Waggoota 30 oliif nama tokkoon buluu: Abdii Ertiraanotaa maseene

Pirezidanti Isaayaas

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Eritraa hedduun bara aangoo Pirezidanti Isaayaa Afawarqiitti andiin horatanii ture waggaa 30n booda hin raawwanne

Yeroo tokko hoggantoota Afriikaa yaada tarkaanfataa ta'e qaban keessaa akka tokkootti kan yaadamaa turan Isaayaas Afawarqiin, erga aangoo qabatanii waggaa 32 lakkoofsiisanilleen abdiifi abjuusaanii milkeessuu hin dandeenye.

Isaayyaas Afawarqii yeroo baayyee kan dabarsan mana jireenyaasaanii kan magaalaa guddoo biyyattii Asmaraa irraa fageenya kiilomeetira 20 irratti argamtu fi baadiyyaa urkaa fi gaarreeniin guutamtettiidha.

Kaabineen isaanii bara 2018 irraa kaasee kan walgahee hin beekne yoo ta'u, dhimmoonni biyyattii kamuu karaa isaatiin akka darbu taasifama.

Akka hogganaa biyyaa tokkootti aanga'oota biyya keessaa fi biyya alaa hedduu simatanii haasoofsisu.

Lammiilee Ertiraa Isaayyaas rakkoo keessa jiran keessaa nu baasa jedhanii abdii godhataniif xiyyeeffannaa kennaa turan.

Maanguddoon waggaa 79 Isaayyaas, baroota soddomaa ol aangoorratti dabarsan keessatti filannoon gaggeeffamee hin beeku.

Yeroo dhihoo keessatti jijjiramni akak dhufuufis agarsiiftuun omtuu hin jiru. Kun ammoo, baroota 1990mota keessa baayyee adda ture.

Bara 1990 keessa hogganaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Ertiraa (Shaabiyaa) ta'udhaan yeroo mootummaan Dargii aangoorraa kaafametti Isaayyaas ga'eessa waggaa 45 ture.

Namni hojjaansaa dheeraafi hawwataa ta'e Isaayyaas, biyya keessaattis ta'e biyya alaatti kan abdii uumee ture.

Bara 1993tti erga Ertiraan walabummaashee labsiiteen booda, Isaayyaas waltajjiiwwan addunyaarratti yeroo jalqabaatiif dursaa Ertiraa ta'uun as bahan.

Yaa'ii dureewwan dhaabbata Tokkummaa Afriikaa Kaayirootti gaggeeffamerratti yeroo argamanitti dureewwan Afrikaa ''waggoota kudhaniif aangoorra turuu barbaadan yoo qeeqan'' dhagahaman.

Ertiraan adeemsa boodatti hafaa akkasii gonkumaa akka hin deeggarredubbachuun, sirna dimookiraasii guddina hawaasummaa fi diinagdee ummataasaa mirkanneessu cimsuuf waadaa seenan.

Ejjennoon isaa kunis Ertiraanootaa fi dippilomaatoota biratti dinqisiifannaa argamsiiseef.

Namoota dhaadannoo qabatanii hiriira bahan

Madda suuraa, Gamma-Rapho via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1993tti jiraattoonni magaalaa Asmaaraa guyyaa bilisummaa yoo kabajaniitti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isaayaas aangoo baroota bilisummaa jalqabaarratti addunyaarratti simannaa ho'aan kan taasifamuuf yoo ta'u, biyyoota lixaa waliinis walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan barbaadan.

Bara 1995tti pirezidantii Ameerikaa yeroo sanaa Biil Kiilintan, dursaan Ertiraa gara Waayit Hawuusitti afeeruudhaan biyyattiin imala dimokiraasii eegalte dinqiisiifatanii ture.

Yeroo sanattis Ertiraan heera mootummaa sirna dimokiraasii olaantummaa seeraa ni kabachiisa jedhamee abdatamee ture wixinneessaa turte.

Pirezidant Isaayaas hanga sirni heera mootummaa hundeeffamuutti ''mootummaa ce'umsaa'' akka ta'aniif ture kan yaadamee ture. Heerri haaraanis Caamsaa bara 1997tti bakka bu'oota ummataatiin raggaasifameera.

Haata'u malee, bara 1998tti lammiileen biyyattiifi addunyaan filannoon ni gaggeefama jedhee yoo eeguutti, Ertiraafi biyya ollaa Itoophiyaa jidduutti sababii daangaatiin waraanni ka'e.

Isaayaasis filannoo yeroo hin murtoofneef dheerreessuudhaan waraanicha sababa godhataniiru jedhamuun himatamu.

Sirna dimokiraasii paartii hedduu uumuudhaaf waadaa kan galanii ture Pirezidant Isaayaas, bara 2000tti erga waliigaltee nagaarra gahameen booda kutannoon isaanii ilaalameera.

Waahillan qabsoo fi hiriyyoota itti dhiyaatan kaan dabalatee, ministiroonni hedduun mootummaa isaa irratti haaromsi akka gaggeefamuuf gaaffii dhiyeessuu eegalan.

Ittigaafatamtoonni olaanoon kunneen Bitooteessa 2001tti xalayyaa ifaa barreessaniin, boodarra garee G-15 jedhamuun waamamuu eegalan. Pirezidantichaanis, aangoosaanii akka hin malletti itti fayyadamaniiru, yeroodhaa gara yerootti abbaa hirree ta'aa dhufaa jiru jechuun komiisaanii ibsan.

Heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuufi filannoon biyyaaleessaas akka gaggeeffamuf gaafatan.

Isaayaasii fi Firansu'aa Miitarraand

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Isaayaas Afawarqiin bilisummaa Ertiraatiin booda bara 1994tti tibba biyyoota lixaa hedduudhaan affeeramanii turaniitti pirezidantii Firansu'aa Miitarraand waliin Faransaayiitti yeroo argamaniitti

Gaazexaawwan wallakkeessaa bara 1990mota irraa kaase mul'achuu eegalan, yeroo sanatti miseensoota paartii Adda Ummata Dimokiraasummaa fi Haqaa (HIGUDIF) jedhamee moggaafamee kaasee yaadawwan cimaa kaanis qabatanii bahaa waan turaniif, lammiileen Ertiraa bilisummaa hanga ta'e dhandahamachuu eegalanii ture.

Shangoon Ce'uumsa Biyyaaleessa yoom akka gaggeeffamu murteessuun, komishiiniin filannoo hundeeffamaa fi seeroota paartii siyaasaa dhiyaatan irratti mariin gaggeeffamaa ture.

Biyyattiin suuta suutaan gara ijaarsa sirna dimokiraasiitti imalaa kan jirtu fakaatte.

Haata'u malee, adeemsi harkifataan kun Fulbaana bara 2001 yeroo haleellaan shorrkeessummaa Ameerikaarratti raawwatamee kaasee akka tasaatti cufame.

Mootummaan biyyattii guyyaa tokko ganama gaazexaawwan qeeqa cimaa dhiyeessuun beekaman hunda cufe. Qopheessitoonni gaazexootaa fi geezexxeesitoonni hidhamuu isaaniin booda bilisummaan pireesii oduunsaas achumaan bade.

Haaluma walfakkaatuun, kanneen G-15 jedhamuun beekaman keessaa mootummaan kanneen 11 ta'an to'annoo jala kan oolche yoo ta'u, isaan keessaayis ministiroonni dhimma alaa biyyattii duraanii, Itaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fi miseensoonni mana maree biyyaaleessaa hedduun ni argamu.

Yeroo sanarraa kaasee, namoonni kunneen haalli keessa jiran dhagahamee hin beeku. Yeroo sanarraas kaasee lammiileen biyyattii hedduun abdiinsaanii akka bade himama.

Haata'u malee, Isaayaas duraanis yoo ta'e, jijjirama dimokiraasii beeksisuurraa haalawwan hedduun fagaatanii ture.

Ebla bara 2001tti pirezidantichi ''paartiiwwan siyaasaa keessatti hirmaachuuf fedhii qabaadhee hin beeku'' yoo jedhan dhagahamaniiru.

''Amma paartii siyaasaa keessatti hirmaachuuf fedhii hin qabu. Gara fuulduraattis yoo ta'e paartii siyaasaa keessatti hirmaachuuf fedhii hin qabu.''

Adeemsa dimookiraasiittii ''burjaajii'' jechuun kan ibsan yoo ta'u, HIGIDIF ''paartii miti, biyya malee'' jechuun olaantummaa paartiisaanii ibsanii ture.

Namoota baayyeedhaaf pirezidantichi akka fooyya'insa dimokiraasii gochuuf fedhii hin qabne ifaa ta'e.

Sagalee mormii ukkaamsuu fi filannoo gaggeessuu diduun isaafis ta'e biyyattiin akkamoggeeffamtu taasiseera.

Haata'u malee, deeggartoonni biyyoota Lixaatiin haqa malee moggeeffamuun akka irra gahe ibsuudhaan, Isaayaasin mallattoo bilisummaa gochuun leellisu.

Loltoota lama haasa'aa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni daangaa Itiiyoo-Ertiraa sochiiwwan Ertiraatti gara dimikiraasiitti taasifamaa ture taatee dhaabeedha

Pirezidant Isaayaas bara 2002tti haala ifa hin taaneen mana maree ce'umsaa diiganiiru, bara 2018tti ammoo kaabinee irratti tarkaanfii wal fakkaatu fudhataniiru.

Ministiroota umuuriin jaaraniifi kanneen aangoo dhugaa omaa hin qabne ammaan tana biiroo mootummaa dahdboo hoggana jiru.

Kanaaf, waajiraaleen miniteera hedduun, raayyaa ittiisaa dabalatee, ministira malee hogganamu. Namoonni baayyeenis Isaayaas namani goota bilisummaa turan maaliif amma tarkaanfii ukkaamsaa akkasii akka fudhatan gaafataa jiru.

Bulchaan naannoo duraaniifi Amabaasadarri olaanaan, Abdallaa Adam, Isaayaas dimookiraasiitti kongumaa akka hin amannee fi yeroo hunda dheebuu aangoo akka qaban dubbatu.

Yeroo ammaa baqattummaan Landanitti kan argaman Abdallaan akka jedhanitti, Isaayaas bilisummaan duras taanaan Shaabiyaa madifiiwwan cimaa jalatti bulchaa turan.

''Dureewwan aangoosaanii dura dhaabbachuufi ummata biratti fudhatama qaban haala tarsimoo ta'een dadhabsiisuun aangoorraa kaaseera'' jedhu.

Pirezidant Isaayaas Caamsaa 2014tti heera mootummaa haaraa qopheessuuf karoora qabaachuu kan beeksiisan yoo ta'u, boodarra ammoo heerri mootummaa bara 1997tti raggaasifame ''faayidaa hin qqabu'' yoo jedhan dhagahaman.

Haata'u malee, yeroo sanarraa kaasee sochiin omaa hin mul'anne. Yaadni heera haara wixineessuus kan dhufe bara 2013tti sababii yaalii fonqolcha mootummaa qondaaltoota waraanaa olaanoon taasifameetiin ta'uu mala.

Qondaaltoonni waraanaa olaanoon taankiiwwan magaalaa guddoo Asmaraa keessa oofaa sa'aatiiwwna hedduudhaaf TV fi buufataalee raadiyoo biyyattii to'annoo jala oolchanii ture.

Qondaaltonni waraanaa yaaliichi fashalaa'usaa hubatanis, karaa miidiyaaleetiin heerri mootummaa bara 1997 akka hojiirra oolfamu fi hidhamtoonni siyaasaa akka hiikamaniifi waamicha dhiyaassuuf yaalan. Haata'u malee, humnootiin nageenyaa osoo tamsaasi darbaa jiruu adda kutan.

Ministira albuudaa dabalatee aanga'oonni hedduun, bulchiistoonni, dippilomaatoonnii fi janaraaloonni hidhamaniiru. Dursaan yaalii fonqolchiichaa osoo to'annoo jala hin oolfamiin dura ofi balleessan.

Naayijeeriyaatti dippilomaatii kan turan Zara'aa Sillaaseen hojiisaanii gadhiisuudhaan gara UK imaliin kolugaltummaa gaafatan.

Qabsoo bilisummaa keessatti kan hirmaataniifi Naayijeeriyaatti Ambaasadara kan turan Alii Omeeruun erga to'annoo jala oolfamanii booda eessa buuteensaanii hin baramne.

Yeroo ammaatti UK Yunivarsitii Liidisitti barataa PHD kan ta'an Zara'aa Sillaaseen mootummaan akka ISaayaasiitti nama hidhu ''siyaasa dhugaafi dhaabbilee hawaasummaa ykn olaantummaa seeraa hin hayyaman'' jedhu.

Itti dabalunis, ''heerri mootummaa yeroo murtaa'eef dhorkaunsaa fi dhaabbileen mootummaa waajjira pirezidantiif itti waamamoo ta'unsaanii kallattii kanaan ilaalamu qababata'' jedhu.

Waltajjiiwwan idil-addunyaarra kan loogeeffaman Isaayaas ofiisaas waltajjii addunyaarra adda baasaniiru.

Walgahiiwwan akka Gamtaa Afriikaa fi Yaa'ii Waliigala UN irrattis hirmaachu erga dhaabanii waggoonni hedduun lakkoofsiifamaniiru.

Isaayaasii fi Vilaadmiir Puutiin

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Isaayaas yeroo hedduun as gara Chaayinaa fi Raashiyaatti dhiyaachuu eegalan

Baankiin addunyaa gamagama bara darbe taasiseen, diinagdeen biyyattii ''rakkoo keessa jira'' jedheera.

Oggeessoonni Baankii Addunyaa ''sochiin diinagdee sababii bu'uuraalee misoomaa hin cimneetiin kan ka'e, dorgommii murtaa'ee to'annaa motumamatiin gaggeeffamuu fi to'annii meeshaalee galfaman irratti taasifamu cimaadhaan udhameera'' erga jedhaniin booda, dameen faayinaansii yeroo dheeraadhaaf ''dadhabaa ta'e'' tureera jedhan.

Pirezidanti Isaayaas Muddee darbee haasaa TV mootummaasaanii irratti taasisaniin, rakkooleen jiraachu amaniinru.

''Diinagdeen harkaa gara afaanii ta'e eessaanu nama hin gahu. Yeroo ammaatti kalalttii kanaan biyyoonni Afriikaa sadarkaa fooyya'aarratti hin argaman'' jedhaniiru.

Kana malees, Isaayaas dhaadannoo deeggarsa namoomaan ''of danda'u'' jedhu haala faalleessuun soda hirkattummaa fida jedhu hin fudhatan.

Ertiraanoota baayyee, keessattuu dargaggoota tajaajila biyyaleesaa dhuma hin qabne keessa seenuun karaa ittiin bahan dhabaniif jiruun guyyuu cimaa ta'aa jira.

Bulchiinsa ukkaamsaa keessatti eegeereensaanii osoo bilisummaa fi abdii hin qabne dabarsu.

Lammiileen Ertiraa haala siyaasaa, dirqama tajaajila loltummaa humnaan taasifamuun nufan hedduun bilisummaa barbaachaaf lubbusaanii balaaf saaxilu.

Waggootaan darban muraa keessatti lammiileen Ertiraa kuma dhibbaan lakka'aman biyyasaanii baqachuun gammoojjiiwwan qaxxamuruun dahannoo barbaacha godaananiiru.

Lammiilee biyya alaa UK kolugaltummaan simate keessaa Ertiraanoonni sadarkaa sadaffaarratti argamu.

Isaayaas baatii darbe keessa guyyaa bilisummaa irratti haasaa taasisaniin jijjira lammiileen biyyattii hedduun arguuf kan abdataniif eeruu hin kennine. Waa'ee heera motummaas, filannoo biyyaleessaa ykn hidhamtoota siyaasaa hiikuurratti kan jedhan omtu hin jiru.

Haaluma walfakkaatunis diinagdee biyyattii du'aa jiru akka bayyanatu taasisuuf karoorri qabatamaan hin argamne.