Ministirri mummee UK qabattoo taa'umsa konkolaataa hidhachuu dhiisuun adabaman

Ministirri mummee UK Rishii Sunaak

Madda suuraa, EPA

Ministirri mummee UK Rishii Sunaak, teessoo duubaa konkolaataa turan keessatti qabattoo hidhachuu dhiisuun adabaman.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisan irrattidha qabattoo konkolaataa otoo hin hidhatiin kan mul'atan.

Poolisiin naannoo Laanksheer nama ganna 42 yeroof mana murtiitti otoo hin himatamiin adabbii qarshii irra kaa'eera.

Ministirri mummee Sunaak, ''dogoggora isaanii amanuun, dhiifama gaafataniiru,'' adabbii akka kaffaluuf jiranis hime poolisiin.

Imaltoonni konkolaataa qabattoo teessumaa qabu keessa taa'anii otoo hin hidhatiin hafan paawundii 100 (birrii Itoophiyaa 6,000 ol) adabamu.

Dhimmi kuni gara mana murtiitti geeffamnaan adabbiin hamma paawundii 500 gahuu mala.

Ministirri mummee UK yeroo viidiyoo waraaban imala kaaba Inglaand irra turan.

Viidiyoon dhimma baasii mootummaan dhiyeenya kanaa dabalu irratti xiiyyeeffatu fuula Instaagiraamii Obbo Sunaak irratti maxxanfamee ture.

Ministirri mummee kuni erga aangootti bahanii adabbii qarshii akkanaa keessummeessuun kuni yeroo lammataafi.

Ebla darbe ministira mummee duraanii Booriis Joonsan waliin seera uggura Kooviid cabsuun, kabaja guyyaa dhalootaa irratti argamuun adabamaniiru.

Seera biyyattiin adabbiin qarshii kuni guyyoota 28 keessatti kaffalamuu qaba.