Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr Birhaanuu Bulchaa: Injinara NASA teknooloojii addeessarra bishaan jiraachuu adda baasu kalaqe
Jaarmiyaa teeknooloojii NASA'tti giddugalli qorannoo (laaboraatoorii) hawaa guddichi Goddard- Goddard Space Flight Center (GSFC), Waashingtan DC irraa kaaba-bahaatti 10.5km fagaatee Giriinbelt, Meriilaand keessatti argama.
Giddugalli qorannoo hawaa Nasa isa jalqabaa ta'ee fi bara 1959 hundaa'e kun namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman qacaree hojjisiisaa jira.
Kanneen keessaa tokko Dr Birhaanuu Bulchaati.
Dr Birhaanuun gareesaa waliin ta'uun giddugala kana keessatti teeknooloojii addeessarra bishaan jiraachuu ga'umsa olaanaan adda baasu, kan kanaan dura turerra akkaan fooyya'aa kan ta'e hojjetaniiru.
Teknooloojiin haaraan qaawwa kanaan dura ture cufa jedhamee abdatame kun humna- Quantum tunneling lazer jedhamutti dhimma ba'uun teeknooloojii kanaan duraarra fooyya'aadha.
Hojiiwwan qorannoo hawaa Nasa'dhaan hojjetaman keessaa bakka bishaan fi qabeenyi uumamaa jiru hunda sakatta'anii addunyaaf beeksisuun fuulleffannaa jaarmiyichaati.
Qorannoon hawaa kanaan dura gaggeeffame addeessarra bishaan jiraachuu mul'iseera, garuu bishaan qulqulluu ta'uu fi dhangala'aa haayidiroojiinii of keessaa qabu kaan ta'uu adda baasuurratti hanqinatu ture.
Giddugala qorannoo teeknooloojii hawaatti injinara kan ta'e Dr Birhaanuu Bulchaa, meeshaan teeknooloojii ammayyaa giddugalichatti hojjetame- heterodyne spectrometer jedhamu kan ji'arra jiru bishaan qulqulluu ta'uu fi kaan ta'uu sirriitti adda baasa jedhe.
Sagantaa addeessarra ba'uu US- Artemis fi ga'ee Dr Birhaanuu
Dhiheenya kana teeknooloojii addeessarra bishaan jiraachuu adda baasu kalaquun guddoo kan leellifame Dr Birhaanuu Bulchaa, ''Qorannoo hawaa kanaan waan qaamaan bira geenyee, ija keenyaan arguu hin dandeenye yookiin qaqqabachuu hin dandeenye meeshaalee teeknooloojii hojjechuun akka deemanii nuuf ilaalan gochuun ergama guddaa Nasa ti,'' jedhe.
Ameerikaan gara addeessaa imaluuf sagantaa guddaa qopheessiteetti. Sagantaan kuni Artemis jedhama.
Bara 1970oota keessa teeknooloojiin gara hawaa yeroo jalqabaaf imale ergama yookiin sagantaa appooloo jedhamu jalatti ture.
''Yeroo sana namoonni addessarra qubatan biyyee qabatanii gara dacheetti deebi'uu quba qabna,'' kan jedhu Dr Birhaanuun, Erga yeroo sanaatii (waggoota 50 caalaniif) deebinee addeessarra deemnee hin beeknu jedhe.
Sagantaa appooloo jedhamu boodas meeshaan teeknooloojii Orbital jedhamu gara hawaa ergamee, addeessarra osoo hin qubatin naannawa addeessaa balali'ee waanti bishaan fakkaatu addeessarra jiraachuu qoratee deebi'eera.
''Amma waggoota sadan, arfan dhufaniif gara addeessaa nama erguuf karoora guddaatu qabamee jira. Kanaaf nama erguun dura ammoo meeshaalee teeknooloojii waan addeessarra jiru qoratee adda baasu erguu qabna,'' jedha Dr Birhaanuu Bulchaa.
Sagantaa kanaaf Nasa keessatti teeknooloojiin garas ergamee addeessarra waan jiru ilaalee qoratee namaaf ibsu heddumminaan kalaqamaa jiraachuus ibse.
''Kana keessatti hirmaataa turre, teeknooloojiin amma hojjetame kan kanaan duraa irra akkaan fooyya'aadha. Hammi isaa xiqqoo kan ta'ee fi hojii hedameef ga'oominaan kan xumuruu danda'uudha.''
Meeshaalee teeknooloojii fageenyarraa waan hawaa keessaa to'achuuf gargaaran keessaa kan inni hojjete kun kan addeessarra waan jiru adda baasuudha.
''Meeshaan haaraan kun spectrometer jedhama. Qabiyyeewwan keemikaalawoo, molekiyuulotaa fi wantoota kana fakkaatan kan qoratuudha. Wantoonni hundinuu danaa yookiin mallattoo (signiture) ittiin beekaman mataasaanii qabu.''
''Fakeenyaaf haayidiroojiinii, Oksijiinii fi gaasii akkasumas molekiyuulonni biroonis malattoo mataasaanii qabu. Meeshaan kun mallattoowwan kunneen adda baasuuf gargaara.
''Ergama ammaa kana keessatti garuu meeshaa kana bishaan akka adda baasuuf itti gargaaramna,'' jedha Dr Birhaanuu Bulchaa.
Akka ibsa Dr Birhaanuutti meeshaan bishaan addeessarra jiraachuu adda baasu kun, yoo bishaan jiraate eessaa akka dhufes qorachuuf gargaara.
''Bishaan argame kun erga sirni soolaarii keenyaa kun uumamee argamemoo, kometiiwwan duraan turantu gara cabbiitti geeddaramanii bishaan ta'an moo eessaa dhufe kan jedhus ni qorata.''
Qorannoowwan akka mul'isanitti dhangala'aan bishaan fakkaatu addeessarra jira. Garuu bishaan moo miti kan jedhu murteessinee dubbachuun nama dhiba.
''Meeshaan amma garee kiyya waliin ta'ee hojjedhe kun molekiyuulota haayidiroojiinii qaban kan biroo bishaan irraa kan adda baasee nuuf ibsuudha,'' jedhe Dr Birhaanuun.
''Teeknooloojiin hanga ammaatti jiru dhangala'aan bishaan fakkaatu akka jiru qofa himaa ture. Kun garuu adda baasee bishaan yoo ta'e bishaan waan biraa yoo ta'es maal akka ta'e kan nuuf ibsuudha.''
Hojii kana yoom eegale?
Dr Birhaanuu Bulchaa hojii teeknooloojii amma Nasa keessatti ittiin beekame kana waggaa dheeraa dura eegaluu hima.
''Hojii kana barnoota digirii jalqabaa osoon baradhuun eegale. Yaada maddisiisuurraa hanga hojiitti seenuutti walumaa galatti waggaa saddeet natti fudhate.
''Waggaa dheeraa fudhateera, ammas waan hedduutu hafa. Gara hawaatti ergama itti kenninee erguuf ammas hojiiwwan hafan hedduudha,'' jedha.
Meeshaaleen teeknooloojii Nasan gara hawaa ergu akkaan ammayyaawoo fi dorgomaa waan ta'aniif madaala hedduu keessa darbuu qaba jedha Dr Birhaanuun.
''Kana darbuuf guyyaa gara guyyaatti fooyyessuutu barbaachisa. Meeshaaleen teeknooloojii gara hawaatti ergaman hedduun battaluma kalaqaman miti kan furguggifaman, waggaa 15 hanga 20 itti fudhata ergamuuf.''
Ergamni gara hawaa-Artemis jedhamuun taasifamaa jiru kun kan bara 1970oota keessa raawwatamerra akkaan fooyya'aadha.
''Artemis 1, 2, 3 jedhamuun gara addeessaa ergamuuf gabateen yeroo ba'eera. Amma Artemis 1 kan jedhamu ergameera. Itti-aanee 2ffaa, 3ffaa jedhamuun ergama. Keenya sagantaa kana keessaa tokko keessatti hammatamuu danda'a, yoo milkoofne.''
Gara hawaa (addeessarra) kan imaluu danda'an ogeeyyii saayinsii hawaa (Astiroonootata) qofa, Dr Birhaanuun ammoo dacheemarra taa'ee teeknooloojiidhaan isaan deeggara.
Akka Dr Birhaanuun jedhutti sagantaa Artemis jedhamu kanaan waggaa lamaan dhufan keessatti meeshaa teeknooloojii haaraa hojjetame garas erguun ni eegalama, waggaa 4 hanga 5 keessatti ammoo namni ni ergama.
Nasan jalqabarratti dubartii gara addeessaa erguuf karoora qabaachuus himeera Dr Birhaanuun.
Hojiin qorannoo addeessaa kun qaroomina addunyaa gulantaa itti aanutti kan ceesisuudha kan jedhu Dr Birhaanuun, ''dhalli namaa dacheerra darbee addeessa iddoo jireenyasaa godhachuu akka danda'uuf carraa guddaadha,'' jedhe.
Nasa keessatti guddina teeknooloojii fi qaroomina akkasiirratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiraachuus hima.
Dorgommii qorannoo hawaa
Biyyoonni addunyaa, keessattuu kanneen guddatan akkuma diinagdeen waldorgoman, teeknooloojii hawaatiinis dorgommii keessa erga galanii bubbulaniiru.
Kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan ammayyaa qorannoo hawaa guyyuu gara samii ergaman ragaadha.
Dr Birhaanuun akka jedhutti Ameerikaan qorannoo hawaa keessatti gara ji'aatti imala taasisuun biyya dursitu haa taatullee malee yeroo dhihoo biyyoonni akka Chaayinaa fi Indiyaa sadarkaa dursuurra jiru.
''Ameerikaan waggaa 53 dura dursitee gara ji'aa imaluun carroomtus, waggoota kudhan fi kudhan shan darban keessatti garuu Indiyaa fi Chaayinaan dursuun teeknooloojii qorannoo erganiiru.
''Kan Indiyaan dhiheenya ergite orbitii addeessaa naanna'ee isa booda addatti of baasee irra qubachuu kan danda'uudha. Tokko osoo addeessarra qubachuuf jedhuu dhohee jalaa badeera. Kan Chaayinaas poolii addeessarra qubatee qorannoo gaggeesseera.''
Akka waliigalaatti dhaabbanni qorannoo hawaa- Nasa jedhamu addunyaarratti dorgomaa ta'uun hunda dursee teeknooloojii ammayyaa addunyaaf gumaachuurratti argama.
''Aniifi waahillan kiyyas ergama Nasa kana milkeessuu keessatti qooda keenya gumaachaa jirra,'' jedha injinarri Itoophiyaa Nasa keessa hojjetu kun.
Dr Birhaanuu Bulchaa eenyu?
Dhalatee kan guddate magaalaa Finfinnee yoo ta'u barnoota sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen gara Ameerikaa imalee digirii jalqabaa barnoota fiiziksii fi injinariingii Yuuniversitii Varjiiniyaatti barate.
Ijoollummaarraa eegalee fedhii fi dandeettii kalaqaa qabaachuu kan himu Dr Birhaanuun, ''namni tokko ogeessa taanaan qaama rakkoo furu ta'ee argamuu qaba,'' jedhee akka amanu hime.
''Namni barate tokko ogummaa barateen rakkoo hawaasaa furuu qaba jedhee amanuu kanan eegale ijoollummaa koorraati.''
Fiiziksii wayita baratu hanqina odeeffannoo fi teeknooloojii jiru guutuurratti xiyyeeffachuu akka eegale hima.
Dr Birhaanuun wayita mana barumsaa sadarkaa jalqabaa fi lammaffaa baratu hojii kalaqaaf fedhii qabaatus, garuu Nasa keessa hojjedha jedhee yaadee akka hin beekne hime.
''Gara kanatti kanan gore wayitan digirii jalqabaa baradhuudha. Teeknooloojiiwwan waa'ee hawaa qoratan ilaalaa waanan baradheef fedhiin kalaqaaf qabu daranuu dabale. Wayita kanan waa'ee hawaa qorachuuf yaadi naaf dhufe. Filannoo koos ta'e,''
Barnoota digirii sadaffaa (PhD) erga xumuree booda Mana Barnootaa Teeknooloojiin beekamu- MIT jedhamu keessa turee akka hojjete hima.
Isa booda waggoota ja'an darbaniif Nasa keessa ture.
Dr Birhaanuun ammaa meeshaalee teeknooloojii waa'ee sirna soolaarii addunyaa fi gaalaaksiiwwan qoratan kalaquu fi hojiirra oolchuu irratti gara caalu yeroosaa akka dabarsu hime.
Namni mana barumsaa jiru tokko digirii jalaqaa yookiin ammoo jalqaba wayita kolleejjii galu irraa kaasee waan hojjechuuf deemuurratti fuulleffachuu qaba kan jedhu Dr Birhaanuun, ofiisaatii digirii jalqabaarratti yaada kana eegaluu hime.
''Yaadota qorannoo (research) an yeroo digirii jalqabaa (undergraduate) qabadhee ture keessaa tokko waa'ee meeshaa amma hojjedhee kana ture. Yaada sana gara hojii qabatamaatti geeddaruun garuu yeroo, humnaa fi maallaqa hedduu gaafata waan ta'eef yeroo dheeraa ture.''
Hojii fi barnoota keessatti qormaata mudate
Yeroo jalqabaaf maatii biraa ba'ee qofaa jiraachuu kan eegale wayita gara Ameerikaa imalu ta'uu kan hime Dr Berhaanuun kun qorumsa guddaa itti ta'ee akka ture eere.
''An Finfinneettin dahaladhee guddadhe. Biyyaa ba'uun hafee magaalaa Finfinnee keessaayyuu ba'ee hin beekun ture. Guyyaa tokko maatiidhaan adda ba'ee osoon hin beekin battaluma tokko wayita kophaa koo biyyaa ba'u rakkadheen ture.''
''Gargaarsa maatiin bare. Yeroo sana ammoo bilbillis hin turre. Biyya kana (Ameerikaa) dhufee waggaa tokkoo hanga 1 fi walakkaa jalqabaa karaarra deemee saantimmaan maatiif bilbilaa ture. Ji'atti yeroo tokko qofa. Maatiirraa cituun baayyee na qore,'' jedhe.
Dhaloonni amma bakka jiru taa'ee waa'ee biyya deemuu hunda hubatee waan deemuuf fayyadamaadha jedha Dr Birhaanuun.
Qormaati kiyya achirra eegala kan jedhu Dr Birhaanuun, sanarratti gosa barnootaa cimaa waan qo'atuuf barnootis akka cimu, kunis qormaata guddaa akka ture ibse.
''Manni barumsaa carraa barnootaa siif kennus jireenyaaf waan si barbaachisu argachuuf ifaajuu qabda. Hojjechaa barachuun biyya keenyatti baratamaa miti, asitti garuu dirqama. Aadaa haaraa kanatti baruunis qormaata ture.''
Imala gara Nasa...
Dr Birhaanuu Bulchaa imalli inni keessa darbe hunduu milkii fi qormaata walkeessa kan keessummeesse ta'uu hima.
Barnootasaarratti dorgomaa ta'ee akkuma xumureen wiirtuu teeknooloojii hawaa jedhamuun kan maqaa qabu jaarmiyaa teeknooloojii Nasa jedhamu keessa seenee hojjechuuf carraa argate.
''Nasan iddoo teeknooloojii fi sammuun gameeyyiin itti walga'aniidha. Namoota sammuu qaroo ta'antu addunyaarraa achitti walga'a. Dhaabbata akkanaa keessa galuuf dorgomaniin keessa darbamu mataansaa hifachiisaadha.''
Nasa keessa seenanii hojjechuuf damee tokkorratti ogeessa (expert) ta'uudhaan waan qabatamaa harkaa qabaachuu qabda kan jedhu Dr Birhaanuun, ''an yeroon digirii jalqabaa baradhurraa eegalee qophaa'aa turuunkoo guddoo na gargaare, '' jedhe.
''Nasa galuuf jaarmiyichi maal barbaada kan jedhurratti waggaa ja'a, torba qophaa'uu barbaachisa. Beekumsa saayinsii, qorannoo fi teeknooloojii waan qabatamaa fi hojiitti hiikamuu danda'u harkaa qabaachuu feesisa.
''Kanarratti namoonni gameeyyiin muuxannoo yeroo dheeraa qaban ni dorgomu. Dhaabbata akkanaa keessa seenuun anaaf milkaa'inaa fi kabaja guddaadha. Ergan as seenee amma waggaa ja'a guuteera.''
Dr Birhaanuun akka jedhutti jalqaba wayita Nasa seenuuf carraa argatee dorgomu namoota waliin dorgoman ilaalee rifatee ture.
''Guyyaa dabarteetta jedhame guddoon gammade. Battala sanatti miirri abdii fi gammachuu natti dhagame jireenya kiyya keessatti isa olaanaa ture,'' jechuun guyyaa Nasa gale miira itti dhagahame ibsa.
Turtii waggoota ja'aa- Nasa keessatti
Jaarmiyaan duree teeknooloojii hawaa jedhamuun maqaan ka'u Nasan beektota barnoota fiiziksii fayyadamuun teeknooloojii hawaa ceesisan hedduun kan guutameedha.
''Nasa keessatti qorattoota hawaa (astronauts), beektota fiiziksiin badhaasa noobelii argatan hedduutu jiru. Namoota bu'aa guddaa addunyaaf buusan cinaa teessee hojjetta.
''Beektotaa akkanaa waliin qixa tokko teessee waliin dubbataa hojjechuun mataansaa nama akka kiyyaa Itoophiyaaraa dhufeef carraa fi kabaja guddaada,'' jedha Dr Birhaanuun.
''An nama magaalaa Finfinnee mana barumsaa Minilik II barachaa tureedha. Akka namoota biyya kanatti dhalatanii seen-duubeen kiyya qananii hin qabu. Garuu bu'aa har'a Ameerikaa fi addunyaaf buusaa jirruun carraan walbira nu dhaabdeetti.''
Nasa keessatti namoonni biyyoota garaagaraa beekumsa, aadaa fi jiruu fi jireenya garaagaraa qaban ni qacaramu kan jedhu Dr Birhaanuun, kun mataansaa addunyaa kana qaaccessanii hubachuuf carraa guddaa ta'uu eere.
''Qaama jaarmiyaa kanaa ta'ee namoota addunyaaf waa gumaachan keessaa ta'uun anaaf leecalloo guddaadha.''
Akka Dr Birhaanuun jedhutti Nasa keessatti namni hundinuu fuula irra jiruun guyyuu waa gumaachuu qaba, ergama tokkoof waan hojjetamuuf miira waliin hojjechuu cimaatu as keessa jira.
''Ergamatu siif kennama. Sunimmoo kan jaarmiyichaati. Ergama sana galmaan ga'uu (milkeessuuf) adeemsa deemamu keessattis waan guddaa baratta. Hojii qofa osoo hin taane barachaa of fooyyessaa waan jiraattuuf milkaa'ina guddaadha,'' jedha.