Yuukireen doonii waraanaa Raashiyaa haleeluun dhidhimsuu beeksifte

Halellaa doonirrati gaggeeffame

Madda suuraa, UKRAINIAN MILITARY

Doonin waraanaa Raashiyaa Siizar Kuunikoov jedhamu haleelamuun dhidhimuu Humni Waraana Yukireen beeksise.

Har'a, Roobii, ganama sagaleen dhohiinsaa guddaan dhagahamuufi Kirmiyaa, qarqara magaala Yaaltaa jedhamutti doonin Raashiyaa kun haleelamuuun dhidhimuu miidiyaa hawaasaa irratti ibsamaa ture.

Yukireen irra deddeebin dooniwwan waraanaa Raashiyaa Kirimiyaatti argaman haleelaa turte.

Bara darbe suuralen saatalaayitii dooniwwan Raashiyaa haleellan Yukireen itti hammaannan naannicha keessaa bahanii agarsiisa ture.

Biiron Tika Yukireen dirooniin galaanarraa Magura V5 jedhamu yeroo doonii waraana Raashiyaa haleelu kan agarsiisu viidiyoo gadi lakkisee jira.

Raahsiyaan erga Yukireen weerartee torbee dhufu waggaa sadaffaa guuta; ajajaan walii galaa humna waraana Yukireen halli jiru "baay'ee wal-xaxaa" akka ta'e hin haalle.

Torbee darbe ajajaa walii galaa humna waraana Yukireen ta'uun kan muudaman Jeneraal Oleeksandar Siriskiyi har'a adda waraanaa deemun daawwannaa taasisaniiru.

Dooni waraana Raashiyaa haleelee dhidhimseera jettee Yukireen haa dubbattu malee gama Raashiyaatii waanti dhagahame hin jiru.

"[Doonin] Siizar Kuunikoov haleellaa irra gaheen baay'ee miidhamtee amma dhidhimuu eegalteetti," jechuun daayirektoreetin tika Yukireen Telegiraam irratti barreesse.

Haleellan kunis Kirimiyaatti garee Yukireen Gropu 13 jedhamee beekamuun gaggeeffamuus beeksise.

Miidiyaalen Raashiyaa deeggaran haleellaa Yukireen gaggeesse jette kana hin haalle. Waa'ee haleellaa kanaa waan bal'aa barreessuu baatanis, hojjattoonni doonicharra turan nagaan bahuusaanii ibsaniiru.

Raashiyaas ta'ee miidiyaalen mootummaa Raashiyaa deeggaran miidhaa guddaa waraana biyyattiira gahu darbanii ni gabaasu.

Doonin waraanaa Siizar Kuunikoov, kan Yukireen haleelee dhidhimseera jettu, kun dhuma bara Sooviyeetii kaastee hojiitti kan jirtuudha.

Doonin kun dhuguma dhidhimuun kan mirkanaa'e taa'an, ji'a kana qofaatti haleellan qindaa'afi milkaa'an lammaffaan Bilaak Sii irratti gaggeeffamuu isaati.

Torbee lama dura doonin waraanaa xiqqaan Ivaanoveets jedhamtu irratti haleellan diroonii gaggeeffamee ture.

Ji'a Muddee keessas doonin waraanaa Raashiyaa Novocherkask jedhamtu haleelamuunshee ni yaadatama.