Qorattoonni NASA buufata hawaatti ugguraman yeroo jalqabaaf alatti sochii taasisan

Qorattoota hawaa lama baatii torba dura torban tokko keessatti deebi'uuf karoorfatanii NASA irraa gara hawaa imalanii achitti danqamaniif hafan keessaa tokko kan taate Saanii Waliyaams yeroo jalqabaaf Kamisa kaleessaa buufaticha keessatti yaalii adeemsa hawwaarraa raawwatteetti.

Qorattoonni hawaa lama Saanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoor jedhaman ergama torban tokkoof Waxabajjii 2024 ture kan gara hawaa imalan. Haata'u malee, rakkoo tekinikaa Xiyyaaraa hawaa isaanii muudateen wal qabatee Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) keessatti ji'oota torbaa ol dabarsaniiru.

Ammayyuu hanga dhuma baatii Bitootessaa ykn tarii hanga Eblaatti waan deebi'an miti. Xiyyaarri isaan ittiin imalan gara dacheetti isaan deebisuu hin dandeenye.

Xiyyaarri saayintistoota hawaa kana qabattee gara hawaa imalte oomisha Booying yoo taatu Starliner jedhamti.

Wiiliyaamsi qorattuu hawaa muuxannoo qabduu fi turtii kanaan dura buufata qorannoo Hawaa (ISS) keessa turte keessatti qorannoo hawaa hedduu geggeessite turte.

Saayintistoota buufata hawaa cimsan, iddoo turtii mijeessan, shaakala saayinsaawaa fi shaakalliiwwan biroo taasisuun beekaman keessaa isheen tokkoodha.

Kamisa darbe Amajjii 16, 2025 qorata Niik Haguwe waliin ta'uun suphaa xiyyaarichaa raawwataa turte.

Suphaan isaanii kun meeshaalee kallattii buufataa to'atan suphuu, teleskooppii raajii irratti ifaa sirreessuu fi balleeqqeessaa sirrressuufi bakka buusuufa'i kan dabalatu ture.

Dabalataanis, lamaan isaanii bakka qaqqabummaa fi meeshaalee walqabsiisaa hojii suphaa gara fuula duraatiif oolu kan Alpha Magnetic Spectrometer, yaalii fiiziksii paartiikilii ISS irra jiru irratti sakatta'iinsa taasisan.

Wiiliyaams Amajjii 23 illee Baach Wilmoor waliin deemsa hawaa lammataa ni gaggeessu.

Waliinta'uun gareen friikuweensii raadiyoo (tuuta qaamolee dambalii raadiyoo dabarsuu fi fudhachuuf qophaa'an) ni buqqisu, saamuda fuula xiinxala maaykiroosskoppiin walitti qabu.

Adeemsaa fi sochii kana NASA'n hordofaa jiraachuu ibseera. Nasaatti Daarektarri Balalii Niikool Makelrooy, deemsa hawaa dura ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, "qophiin yaaliin daandii keenya EVA (sochii konkolaataa ala) taasisuuf haala gaariin deemaa tureera" jedhan.

"Gareen mankuraakurii sana keessa jiran hojimaata isaanii qo'achaa, hojiiwwan hunda wal baruu fi xiyyaraan alatti sochii hawaa irratti taasifamu baruuf gammadanii, hawwii guddaan eeggachaa jiru."

Qondaaltonni olaanoon Nasa akka jedhanitti, hanga injinaroonni xiyyaarattiin hojjechuu guutummaatti mirkaneessuun ofitti amanamummaa guutuurra ga'anitti Starliner nama qabattee gara dacheetti deebi'uu hin dandeessu.

Kanaafuu Baach fi Saannin kan guyyoota saddeetiif gara hawaa imalan ji'oota saddeet turuuf dirqamaniiru.

Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) keessatti ugguramanii turuun akkaan hamaa ta'uu ibsu qorattootni hawaa

Qorattoonni xiyyaar- samii kanaan imalanii buufata hawaa keessa jiran xiyyarota biraanis ta'u gara dachee deebi'uun isaanii akka hin oollee ibse Nasan. Haa ta'uu malee wantootni akkasii, fuuldurattillee ittuma fufu maluu jedhe.

Keessattuu yeroo buufati hawaa daran ammayyaawaa, jireenyaaf miijataa deemutti, akkasumas ammoo imalli gara addeessaa wayita mirkanaa'aa deemutti qorattoonni ba'anii hawaa keessa turuun waanuma eegamu ta'ullee Dhabbatichi kan ibse.

Rakkoon gara dachiitti deebi'uu isaan muudatullee qorattoonni kunneen buufaticha turanii hojii isaanii itti fufaniirus jedhame.