Miidiyaa hawaasummaa Doonaald Tiraamp 'Truth Social' rakkoon mudate

Trump

Onkoloolessa darbe Doonaald Tiraamp dhaabbata teekinooloojii jijjiirama fidu banuuf karoora akka qabu ifa godhee ture.

"Truth Social uumeen jira ... kana kan godheef gara jabina dhaabbilee teekinoolojii gurguddoo dura dhaabbachuufi," jedhe.

"Addunyaa Taalibaan tiwiitara gubbaatti sirnaan mul'atu, pireezidantiin Ameerikaa isin jaallattan garuu ukkaamfame keessa jiraataa jirra," jedhe Tiraamp.

Aappiin miidiyaa hawaasummaa Truth Social Guraandhala 21 gaafa guyyaa pireezidantootaa Ameerikaa ture kan ifa godhame, torban jaha booda wayita guutummaatti tajaajila eegala jedhametti rakkoon isa mudateera.

Lakkoofsi namoota miidiyaa hawaasummaa kana fayyadamuuf tarree eeggataa jiran miliyoona 1.5 gahaniiru.

Lakkoofsa 1,419,631

Miidiyaan hawaasummaa Truth Social irra hedduu tiwiitarii fakkaata. Tiwiitariin erga deeggartoonni isaa gamoo Kaappitool weeraruun hokkora kaasanii booda Tiraamp ugguree jira.

Tiwiitariin Doonaald Tiraamp sobaan filannoon hatameera jechuun hokkora kakaase jedhee amana. Kanaafis Amajjii 8 bara 2021 irraa eegaluun Tiraamp umurii guutuuf tiwiitarii irraa uggure.

Truth Social tiwiitarii haa fakkaatuyyuu malee bilbilawwan Andirooyidii fi gama marsariitiin hin argamu. Namootni hedduu Ameerikaan ala jiranis argachuu hin danda'ani.

"Badii guddaadha," jedha Yuunivarsiitii NYUtti direektara wiirtuu miidiyaa hawaasummaa fi siyaasaa kan ta'e Jooshuwaa Tiraakar.

Michuun Tiraamp miseensa paartii Rippabliikaanii ta'e maqaan isaa akka himamu hin feene, "maaltu akka ta'aa jiru namni beeku waan jiru hin fakkaatu" jedhe.

Guraandhala 21 guyyaa ifa godhame App Store (bakka bilbilawwan omisha Apple ta'aniif appilikeeshiniin buufamu) irratti aappiiwwan baay'ee buufaman keessaa tokko ture. Garuu kanneen buufatan itti fayyadamuu hin dandeenye.

Rakkinichi guyyoota yartuu keessatti furamee Tiraamp "truth" isaanii maxxanfachuu eegalu jedhamee eegamus hin taane.

Gabaasaan teekinooloojii Ameerikaa Kaabaa BBC Jeems Kileeyitan miidiyaa hawaasummaa Tiraamp kana fayyadamuuf galmaa'uuf wayita yaalu, tarree eeggattootaa 1,419,631ffaarra akka jiru ergaan isa gahe.

"Waan nutti makamteef galatoomi! Fedhiin guddaan waan jiruuf tarree eeggattootaarra si keenyee jirra. Si jaalanna, ati nuuf lakkoofsa qofaa miti. Garuu lakkoofsi tarree eeggattootaa kee kan armaan gadiiti," jedha ergaan Jeemsiif ergame.

Screengrab from Truth Social registration page

Madda suuraa, N/A

1px transparent line

Ammatti Youtube, Tiktok, Instagram fi Facebook aappiiwwan 10 hedduu buufaman keessa kan jiran yoo ta'u, Truth Social garuu aappiiwwan 100 hedduu buufaman keessayyuu hin jiru akka marsariitiin Similar Web jedhamu jedhutti.

Fayyadamtoonni aappii Truth Social banachuu danda'an hagi tokko aappichi duwwaa jalaa ta'eera, Kunis sababa namoonni bebbeekamoon Ameerikaa hedduun miidiyaa hawaasummaa kana lagataniifi.

Qorannoon tokko lakkoofsi namoota aappicha buufatan dhibbeentaa 95niin gadi bu'uusaa mul'iseera.

Namoonni hedduun ammanumattuu nuffaniiru.

Namni tiwiitarii fayyadamu tokko "torbanoota dura Truth Social fayyadamuuf galmaa'een amma yoonaa tarree eeggattootaarran jira," jechuun barreesse.

Tokko ammoo "yeroon ani tarree eeggattootaa irraa buufamee aappicha seenutti Tiraamp deebi'ee pireezidantii ta'a" jechuun qoose.

Hibboo ogeeyyii

Hogganaa Olaanaan Truth Social Deeviin Nuuns akka jedhetti silaa aappichi xumura baatii Bitootessaa "guutummaatti tajaajila eegala" ture.

Garuu aappichi maaliif rakkoon hedduun akka isa mudate ogeeyyiitti hibboo ta'eera.

Gariin Truth Social miidiyaa hawaasummaa biraa Youtube fakkaatu viidiyoon irratti qoodamu Rumble jedhamu waliin michooma tolfachuu akka rakkootti kaasu.

Miidiyaan hawaasummaa Rumble warra Tiraamp deeggaran biratti jaalatamu kun miidiyaa hawaasummaa Tiraampiif wantoota akka sarvarii akka dhiyeessu himamee ture.

"Rakkoo sarvarii yoo ta'e guyyoota jidduutti furamuu qaba ture, torban jaha hin gahu" jedhu michuun Tiraamp paartii Rippabliikaan irraa.

"Maaltu akka ta'aa jiru namni beeku waan jiru hin fakkaatu" jedhan.

Dorgomtoota jajjaboo

Aab Tiraamp maaliif namoonni hedduun Truth Social hin fayyadaman jechuun muffii qabaachuun gabaafameera.

Ofii hordoftoota 750,000 Truth Social irratti kan horate Aab Tiraamp, ji'a tokkoof "truth" homaa hin maxxansine.

Maxxansa "truth" walakkeessa Guraandhalaa Tiraamp dhooban

Madda suuraa, N/A

Ibsa waa'ee suuraa, Maxxansa "truth" walakkeessa Guraandhalaa Tiraamp dhooban

Tarii Tiraamp osoo dammaqinaan miidiyaa hawaasummaa kanarratti ni mul'atu ta'e, namni isaaniif jecha itti hirmaachuu akka malu akeeka Aab Tiraakar.

Garuu ammoo ogeeyyiin ta'e jedhanii irraa dhorkaa jiraachuu danda'us jedha. Kunis lakkoofsi namoota tarree eeggattootaarra jiranii guddaa waan ta'eefi.

Miidiyaan dorgomtoota jajjaboon morkachuu danda'a jedhamee hawwiin eegamaa ture ofiin miila lamaan dhaabachuuf rakkataa jira.