabbiin bishaanii gara oksijiiniitti geeddaramuu danda’a” jetti Goswamin.

Gammachuu qubannaa addeessarraa yeroo jalqabaa uumameen booda yaadni gara urjiiwwaniitti imaluus haasa’amee ture. Haa ta’u malee kun wanta yeroo dhiyootti ta’uu danda’u miti.

“Namaaf iddoon dhaqabamuu danda’ufii harkisa lafaa xiqqaa qabu addeessadha. Kaanin yeroo madaalamu achu gahuun salphaadha. Baay’ee dhiyoodha. Addeessa bira gahuuf guyyaa sadi fudhata. Dhala namaa Maarsiirra geessuuf garuu yeroo ji’a jahaa hanga saddeetii fudhata” jedha Berger.

Haa ta’u malee dhala namaa addeessarra qubachiisuun qormaatawwan teknikaa baay’ee ofkeessaa qaba.

Jalqaba rokkeettiin cimaa astironootota gara hawaatti geessufii carallaa irraa ittisu jiraachuu qaba.

Qormaanni itti aansee jirummoo dachii addeessaarra suuta akka qubatan taasisuudha. Isatti aansees hojiin astironootota gara dachiitti deebisuu ni jira. Haa ta’u malee kana gidduutti rakkoon tekinikaa yoo mudate karaan astiroonootonni gargaarsa alaa itti argatan hinjiru.

Gama biraatiin biyyoonni garagaraa addeessarra erga qubatanii booda qabeenyi achi jiru akkam ta’a kanjedhu gaafii ijoodha.

Waliigalteen Hawaa Alaa bara faranjootaa 1967 mallattaa’e biyyi kamuu hawaan kankooti jechuu akka hindandeenye hima. Haa ta’u malee takkaa biyyoonni addeessarra qubachuu eegallaan taateen uumamu faallaa waliigaltee kanaa ta’uu danda’a.

“Biyyoonni dandeettii addeessarra qubachuu qabanfii qabeenya uumamaa achi jiru dursanii baasan yaada ‘abbaa jalqaba argate’ jedhuun fayyadamoo ta’uu danda’u. Kana malees seera qabeenyi addeessarraa walitti qabame akkatti qoodamuu qabu hogganus hinjiru” jetti Goswamin.

Walmorkii imala gara hawaa haaraa

Chaayinaan bara 2030’moota keessa addeessarratti buufata ijaaruun itti fayyadamuuf hojjechaa jirti. Hojiin kunis akka karoora qabametti hojjetamaa jira.

Gama biraatiin Ameerikaan bara 2028’titti buufata hawaa adeessarra qubachiisuuf karoorfattee kanjirtu yemmuu ta’u, sagantichi hanga ta’e harkifateera.

Milkaa’inni US kunis dandeettii biliyeenarrifi hundeessaan dhaabbata Space X, Elon Mask rokkeettii gara addeessaatti furgugifamtu ijaaree xummuruu irratti qaburratti hundaa’a. Rokkeettiin kunis yeroo ammaa hojjetamaa jira.

Hindiinis yeroo jalqabaaf balallii gara hawaa namaan dabaalame taasisuuf bara itti aanutti karoora qabatteerti. Biyyattiin ALA bara 2035’ttimmoo buufata hawaa ijaaruun bara 2040’ttimmoo astiroonootota addeessarra qubachiisuuf hojjechaa jirti.