Daangaan Zaalambassaa deebiyee 'banamuu' fi miira uume

Maatiifi hiriyyoonni waggaa shan booda yeroo wal arganitti

Madda suuraa, Girmay Gebru / BBC

Dilbata darbe daangaan Zaalaambassaa waggoota shanii booda yeroo jalqabaatiif banamee hawaasni naannoo sanaa wal arguu danda'eera.

A L I bara 2013 walitti bu'iinsi mootummaa Federaalaafi Naannoo Tigraay gidduutti erga dhalateen booda muddama siyaasaa uumamee tureen daangaan Zaalambassaa cufamee ture.

Gaafa Dilbataa hawaasa gama lamaaniin jiraniin daangaan kun banamee jiraattonni yeroo wal arganitti nagaafi araaraaf waan fakkeenya ta'u ture.

Itoophiyaatti jaarsoliifi abbootiin amantaa magaalaa Zaalambassaa bakka jiranitti maatiifi firoonni irra deebiin wal arganiiru.

Daangaa kana karaa tokkoon deebisanii banuuf tarkaanfiin kan fudhatame mootota lamaanirraa deeggarsi osoo hin taasfamiin kaka'umsa namoota hawaasa dadammaqsaniifi bakka bu'oota hawaasaatiin ta'uun dhaga'ameera.

Haata'u malee, daangaan kun banamuu duuba qaamoleen akka jiran ibsame hayyama mootummaa Tigraay fi aanga'oota Ertiraa argachuun isaanii eerameera.

Daangaan kun banamee jiraattonni deebiyanii yeroo wal argan hedduutti miirrri addaa akka itti dhaga'u kan taasise yoo ta'u, turtii booda waan argan ta'uu dubbatu jiraattonni kunneen.

Maatiin waggoota shaniif sababa daangaa idil-addunyaan adda bahan kan turan maatiifi michoonni daangaa loltootaan eegamu ce'anii wal arguu hin danda'an ture.

Jiraattonni Zaalambassaafi naannooshee waraana kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf dhiiga dhangalaase A L I Onkoloolessa 2015 waliigaltee Piritooriyaatiin xumura argatullee, miidhaa dinagdeefi hawaasummaa hamaa keessa turaniiru.

Baayyeen isaanii manaafi qabeenya isaanii dhiisanii kan dhokatan yoo ta'u, yeroo ammaa kana Zaalambassaarraa kiiloomeetira 30 fagaattee kan argamtu Addigiraat keessatti jiraattonni kuma 55 ol ta'an buufata baqattootaa keessa jiraachaa jiru.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa xumuramee waggoonni kan darban ta'ullee daangaan sun garuu sababa mufii mootummoota biyyoota lamaan gidduutti uumameen cufamee tureera.

Namoonni Dilbata daangaan kun banamee booda wal argan "wanti darbe ni gaha; karaa nagaa waliin teenyee haa mariyannu; egeree gaarii haa ijaarru," jedhan.

Yeroo jiraattonni daangaa alaabaa qabatanii mul'atan

Madda suuraa, Girmay Gebru / BBC

Naannoo Zaalambassaatti ummata biyyoota lamaanii gidduutti sochiin daldalaas jalqabameeraa.

Haati Tigraay tokko, "akk ummataatti, nyaachuufi daldaluu barbaadna. Akkuma kanaan duraa jireenya hawwaasummaatiinis wal arguu feena. Maatiin kan isaanii asitti argamu; maatiin kan keenyas achi jiru.

''Nuti kan barbaadnu nagaadha,'' jechuun BBCtti dubbatte.

Haata'u malee, miidhaa waraana tureen qaqqabe deebisuudhaaf hojii baayyee hojjechuu gaafata.

Bu'uraaleen misoomaa Zaalambassaa barbadaa'aniiru; ibsaa, bilbilli, akkasumas tajaajilli baankii addaan citeera.

Bu'uuraaleen hedduun mootummaa Itoophiyan kan hojjetaman yoo ta'u, suphuudhaaf maallaqa guddaa akka gaafatu jiraattonni ni dubbatu.

Dhaabbileen bishaanii, fayyaafi barnootaa miidhamaniiru.

Hawaasni naannichaafi tola-ooltonni suuta suuta ijaaraa jiru.

Ertiraan erga walabbummaashee argattee waggoota 30 ol kan darbe yoo ta'u, hariiroon biyyoota lamaanii muddamaan kan guutameefi daangaanis waggoota baayyeetiif cufamee kan turedha.

Ministirri Muummee Abiy gara aangootti yeroo dhufanitti Pirezidant Isaayyaas waliin waliigaltee seena-qabeessa erga mallatteessanii booda yeroo gabaabduuf ta'us, daangaan biyyoota lamaanii banamee ture.

Waliigalten sun MM Abiy badhaasa Noobelii Nagaa akka argatan taasiseera.

Tarkaanfiin kun jalqaba abdii kan namatti hore ta'us, waraanni Tigraay jalqabuun garuu waan jiru guutummaan guututti jijjiireera.

Abbootii amantaa

Madda suuraa, Girmay Gebru / BBC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirna turerratti argamuuf Ertiraa Seni'aafeerraa dhufuu isaa kan dubbatu Nabiyaat Waldegoorgis, "nagaafi araarri har'a jalqabne kun cimee akka itti fufu nan amana," jedheera.

Zaalanbassaarraa baqattee dahoo buqqaatotaa Addigiraat keessa waggoota shaniif kan turte Aadde Amilees, "har'a mana koo cufaa ture ilaaluufan dhufe. Kanaan booda ijoollee kiyya qabadheen mana kiyya keessa jiraachuu itti fufa," jechuun dubbatte.

Jiraattonni naannoo sanaa maatiin yeroo tokko waloon jiraachaa turan sababa waraanaatiin akkamitti akka adda bahan yaadatu.

Bakka bu'oonni hawaasa lamaanii, "nagaafi araarri jalqabameera," jechuun kan labsan yoo ta'u, jiraattonni gara manasaaniitti deebiyanii jireenya isaanii deebisanii ijaarrachuu akka jalqabaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Haata'u malee, ammallee danqaawwan ni jiru.

Qabeenyi saamaman, manneen manca'aniifi tajaajilli dhibuun jireenya buqqaatota kumaan lakkaa'amanii deebisanii dandamachiisuuf salphaa hin ta'u.

Kana malees, waliigalteen hawaasa bakka sana jiru gidduutti taasifame kun mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti, Finfinneefi Asmaraa biratti akkamitti akka ilaalamu ifa miti.

Walitti dhufeenya hawaasni naannawaa daangaa jiru uummatan kana ilaalchisuun gama mootummaa lamaaniitiin wanti jedhame hin jiru.