Addeessi kan eenyuuti? Waldhibdeen Dacheerraa achittis mul'achuu malaa?

Yeroo addunyaan gara Addeessaatti arreedaa jirtu keessaa jirra, dorgomtoonni heddummaataniiru.

Lakkoofsi biyyootaa fi kaampaaniiwwan dirra addeessaarraa bakka barbaadanirra ija buufatanii akkaan dabaleera.

Qabeenya jiru of harka galfachuun addeessarratti abbummaa ofii mirkaneeffachuuf warri humna qaban ciqilee wal-rigaa jiru.

Ofii waan addeessarra jiru abuuruuf eenyutu qophiidha? Hundi keenya qaama hawaa nutti dhiyaattee jirtu kana qooddachuuf qophiidhaa?

Moo Addeessi kan nama, kubbaaniyyaa yookiin biyya muraasaa ta’uuf deemti?

Dhihooma kana Chaayinaan imala gara addeessaan guddoo milkaa’uu himteetti. Alaabaan ishee dhifamee addeessarraa mul’atu suuraa kaafamuun gara dachee deebi’ee addunyaa haasofsiiseera.

Ji’arra qubachuun Chaayinaaf haaraa miti, imalli inni yeroo dhihoo kun afraffaa isheeti.

Garuu bantoo addeessaa kan dacheerraa kallattii achi aanuun fagaatee argamurraa samuuda fuudhanii dacheetti deebi’uudhaan kun isa jalqabaati.

Ji’oota 12 darban keessatti Indiyaafi Jappaanillee xiyyaar-samii dirra addeessaarra qubachiisaniiru.

Guraandhala darbe kubbaaniyyaan Ameerikaa hojii hawaa abuuruuf hundaa’e US firm Intuitive Machines jedhamu xiyyaar-samii Addeessarra qubachiisuun kubbaaniyyaa dhuunfaa yeroo jalqabaaf ergama kana raawwate ta’eera.

Kana hordofanii kan dhufaa jiranis hedduudha.

Kana gidduutti ammoo Nasan ammas deebisee nama gara Addeessaa erguu akka fedhu ibseera.

Qorattoonni hawaa (astronauts) sagantaa qorannoo hawaa Nasa- Artemis astronauts jedhaman bara 2026 Addeessarra qubachuuf karoorfataniiru.

Chaayinaan ammoo bara 2030tti dhala namaa gara Addeessaa akka ergitu himteetti.

Haala kanaan biyyoonni humna qaban kunneen deddeebi’anii Addeessa daawwachuu fi qorannoo gaggeessuurra dhaabbiidhaan achuma jiraachuuf waan karoorfatan fakkaatu.

Garuu wayita siyaasi warra addunyaarratti humna qabanii dhala namaa jaanjessaa jiru kanatti, dorgommiin gara hawaatti taasifamu kun dhiphina dacheerra jiru kana qabatee gara Addeessaa geessuu danda’a sodaan jedhu jira.

Ji’ooloojistiin Yunivarsitii Kansas Jastin Holkomb jedhamu ''hariiroon nuti Addeessa waliin qabnu yeroo gabaabaa keessatti bu’uura irraa jijjiiramuun waan hin oolle,'' jedhe.

Saffisni ittiin sochiin hawaa abuuruu fi qorachuu gaggeeffamaa jiru ''seera keenya bira taraa jira,'' jechuun akeekkachiisa saayintistiin kun.

Dhimma hawaa irratti seerri UN maal jedha?

Waliigalteen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 1967 ragga’e biyyi kamuu Addeessa dhuunfachuu hin danda’u jedha.

Akkaataa waliigaltee iddoowwan dacheen ala jiranii- Outer Space Treaty jedhamu kanaatti Addeessi kan hundaati, kanaafuu hojiin abuuruu kamuu wayita gaggeeffamu akkaataa dhala namaa hunda fayyaduu fi dantaa biyyoota hundaa giddugaleessa godhateen ta’uu qaba jedha.

Waliigalteen kun naga qabeessaafi waliin hojjechuun waliin fayyadamuu waan mirkaneessu fakkaata.

Garuu humni waliigaltecha duuba ture kan walin hojjechuun waliin fayyadamuu mirkaneessu hin turre, siyaasa Waraana Hololaatu (Cold War) kana dhale.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda dhiphinni Ameerikaa fi Sooviyeet Yuuniyen gidduutti dagaage, hawaan adda waraanaa ta’uu danda’a sodaan jedhu yeroo sana tureera.

Kanaafuu qabxii ijoon waliigaltechaa meeshaan waraanaa kamiyyuu gara hawaa seenuu hin danda’u kan jedhuudha. Waliigaltee sana biyyoota 100 caalantu mallatteessan.

Garuu barri dorgommii hawaa kun kan yeroo sanaarraa waan hedduun gargaarummaa qaba.

Jijjiiramni muummeen sochii imala hawaa yeroo ammaa keessatti mul’ate , dorgommiin gara Addeessaatti taasifama pirojektii biyyootaa qofa osoo hin taane kan kaampaaniiwwaniis dabalachuusaati.

Amajjii darbe keessa ergamni imala hawaa- Pergrine hambaa (lafee ) namaa, samuuda qaccee sanyii (DNA) fi dhugaatii ispoortii kan biraandii mataasaa qabu gara Addeessaa geessaa akka ture ibsee ture, garuu hin milkoofne.

Peregrine keessaa karaatti boba’aan waan dhangala’eef osoo Addeessarra hin ga’in kufteetti. Gaaffiin ijoon garuu waan kana hunda qabatanii gara Addeessaa imaluun akkamiin qajeeltoo imala hawaa, kan ''dhala namaa hunda fayyaduu,'' jedhuun walsima isa jedhu ture.

Ogeettiin seeraa dhimma hawaa fi hundeessituun jaarmiyaa For All Moonkind Misheel Hanlon ''waanuma dandeenyuuf qofa wantoota adda addaa garas [hawaa(Addeessa)] erguu eegalleerra. Sababa amansiisaa dhiheessuun hafeera,'' jette.

Jaarmiyaa iddoowwan qubannaa Appooloof eegumsa taasisu, For All Moonkindt, kana kan hooggantu ogeettiin seeraa kun ''Addeessi keenya bakka namuu ga’uu danda’u taateetti, kanaaf amma garmalee (karaa sirrii hin taaneen) itti fayyadamuu eegalle,'' jedha.

Inistitiyuutii Imaammataa fi Seera Hawaa Landanitti daarektara kan ta’e Sa’id Mostishaar qaamoleen dhuunfaan gara hawaa imalan heddummaatanis, sochiisaanii hunda keessatti garuu biyyoonni ga’ee olaanaa qabu jedhe.

Kaampaaniin imala gara hawaa taasisu kamiyyuu biyya keessa jiru irraa eeyyama argachuu qaba, biyyoonni ammoo akkaataa waliigaltee idiladdunyaan taliigamu jedha daarektarri kun.

Ammallee taatu toora warra Addeessarra qubatanii keessa galuudhaan dhimma qaama hawaa kanarratti murteessuuf kabaja addaa qabaachuu feesisa.

Indiyaafi Jappaan erga ergamasaanii milkeessanii booda gama kanaan addunyaarratti biyyoota dursa waamaman ta’uu akka fedhan ibsachuu danda’u.

Addeessarraa faayidaan argamu maali?

Biyyi imala hawaan daran milkaa’e carraa hojii bal’aa uumuu fi teeknooloojii kalaqaa guddisuun diinagdee addunyaa fooyyessuu danda’a.

Garuu imalli gara Addeessaa faayidaa kana caalu argamsiisa: leecalloowwan uumamaa achirra jiran.

Dirri (irra keessi) Addeessaa waan homaa ofirraa hin qabne fakkaatee mul’atus, garuu albuudota rare earth jedhaman, sibiilota akka Iron fi titanium akkasumas helium jedhamaniin kan badhaadhe.

Leecalloowwan kunneen meeshaalee elektirikii hanga meeshaalee fayyaa hojjechuutti waan hunda keessatti faayidaa kennu.

Faayidaan qaama hawaa kanarraa argamu lakkaa’amee hin dhumu, Addeessi kanaaf bakka itti badhaadhan ta’ee hubatamaa jira.

Haata’u malee kun waan yeroo gabaabaa keessatti argamu miti, investimantii yeroo dheeraa gaafata.

Teeknooloojii Addeessaarraa leecalloo kunneen guurratanii deebi’uuf gargaaru kan amma jiruun oli.

Seera ittiin bulmaataa jireenya Addeessarraa eenyutu baasa?

Akkaataa waliigaltee idiladdunyaa bara 1979 mallattaa’een biyyi yookiin jaarmiyaan kamiyyuu Addeessarraa qabeenya horachuu hin danda’u jedha.

Waliigalteen kun hagas mara hin beekamu, biyyoota 17 qofatu miseensa.

Inumaa biyyoota gara Addeessaa imalanii beekan kanneen akka US hin dabalanne.

Faallaa kanaan US bara 2015 seera lammiilee fi indastirii biyyattii wantoota hawaa keessaa jiran irraa fayyadamuu dandeessisu raggaasifteetti.

''Haalli kun hawaasa idiladdunyaa gidduutti yaaddoo uumeera,'' jette Aadde Misheel Hanlon.

''Biyyoonni kaanis suutuma suuta haala kana hordofuun seera walfakkaataa biyyasaaniitti baasan.''

Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Jappaan, Luxembourg fi Indiyaan biyyoota tarkaanfii kana fudhatan keessaati.

Qabeenyi Addeessarraa akkaan barbaadamu ammoo kan baayyee nama ajaayibuudha: bishaan.

Pirofeesarri saayinsii pilaaneetii Saaraa Ruusel ''dhagaawwan qorattoonni hawaa (astronauts) Appooloo jalqabaa Addeessarraa fidan wayita qoratamaman guutummaatti qaamnisaanii gogaadha,'' jette.

''Ergasii garuu waggaa 10 dura sochii haaraan eegale. Achirraa ka’uun albuudota jajjaboo ta’an keessa bishaan jiraachuu bira geenye.''

Bantoowwan Addeessaarratti ammoo bishaan heddumminaan jiraachuu fi keessattuu boyiiwwan yeroo hunda gaaddidduu jala ta’an keessatti cabbii hedduun tuulamee jiraachuu himte.

Fuulduratti kanneen Addeessa daawwatan bishaan achi jiru dhugaatiif ni fayyadamu, akkasumas oksijiinii uumuuf ni fayyada.

Qorattoonni hawaa (astronauts) bishaan Addeessarra jiru haayidiroojiinii fi oksijiiniitti baasuun boba’aa rookeetii hojjechuu danda’u.

Kun ammoo Addeessarraa ka’uun gara Maarsii fi pilaaneetota birootti imaluuf haala mijeessa jette Aadde Saaraan.

Yeroo ammaa US qajeeltoo Addeessa abuuruu fi irraa fayyadamuuf ittiin taliigamtu baasuuf yaalaa jirti.

Waliigalteen Artemis (Artemis Accords) Addeessarratti hojii hojjechuu fi irraa fayyadamuun akkaataa waliigaltee Treaty for Outer Space jedhamuun ta’uu akka qabu eera, ammoo seeronni haaraan itti daramuu akka qabanis eera.

Waliigaltee kana biyyoota 40 caalantu mallatteessan, garuu Chaayinaan keessa hin jirtu.

Addeessa abuuruu fi irraa fayyadamuun walqabatee seerri haaraan biyya tokko qofaan ba’uu hin qabu jechuun kan falman jiru.

''Dhimmi kun dhimma biyyoota addunyaa hundaa waan ta’eef seerri ba’us karaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta’uu qabaata,'' jedhe Sa’id Mostishaar.

Morkii bakka mijataa qabchuuf taasifamu

Dhimmi leecalloo Addeessaarra jiran irraa fayyadamuu madda walitti bu’iinsaa ta’aa jira.

Addeessarra iddoo bal’aatu jira, garuu kutaaleen bo’oowwan cabbiidhaan uwwifamanitti dhihaatanii jiran iddoo jireenyaaf mijatoodha.

Yoo namuu bakka mijataa kana fedhe maaltu mudachuu mala? Kan jedhu gaaffii ijoodha.

Biyyi tokko dursitee iddoo mijataa yoo qubatte, biyyi biraa itti dhihaatee akka hin qubanne maaltu dhorka?

Mana Barnootaa Ikonoomiksii Landanitti qorataa imaammataa fi seera hawaa kan ta’e Jiil Istuwaart ''dubbiin kan Antarkitik waliin walfakkaata. Akkuma ardii kanaa Addeessarrattis buufati qorannoo hundeeffamee arguuf teenya,'' jedhe.

Garuu Addeessarratti bakka qabatamu ilaalchisee dhimmi murteessaan abbaa dursee bakkas ga’erratti hundaa’a.

''Kan jalqaba achi ga’e fayyadamaa ta’uun haquma jiru,'' jedha Jill Istuwaart.

''Yoo dursitee achi geessee mooraa ijaarratte, achirra dhaabbattee naannawa kee bal’inasaa murteeffachuu dandeessa. Akkas jechuun bakka sanarra qubachuu dandeessa jechuudha malee kan dhuunfaa kee godhatta jechuun miti.''

Haala amma jiruun qubattoonni jalqabaa US yookiin Chaayinaarraa ta’u. Biyyoonni dacheerrattuu walqoccolaa jiraatan Addeessarrattis dhiphina uumuuf jiru.

Istaandardii barbaachisu kan baasanis biyyootuma kunneen ta’u. Seerri abbaa jalqaba Addeessarra qubateen bocame seera kanneen booda dhufanis ittiin bulan ta’ee fudhatama.

Kun yoo ta’uu baate carraan waliigaltee hawaa idiladdunyaa haarofti qophaa’uu akkaan dhiphaadha jedhu ogeeyyiin saayinsii hawaa.

Addeessarratti wantoonni raawwatamuu qabanii fi raawwatamuu hin qabne waliigaltee walhubannoon waan murtaa’u fakkaata.

Amma wanti hunduu harka keenya jira, gaariinis hamaanis. Addeessi yeroo hunda nu biraa haftee hin beektu. Calaqqee fi dukkanashee nutti jijjiiraa nu faana jiraatti.

Garuu akkuma dorgommiin hawaa abuuruu cimaa deemuun, Addeessi iddoo akkamii ta’uuf akka deemtu itti yaaduu barbaachisa.

Xaxaan siyaasaa fi walqoccolloon dachee dhiphise achittis mul’achuu danda’aa laata? Bullee kan ilaallu ta’a.