Kantiibaan Landan Saadiq Kahaan miidhaa sabummaan irratti hammaateef Tiraamp himatan

Madda suuraa, PA Media
- Barreessaa, Haari Loow
- Gahee, BBC News, Silicon Valley
Kantiibaan magaalaa Landan Saadiq Kahaan erga bara 2016 filatamanii as, ergaawwan doorsisaa fi arrabsoo sabummaa yookiin bifa qoodu of keessaa qaban 233,000 karaa miidiyaa hawaasummaa fi karaalee adda addaa isaan qaqqabaa turuu himan.
Aab Kaan an wayita gara Kaalifoorniyaa imalanii barattoota Yuunivarsitii Istaanfoorditti dubbatan, erga Doonaald Tiraamp pireezidantii Ameerikaa ta'ee filatamee as miidhaan irra ga'aa ture kun harka 1,892n dabaluu ibsan.
Qoccolloon kan eegale bara 2017 wayita Doonaald Tiraamp haleellaa Riqicha Landanitti mudate ilaalchisuun kantiibicha qeeqan ture.
"Naman dinqisiifadhu yookiin deeggaru miti,'' jechuun barattootatti dubbachuu eegalan kantiibaan kun.
Aab Kaan bara 2016 erga Doonaald Tiraamp filatamanii Waayit Haawus galanii ji'a ja'a booda kantiibaa magaalaa Landan ta'uun filaman.

Madda suuraa, BBC composite
"Waggoota afran aangoo pireezidaantummaarra turetti sababa sabummaa kootiin qoccollaan hedduun narra ga'eera, kanarraa ka'uun poolisiin akkan eegamu ta'eera.
''Keessumaa wayita aangoonsaa obba'uu jala ga'etti, tibba tiwiitariin ugguretti qoccollaan narra ga'aa ture kan waggoota shanan duraan turanii hunda caalaa hammaataa ture,'' jedhan Aab Kahaan.
Ergaawwan qoccollaa sabummaa fi bifaa of keessaa qaban kanneen gara kantiibichaa ergamaa turan bara 206 akkumasaan aangoo qabataniin dhibbeentaa 1,892n dabalee ture, bara 2017 dabalataan dhibbeentaa 94 dabale.
Qoccolloon/ dhiibbaan kun bara 2018 dhibbeentaa 35tti gadi bu'us bara 2019 ammoo deebi'ee dhibbeentaa 59 ta'e jedhan.
Bara 2020 dhibbeentaa 75'n gadi bu'e, darbee bara 2021 wayita tiwiitariin Tiraamp ugguru ammas dabalataan dhibbeentaa 40 hir'ate, erga Tiraamp aangoorraa gaggeeffamee amma nagaan qaba jedhan Aab Kahaan.
Kantiibaan kun carraawwan daldalaa, invastimantii, tuurizimii fi teeknooloojii magaalaa Landaniif banuuf jecha daawwannaarra jiru.















