Konkolaachisaan machaa'ee Donaald Tiraamp barbaadaa ture buufata waraanaatti qabame

Madda suuraa, Reuters
Namichi machaa'ee Buufata Humna Qilleensaa Ameerikaa biyya Ingilizii magaalaa Safiik argamutti Pirezidantii duraanii Donaald Tiraamp barbaacha dhaqe qabamuu poolisiin hime.
Namichi gaafa Wiixata ganamaa ture buufata humna qilleensaa RAF Mildenhall jedhamutti Tiraamp nan argadha jedhee kan abdate.
Poolisiin Safiik akka himetti, namichi poolisii Ministeera Ittisaan akka to'atamu tumsa taasiseera.
Namichi qabame daangaarra darbee dhugeera jedhameera.
Qondaaltonni taatee kana gabaasan ''biyya dogongoraa'' jechuun namichi bakka dogongoraa Pirezidant Tiraamp barbaacha akka dhaqe akeekuun barreessan.
Dhuguma garuu Tiraamp buufa humna qilleensaa Ameerikaa daawwatanii turani.
Kan isaan daawwatan garuu bara 2019 gara Veetinaam imaluun dura bu'anii xiyyaarri isaanii 'Air Force One' jedhamu boba'aa guuttatee ture.
Pirezidantiin US duraanii yeroo ammaa Filooriidaa jiraatu.
Donaald Tiraamp pirezdaantii Ameerikaa 45ffaa ta'uun filatamanii waggoota afuriif biyyattii bulchaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

















