Gareen Shaampiyoonsi Liigiin sadiifi isaa oliin mo'amee tapha lammataa injifatee darbe jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Markiin Shaampiyoonsi Liigii Awurooppa taphni dhaqaa galaa kan lammataa har'aa fi bor gaggeeffamu.
Emireetsitti 3-0n kan mo'ame Riyaal Maadriid Bernaabuutti nu eegaa jechuun deeggartoota dadammaqsaa jiru. Taphattootni qabxii sana jijjiiruu akka danda'an kan dhaadachuu jalqaban Landanitti ture.
Deeggartootni Arsenaal tarii rifaatuu qabduu? Seenaan dorgommii kanaa darbe garuu badaa hin yaaddahiiinaa jedha.
Gabaasni Opta dorgommii kanarratti amma dura yeroo 47 gareen tokko tapha jalqabaa goolii 3 fi isaa oliin injifatee beeka, isaan keessaa yeroo afur qofa qabxiin kun jijjiirameera jedha.
Eenyufaatu seenaa kana dalage?
Dipportiivoon Miilaaniin galaafate
Seenaan kun kan jalqabe bara 2004. Tapha isa jalqabaa Dippoortivoo Laakaroonyaa AC Miilaaniin 4-1 mo'ame. Kilabni Ispeen kun qe'eetti 4-0n injifatee qabxii waliigalaa5-4n injifatee waancaaf darbe.
Haata'u malee Laakaroonyaan garee Joosee Mooriiniyoon leenji'u Poortoon mo'ameera.
Laakaaronyaan seenaa ajaa'iba akana qabaatus waancaa Laaligaa Ispeenis takkaa nyaatee amma sadarkaa gadi aanaarra jira.
Barseloonaan goolii afuriin jijjiire
Seenaa keessatti gargaagartummaa goolii afuriin durfamaa boodarra hireesaa jijjiiruu kan danda'e garee lama qofa. Tokko Baarseloonaadha.
Barrisaa 2017 Tpha isa jalqabaa PSGN 4-0n mo'ate. Shaampiyoonaan Ispeen Baarseloonaan tapaha isa lammataarratti hanga daqiiqaa 88ffaatti 5-3 durfamaa ture. Daqiiqaawwan torba keessatti goolii sadii galchuun taphichi injifannoo Baarseloonaa 6-5n goolabame.
Gooliiwwan Neeymaar lamaafi Roobeertoo tokko Nuu Kaampiin miila tokkon dhaaban.
Gaafa sana leenjisaa PSG kan ture leenjisaa Astoon Viilaa har'aa Unaay Eemriidha.
Unaay Eemrii torbee darbe Paarisitti 3-1n injifatamee har'a Viilaa Paarkitti seenaa waggaa saddeet dura irratti hojjetame hojjeechuu yaada.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roomaan Baarselonaa raajii godhe
Baarseloonaan raajii hojjechuu qofa osoo hin taane raajii ta'ees beeka.
Bara itti aanu jechuunis 2018 Baarselonaan raajii ta'e. Dirreessaatti 4-1n Roomaa injifate. Achii tapha marsaa lammataaf gara Xaaliyaan imale. Roomaan 3-0n injifate. Qabxiin waliigalaa 4-4 ta'e. Roomaan Nuu Kaampitti golchii lakkoofsise takkittiin gargaaramee gara marsa aitti aanutti darbe.
Garuummoo tapha walakkaa xumuraan Liiverpuuliin 7-6 mo'amee kufe.
Baarseloonaan Liiverpuulinis raajii ta'e
Bara 2019 ammas Baarseloonaan raajii ta'e. Oriigiin sa'aatii dhumaatti Liiverpuuliin abbaa seenaa kanaa godhe.
Baarselonaan dirree Nuu Kaampitti Liiverpuuliin 3-0n injifate. Liiverpuul ammoo Anfiilditti 4-0n mo'atee.
Diivook Oriigii goolii jalqabaa fi isa dhumaa galche. Gooliin inni dhumaa haala Tireent Aleksaader Arnoold koornaa itti rukuteenis yaadatama.
Bara sana leenjisaa Yaargan Kiloop tapha xumuraa Totenhaamiin 2-0n injifachuun abbaa waancaa ta'e.












