Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorattoonni guyyaa saddeetiif hawaatti imalan rakkoo seenan
Ogeeyyiin hawaa Ameerikaa lama wayita Waxabajjii 5 gara hawaatti imala eegalan guyyaa saddeet keessatti deebi'uuf turan. Garuu haalonni akkaataa karoorsaniin deemuu hin dandeenye.
Ammallee Baach Wilmoor fi Saanitaa Wiiliyaams dachee keessaa ol ba'anii hawaa keessa bololi'aa jiru. Haala kana keessa erga seenanii ji'a lama ta'eera.
Qorattoonni hawaa haala hin eegamneen ugguruman kunneen haala dacheerra jiru hedduutu isaan darbe.
Ji'ootni bonaa isaan darbaniiru, inumaa osoo isaan hawaa keessa jiranii ayyaanni qillee fi barri haaraan isaan darbuu danda'a jedhamaa jira.
Namni umrii waggaa 61 Aab Wilmoor fi dubartiin umrii waggaa 58 Aadde Wiiliyaams xiyyaar-samii- Boeing Starliner jedhamtuun ture gara hawaa kan balali'an.
Xiyyaara kanaan namoonni wayita gara hawaa imalan kun kan jalqabaati.
Kaayyoon imala kanaa inni biraan xiyyaara kanaan imaluu shaakaluun boodaafis akkamiin akka fayyadu murteessuuf ture.
Garuu xiyyaarri kun akkuma gara hawaatti dhihaateen rakkoon isa mudate. Sirni balalii fi humni ittiin xiyyaar-samiin kun gara fuulduraatti imalu dadhabuu eegale.
Qaamoleen xiyyaarattii hedduun qilleensa keessatti cufaman. Kanaafuu namoonni kunneen erga buufata hawaa qubatanii booda gara dacheetti deebi'uuf mala geejjibaa biroo isaan barbaachiseera.
Qondaalli Nasa Istiiv Istich ibsa Roobii kaleessaa (Hagayya 07, 2024) kannaniin, ''hojiin keenya jalqabaa Baach fi Saaniitaa gara dacheetti deebisuudha,'' jedhan.
Namoonni kunneen akkaataa gara qe'eetti deebi'uu danda'anirratti filannoo qondaalonni Nasa dhiyeessan keessaa tokko, imala gara hawaa Fulbaana dhufu taasifamu keessa isaan galchuudha.
Garee qorattoota hawaa waliin walitti dabalamuun wayita isaan Guraandhala 2025 ergamasaanii xumuranii deebi'an akka wajjin deebi'an gochuudha jedhan qondaalonni Nasa.
Kanaafuu filannoon jiru imala garee- SpaceX Crew Dragon craft jedhamuun taasifamuun deebi'uudha.
Akkaataa karoora kanaan qorattoonni hawaa kunneen guyyaa saddeet osoo hin taane ji'a saddeet turuu danda'u jechuudha.
Yeroo hanga kana buufata hawaa idiladdunyaa keessa turu.
Yoo isaan xiyyaar-samii garee Spacex Crew Dragon fayyadamuun gara dachee deebi'an, xiyyaarri isaan itti gara hawaa imalan- Starliner jedhamtu nama osoo hin fe'in qullaa deebiti jechuudha.
Kunis to'annoo kompiyuutaraatiin ta'a.
Qorattoonni hawaa kunneen xiyyaara oomisha Booying ta'e dhiisanii xiyyaar-samii SpaceX fayyadamuun gara dacheetti deebi'uun Booyingiif kufaatii guddaadha.
Booyiing waggootaaf kubbaaniyyaa SpaceX fi xiyyaar-samii Crew Dragon waliin dorgommii keessa ture.
Aadde Wiiliyaams xiyyaara waraanaa oofti turte, amma sooroma baateetti. Aab Wilmooris akkasuma jeettii waraanaa oofaa ture, kanaan dura yeroo lama gara hawaa imalee beeka.
''Asitti hojiidhaan ko'oommannee (qabamnee) jirra. Tuuta as jiran waliinis walitti dabalamneerra,'' jette Aadde Wiiliyaams haasaa tibbana garee to'attootaa waliin taasisteen.
''Akka waan manatti deebinee nutti fakkaataa jira. Asitti bololi'aa jiraachuun nama bashannansiisa. Asitti argamnee garee qorattoota hawaa idiladdunyaa waliin hojjechuun baayyee nu gammachiise,'' jette.
Booying xiyyaarri isaa Straliner jedhamtu qorattoota hawaa gara buufata hawaa idiladdunyaatti nagaan geessitee deebistee jedhee guddoo abdatee ture.
Morkataan Booying Space X Crew Dragon ammoo ergama hawaaf akka oolu Nas irraa mirkaneeffannaa kan argate bara 2020 ture, amma kunoo bira darbaa jira.
Qorattoonni hawaa kunneen yeroo itti deebi'uuf karoorfatanirra dabarsuun yeroo dheeraaf hawaa keessa turuuf dirqamaniiru.
Kanaan duras kana caalaa hawaa keessa kan turan turaniiru.
Fakkeenyaaf bara 1990oota keessa qorataan hawaa Raashiyaa Vaalerii Palyakoov guyyoota 437 hawaa keessa ture.
Baruma darbe qorataan hawaa Firaank Raabiyoo jedhamu guyyoota 371 booda hawaa keessaa gara dachee deebi'e. Lammiin Ameerikaa yeroo haganaa hawaa keessa ture hin jiru.