Kavaariskeeliyaa: Mataa bowwoo ittistootaa, PSG garee jifachuun sodaatamu gochaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Morkiin Shaampiyoonis Liigii kan nuusa xumuraa taphni dhaqaa galaa inni jalqabaa kaleessaa raawwateera.
Dorgommii kanarratti taphattoota fi garee sodaatamoo ta'uusaanii agarsiisan boodatti jennee yeroo laallu kilaboota keessaa Baarseloonaafi PSGn gareelee morkachuuf sodaachisoo ta'uu taajjabna.
Gareedhuma kana lamaan keessaa ammoo taphattoota bara dorgommii kana dhaabuun rakkisaa ta'e maqaa dhahuu dandeenya.
Kana jalqabaa taphataa sarara cinaa Baarseloonaa Raafinaadha. Raafinaan dorgommii Shaampiyoonsi Liigii 11 irratti goolii 14 galchee shan ammoo mijeessee kennuu danda'eera.
Kunis bara 2011/12 isa Mesiin galmeesseen qixxedha. Raafinaa hirmaaannaa gooliirraa dhaabuun rakkiisaa ta'eera.
PSG irraa ammoo Dembeeleetti dabalkataan taphataan maqaasaa waamuun nama dhibu, taphasaas to'achuun rakkisu tokko tapha mo'anii darbuu PSGn Liiverpuul waliin godhe booda ijoo dubbii ta'ee jira.
Roobii galgala morkii nuusa xumuraa isa jalqabaan PSGn Paarisitti Astoon Viilaa 3-1n wayita injifatu, taphattootaa ittisni Aston Viilaa to'achuu dadhaban kun Kaviichaa Kavaariskeeliyaa jedhama.
Kubbaa yeroo qabatu akkam gochuuf akka deemu tilmaamuun ni dhiba, saffisni isaas adda.
Xiinxalaan kubbaa miilaa Awurooppaa Juuliyaan Laawureens ''Piriimiyeer Liigiin akkamiin isa mallatteessisuu akka dhabe naaf hin galu. Hubannoo kootiin ala'' jechuun dubbate.
Taphataan lammii Joorjiyaa kun jifataa lammii Naayijeeriyaa Viktoor Osimeen waliin kilaba Naappolii waliin shaampiyoonaa Xaaliyaan ta'eera.
Bara 2022/23 Naappoliin waggoota 33 booda shaampiyoonaa wayita ta'u, milkaa'ina argameef gaheen Kavaariskeeliyaa olaanaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara sana goolii 12 lakoofsisee 13 ammoo mijeessee kenneera. Taphataa cimaa Seeriyaa A bara sanaas jedhamee filatameeera.
Xumura bara sanaatti innii fi Osimeen ija kilaboota gurguddoo seenan. Naappoliin Kavaariskeeliyaaf yuuroo miliyoona 100 gaafate. Hedduun gatii kana gaafa dhagahan jilbi bu'e.
PSG'n yuuroo miliyoona 70 kaffaluun taphataa kana bara 2024 gara Paaris fide. Taphataan kun hamma gatii itti bahe ta'uu mirkaneessaa jira. Hirmaannaa goolii 19s qabaachuu danda'eera.
Juuliyaan taphataa kana Maanchister Siitiin ykn Maanchister Yunaayitiid ykn ammoo Liiverpuul akkamiin gara Ingilaand fiduu hanqatan jedha.
''Saffisa qabu waliin kubbaa wayita baayyisee tuttuqu kubbaan jalaa bahuu malti kanaan achi gooliiwwan lakkoofsisu dandeettii qabu agarsiisu'' jedha.
''Anaan baayyee na dinqisiiseera. Piriimiyeer Liigiin isaaf tolfame jedheen yaada.''
Taphataan ganna 24 kun akkaataa kubbaa qabatee fiiguun akkatti taphattoota kaan miliquufi saffisa isaan kilaba Diyaagoo Maaraadoonaa duraanii Naappooliitti maqaa masoo 'Kivaaradoonaa' jedhu argateera.
Eda galgala qofa miti ka inni kilaboota Ingiliziif rakkisaa ta'uusaa mirkaneesse. Bara 2022/23 wayita Naappoliin Liiverpuuliin 4-1n injifatus akkasuma garee Yaargan Kilooppitti qormaata ture.
Eda galgala Maatii Kaash kan isa akka qabu leenjisaan Astoon ViIlaa Unaay Eemiriin ramadan isa qabachuu dadhabee jijiiiramuuf dirqameera.
Bakkasaa kan seene Akzeel Disaasiis hin dandeenye. Inumaa isa bira darbeet goolii ajaa'baa PSG isa lammataa ta'e lakkoofsise.
Goolii eegaan duraanii Ingilaand Pool Roobinsan Kavaariskeeliyaan tasuma ''nama to'atamu miti'' jechuun dinqisiifate.
''Yeroo marayyuu itti siiquu hin dandeenye'' kan jedhu Roobinsan, jijjiiramee kan seen Akzeel Disaasiin saffisa Kavaariskeeliyaa qaqqabuu hin dandeenye jedhe.
Astoon Viilaan taphicha akka gaariitti jalqabus, booda ittisni Astoon Viilaa saffisa jifattoota PSG kanaan qoramaa bule.
Taphni Viilaa Paarkitti godhamu isa Paarisitti mul'ateen adda ta'uu danda'aa?
Torban dhuftu ilaalla.












