Ameerikaan haleellaa Fulbaana 11 nama 'adda durummaan' qindeesserratti ragaa dhiyaatu maaliif dhaabsisuu barbaadde?

Madda suuraa, Khalid Sheikh Mohammed’s legal team
Nama haleellaa Fulbaana 11 waggaa 20 dura Ameerikaatti raawwatame adda durummaan qindeesseera jedhamerratti Amajji 10, 2025 yakkamaa ta'uusaa ilaalchisee ragaan kennamuuf beellamni qabamee ture akka dheereffamu ta'eera.
Kaaliid Sheek Mohaammed bara darbe waliigaltee irra gahame hordofee yakkamaa ta'uu raga ba'uuf kan ture ta'us mootummaan Ameerikaa Manni-murtii Ol iyyannoo Federaalaatti iyyata dhiyeeffachuu hordofee dhorkaan kaa'ameera.
Kaaliid Sheek Mohaammed fi himatamtoonni biroo lama duuti akka itti hin murtoofneef yakkawwn ittiin himataman guutummaan guutuutti amananii fudhachuuf waliigalteerra gahanii ture.
Kaaliid Sheek Mohaammed kan maqaa masoo KSM jedhamuun beekamu buufata humna galaanaa Ameerikaa Kuubaatti argamu Gowaantaanaamoo Bay irraa mana-murtii waraanaatti akka yakkamaa ta'uu kennuuf ture.
Kaaliid mana-hidhaa buufata waraanaa Gowaantaanamootti waggoota 20 hidhamee jira.
Haata'u malee, Daddachi Mana-murtii Ol-iyyannoo Federaalaa iyyata mootummaarraa dhiyaateef fudhachuun adeemsi murtii Kaaliid Sheek Mohaammed fi kanneen biroo lamaan akka addaan citu murtee dabarseera.
Mootummaan Ameerikaa ragaan yakkamtoota ta'uu namoota himatamanii kanaa fudhatama yoo argate mootummaas ta'e ummanni Ameerikaa miidhaan fayyuu hin dandeenye akka isaanirra gahu mormuun ture dhaddachi sun akka addaan cituuf kan gaafateef.
Dhaddachi abbootii seeraa sadiin gaggeeffamu akka turu taasifamuun "haala kamiiniyyu dhimmicharratti murtee dhumaa ta'ee fudhatamuu hin qabu" jechuun akeekkachiisuun, dhimmicha qorachuufi haala saffisa qabuun mormiiwwan mana-murtiitiif dhageessisuun yeroon ni kennamaaf jechuun murteesaanii dabarsaniiru.
Murteen mana-murtii akka turu taasifamuu jechuun ammoo yeroo bulchiinsa Doonaald Tiraamp kan guyyoota muraasaan booda aangoo qabatanii keessa ilaalama jechuudha.
Murtee torban darbee maal ture?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaddacha akka gaggeeffamuuf Jimaata darbetti beellamni qabameefiif turerratti Mohaammed haleellaa shororkeessummaa Fulbaana 11/2001raawwatameef ragaa yakkamaa ta'uu isaa kennuuf ture.
Xiyyaaronni imaltootaa namoonni haleellaa geessisan kunneen butan Wiirtuu gabaa Addunyaa Niwu Yoorkitti argamuufi Pentaagoon kan Waashingiten keessaa xiqqoo bahee argamutti bu'uudhaan namoonni kuma 3 dhumaniiru. Imaltoonni xiyyaara biroo keessa turan warra butan sana waliin wallaansoo qabuu isaaniitiin xiyyaarichi dirree Pensilveeniyaa keessatti kufee caccabeera.
Mohaammed yakka ajjeechaa namoota 2,976 shira xaxuutiin himannaan irratti banameera.
Kanaan dura duula 9/11 jalqabaa hanga dhumaatti kan qindeesse isa akka ture dubbateera.Paayiletoonni xiyyaarota gamoowwanitti akka buusaniif leenjisuu karoora jedhu dabalatee baroota 1990 keessa al-Qaeda hogganaa kan ture Osaamaa bin Laadeniif yaada dhiyeessuu ibseera.
Dhaddachi gaggeeffamuuf beellamni qabameefiif ture ni taa'ama jedhamee kan ture mana-murtii Guwaantaanaamoo Bayitti ture.
Admeesi urtii kun waggaa 23 booda amma malaiif gaggeeffamaa?
Adeemsi haal-duree dhaddachaa mana-murtii buufata humna galaanaatti waggoota kudaniif gaggeeffameera.
Yeroo kana keessatti ammoo namoonni sadii balleessineerra jechuun kan amanan, erga to'atamanii gidiraan hamaa CIAtiin yeroo dheeraatiif irratti raawwatameen boodadha falmiin jedhu dhaga'ameera.
Bara 2003 Paakistaan keessatti to'annoo jala kan oolfame Mohaammed, manneen-hidhaa CIA dhoksaa 'Bilaak Saayit' jedhaman keessa waggoota sadiif tureera.
Turtii isaa kana kessatti ammoo si'a 183 akka bishaaniin liqimfamee ukkaamfamu godhamuun gochi gidirsuu irratti raawwatameera. Isa dabalatee kanneen biroo qullaa isaan dhaabuu dabalatee, hirriba akka hin arganne gochuu, akkasumas "toofaawwan qorannoo wal xaxoo ta'an" irratti raawwatamaniiru.
Gidiraa Guwanatanaamoo kitaaba mata-dureen isaa 'The Least Worst Place: How Guantanamo Became the World's Most Notorious Prison' jedhamuun kan maxxansan Kaaren Giriin barg, sababa gdirsuu namoota kanneen irratti raawwatamuun "dhimmoota kanneen bifa olaantummaa seeraa Ameerikaa kabajuun murtiitti dhiyeessuuf tasa kan hin danda'amne godheera," jedhu.
"dhimmoota kanneen irratti ragaa gidirsuun argame osoo hin fayyadamiin odeeffannoo dhiyeessuun hin danda'amne. Kana malees, namoonni kunneen gidirfamuun himannicha wal xaxa taasisa," jechuun ibsan.
Dhimmici mana-murtii waraanaa jalatti kan ilaalamu ta'uu isaatiin walqabatee sirna haqa yakkaa Ameerikaa barameetiin haala adda ta'een ilaalamuun isaa adeemsi isaa akka turu taasiseera.
Mohaammed yakka raawwachuusaa akka amanu waliigalteerra kan gahe bara darbe yoo ta'u, kun ammoo marii waggaa lamaa hordofeeti.

waliiga;teen kun maal qabateera?
Odeeffannoon waliigaltee Mohaammed fi himatamtoonni biroo lamaan irra ahan ballinaan ifa hin baane.
Haata'u malee, himatamtoonni kunneen yakka isaanii yoo amanan bakka isaa murteen du'aa irraa kaafama.
Dhaddacha Roobii darbe ooleen gareen abbootii seeraa Mohaammed maamiloonni isaanii himannaawwan lamaaniin balleessaa qabacuusaanii amanuuf akka waliigalan mirkaneessaniiru. Waliigalteen kun yoo mikanaa'eefi Mohaammed balleessaa ta'uun isaa mana-murtiirratit fudhatama argannaan tarkaanfiin itti aanu murtee dabarsuudhaaf abbootiin seeraa mana-murtii waraanaa (Military Jury) muuduun irra ture.
Dhaddacha gosa dhaddachaummataa akka ta'e ibsame kanarratti namoonni maatiisaanii haleellaa sanaan dhabaniifi haleellaa sanarraa oolan ragaasaanii akka kennaniif himamee ture.
Akkaataa waliigaltee jedhameetiin maatiin kunneen Mohaammediif gaaffiisaanii dhiyeessuu ni danda'u. Mohaammed ammoo gaaffilee kanneeniif "guutummaattiifi dhugaarratti hundaa'uun deebii kennuu akka danda'u" abbootiin alangaa dubbatanii ture.
Dhimmi biraan wiirtuu waliigaltee kanaa ta'e ammoo himatamaan haleellaa sanarratti gahee qaba ture odeffanoo jiru tokko tokkoon akka kennu waliigaluu abbaan aangaa himeera.
Mootummaan Ameerikaa waliigaltee kana taasisuu maaliif barbaade?
Aanga'aa olaanaa waliigalticha mallatteessan kan muudan ministira ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiinidha.
Haata'u malee, yeroo waliigalteen taasifamutti imalarra waan turaniif akka isaan rifachiise Niw Yoork Taayims gabaaseera.
Guyyootaan booda Looyid "murtee akka kanaa akka aanga'aa ol aanaa ta'etti anaan raawwatamu qaba ture," jechuun waliigalticha haquuf yaalan.
Haata'u malee, abbootiin seeraa mana-murtii waraanaa lamaaniifi korri ol iyyannoo waraanaa dhaga'u waliigaltichi sirrii akka ta'eefi tarkaanfii ministirichi fudhatan kan turedha jechuun murteessaniiru.
Dabalataanis mootummaan waliigalticha akka dhorkamu ochuudhaaf manni-murtii Federaalaa ol iyyannoo dhaga'u gidduu akka seenuuf gaafateera.
Akka iyyannoo mootummaan mana murtichaatti dhiyeesseetti taanaan Mohaammed fi namoonni biroo lamaan "Seenaa Ameerikaa ammayyaa keessatti gocha yakkaa baayyee rifaasisaadha jedhame raawwataniiru" jechuun waliigaltee kana hojiirra oolchuun mootummaafi ummata Ameerikaa haqa kan dhowwwatu, akkasumas adabbii du'aas kan hambisudha jedheera.
Maatiin namoota miidhamanii hoo maal jedhan?
Namoonni dhuunfaa haleellaa 9/11 kanaan maatii isaanii dhaban tokko tokko waliigaltee kana namoota haleellaa raawwataniif gara laafina kan agarsiiseedha ykn iftoominni itti hanqata jechuun kan qeeqan hin dhabaman.
Abbaan warraa isaanii haleellaa kanaan kan ajjeefaman Teerii Istiraadaan walii galteen kun ''ummata Guwaantanamoo Beey keessa jiraniif waan barbaadan kan kennudha'' jedhan.
Akkasumas, "Injifannoon kun kan Khaalid Sheek Muhaammad fi kan himatamtoota lamaaniiti" jechuun dubbatteeti.
Kaan ammoo adeemsa dhaddachaa walxaxaa fi yeroo dheeraaf ture xumura jedhanii kan ilaalan yoo ta'u, yeroo kanatti mootummaan gidduu seenuunsaa isaan gaddisiiseera.
Obboleessi isaa quxisuun haleellaa kanaan kan ajjeefamee fi dhaddacha Guantanamo Bay irratti hirmaachuuf kan karoorfate Isteefan Gerhaardt, "Kaayyoon dhumaa bulchiinsa Baayiden maali? Mana hidhaa keessa turuun dhimmicha bulchiinsa itti aanuuf dabarsuudhaa?, Adeemsa kana dheeressuun maaliif barbaachise?" jechuun gaafata.
Waliigalteen kun miidhamtoota maatii isaanii dhabaniif ''injifannoo'' osoo hin taane, dhaddacha yeroo dheeraaf ture xumuruu fi himatamtootarratti dhaddacha kan kennu akka ta'e BBC'tti himeera.
maatiin waa'ee dhaddacha yeroo biraatti darbuu Guantanamo Bay irraa dhaga'an "Yeroon kun yeroo fayyinaa ta'uu qaba ture. Amma dhukkubbii guddaadhaan xiyyaara yaabbachaa jirra. Dhimmi kun dhuma kan hin qabnedha," jedhan
Dhaddachi maaliif Guantanamo Bay irratti gaggeeffama?
Mohaammad bara 2006 irraa eegalee mana hidhaa Guantanamo Bay keessatti argama.
Manni hidhaa kun kan eegalame haleellaa 9/11 booda waggaa tokko booda yoo ta'u, Ameerikaan waggoota 23 dura "Waraana Shororkeessummaa irratti" jechuun duula geggeessite hordofeeti. Sababa kanaan shakkamtoonni shororkeessummaa hidhamanii jiru.
Namoonni asitti hidhaman harki caalaan isaanii himanni kan irratti hin banamne yoo ta'u, namoonni dhuunfaa kunneen haala hamaa fi gidiraa isaairra ga'eef Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee mirga namoomaa qeeqaniiru.
Hedduun isaanii amma gara biyya isaaniitti deebi'aniiru ykn biyya biraa qubatanii jiru.
Yeroo ammaa hidhamtoota 15 kan qabdu yoo ta'u, seenaa ishee keessatti isa xiqqaadha. Namoota Jaha malee hundi isaanii yakka waraanaatiin kan himatamanidha ykn kan itti murtaa'aniiru.












