‘Sawaasawu Maltimidiyaa’ akka waltajjii muuziqaa Itoophiyaatti

Nama meeshaa muuziqaa taphatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama meeshaa muuziqaa taphatu

Itoophiyaatti namoonni kaasettiifi CD bitanii muuziqaa dhaggeeffachuun hafee jira. Namoonni muuziqaa maxxansaniifi raabsanis gabaa keessaa dhabamaa jiru.

Artistoonni ammoo hojii isaanii gabaaf dhiyeessuuf karaan ittiin dhiyeessan yaaddoodha. Rakkoo kana keessatti akka filannootti kan argame Youtubedha.

Kanarraan addatti karaalee ‘istiriimingii’ onlaayinii birootin kanneen hojii aartii isaanii dhaggeeffattoota biraan gahan hedduudha.

Kun ammoo jaalattoota biyya keessaa qaban wajjiin walirraa isaan fageesseera.

Rakkoo kana hiikuuf akka furmaatatti kan dhiyaate ‘Sawasawu Maltimiidiyaa’ kan jedhamudha.

Namoonni Itoophiyaatti sirbaan beekaman kanneen akka Tseggaayee Isheetuu, Abinat Aggonaafir, Teewodiroos Kaasahun fa’aa hojii isaanii ‘Sawasawu Maltimiidiyaa’ irratti dhiyeessuf warra mallatteessan keessayi.

Sirboonni Asteer Awwaqaas dhiyeenyatti appilikeeshinii kanarratti jaalattoota isheef ni dhiyaata jedhame. Walleewwan Afaan Oromoos keessa jiru.

'Ji'atti albamii jaha ummataan gaha'

Obbo Haptuu Nagaash itti gaafatamaa ‘Sawaasawu Maltimiidiyaa’ti. Akka isaan jedhanitti namoonni hedduu hojii muuziqaa isaanii appilikeeshinii kana irratti feesisuuf darabee eeggataa jiru.

Industiriin muuziqaa Itoophiyaa waggaatti albamii tokko fa’aa qofa keessummeessaa ture amma abdiin waan argameef fakkaata.

Appilikeeshinii Sawaasawu ji’atti albamii muuziqaa jaha fe’uuf karoorsee hojjataa akka jiru Obbo Haptuun ni dubbatu.

'Yoo xiqqaate miliyeena tokko kaffalla'

Qindeessaafi barreessaa walaloo muuziqaa kan ta’e Yamiluu Mollaa qindeessitootafi qopheessitoota ‘Sawaasawu Maltimidiyaa’ waliin hojjachuuf walii galan keessaa tokkoodha.

Industiriin muuziqaa deebi’ee akka miilla lamaan dhaabatuuf ‘Sawaasawu Maltimidiyaa’ waliin walii galtee mallatteessuu isaa hima.

'Sawaasawu Maltimidiyaa' ogeeyyii muuziqaatiif kaffaltii dursaa waan kennuuf fayyadamtoota isaan taasisa jedha qindeessafi qopheessan muuziqaa kun.

Muuziqaan Itoophiyaa Youtube qofaarratti hundaa’ee turuun isaa hojiin aartii abbaa akka dhabu akka taasiseefi appilikeeshiniin muuziqaa irratti fe’uuf tajaajilu kalaqamuun namoota ogummaa aartii irratti bobba’aniif abdii akka hore himu Obbo Haptuun.

Akkasumas Itoophiyaatti tajaajilli Istiriimingii jiraachuu dhabuun ogeeyyin muuziqaa kaffaltii gahaa dhabuu isaanitiin ogummaa isaanirraa fagaataa deemu yaada keessa galchuun hojiitti galuu dubbatu.

Qindeessaafi barreessaa walaloo kan ta’e muuziqaa Yamulluun akka jedhutti appilikeeshinichi salphaadhumatti bilbila harkaa fayyadamuun muuziqaa dhaggeeffattoota biraan gahuuf gargaara.

Sirbitoonni gatii dadhabbii isaanif akka argatan akka taasisaniifi sirbitoota reefu hojii jalqabaniif kaffaltii dursaa yoo xiqqaate hanga [birrii] miliyeena tokkoo akka kaffalaa jiran BBCtti himan Obbo Haptuun.

'Sawaasawu Maltimiidiyaa' Baankii Innaat waliin kan hojjatu yoo ta'u rakkoon faayinaansii akka isaan hin mudanne ibsan.

Dhaggeeffataan hangam kaffala?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirbitoonni, barreessitoonni walaloofi yeedalloo, qopheessitoonniifi namoonni meeshaa muuziqaa taphatan rakkoo waggoota dheeraaf isaan mudate erga qoratameen booda kana furuuf 'Sawaasawu Maltimiidiyaa' akka hundaa'e BBCtti himan Obbo Haptuun.

'Sawaasawu Maltimiidiyaa' kaappitaala ka'uumsaa birrii miliyeena 200 tti dhiyaatun kan eegale yoo ta'u hojiilee muuziqaa gurguddoo bituun alatti akka dhaabbata maxxansa muuziqaatti hojiilee muuziqaa haaraa ta'anis qopheessuun ni maxxansa.

Dhaabbatichi hanga ammaa ogeeyyii muuziqaaa 100 ol wajjin walii galtee yoo mallatteessu hojii erga eegalee ji'a lama keessatti dhaggeeffattoonni muuziqaa biyya keessafi ala jiran si'a kuma 100 muuziqaa buusaniiru.

Ji'oota lama ykn sadii itti dhufan keessatti muuziqaan appilikeeshinii dhaabbatichaa irraa si'a kuma 500 akka buufamu abdii akka qaban dubbatu himu Obbo Haptuun.

Kaffaltiin kanneen biyya keessas ta‘e ala jiraniif haala mijaa’un qophaa’uu qopheessitoonni himaniiru.

Namni tokko baatii tokko keessa birrii 90 kanfaluun wallee lakkoofsaan hin daangofne caqasuu danda’a.

Guyyaatti birria shan, torbaniin birrii 25, akkasumas waggaatti birrii 900 kanfaluun walleewwan caqasuun ni danda’ama.

Akkuma kanfaltiin fayyadamuun jiru tolas caqasuunis ni danda’ama. walleewwan tolaan caqasan garuu baay'ee muraasa jedhameera.