Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin quba wal qabaachuu hime - Kitaaba

Madda suuraa, API via Getty Images
Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un waliin ammalleen quba walqabaachu dubbachuu barreessituun kitaaba haaraa tokko himte.
Gaazexeessituun Maagii Haabermaan akka jettuutti Mr Tiraamp ammallee hoggantoota biyya alaa keessaa Kim Jon Un qofa akka quba wal qabu himeera jette.
Haata'u malee wanti inni jedhu kun waan hin mirkanoofnee hi dhugaallee tahuu dhiisu mala jettes.
Bara 2018 keessa Tiraamp erga xalayaa walii barreessaniin booda innii fi Mr Kiim ''jaalala wal qabsiisuu'' himee ture. Garuu ammoo dhimmoota gabbisa niwukileeraa dhaabisiisuu irratti osoo walii hin galiin hafan.
Sababii sagantaalee niwukileeraafi miisaa'eelii Kooriyaa Kaabaatiin wal qabatee addunyaa balaaleeffataa jirtuuf, Donaald Tiraampiifi Mr Kiim jidduu ammaan tana haasaan jiraachunsaa baayyee waan ta'u hin fakkaatu.
''Akkuma beekamu Tiraamp walitti dhufeenya taasisee tureen gaarii hin turre,'' kan jettu Haabeemaan, gaazexxessituun Niiw Yoork Taayimsi kan CCN'tti himte. Mul'anni kunis kitaaba waa'ee Tiraamp irratti barreessiteefi 'The Confidence Man' jedhu keessatti eerame.
''Yeroo hunda waan inni jedhuufi waanti dhugaatti ta'us wali hin simu, garuu ammoo ammalleen Kiim Jong-un waliin walitti dhufeenya qabaachu namootatti himaa jira,'' jetti.
Tiraamp dhimma Kooriyaan Kaabaa sagantaa niwukileeraa ishee walqabatee jiru furuuf Kiim waliin yeroo lama marii taasisee ture. Garuu ammoo waliigalteerra osoo hin gahamiin hafe. Biyyattinis faallaa murtee UNtiin yaaliiwwan misaa'eelii baalaastikii gaggeessuu itti fuftee jirti.
Dhimmi walitti dhufeenya Kiim waliin qabaachuu kunis sanadawwan sanduuqa waraqaa 15 Tiraamp baatii darbe keessa eejansii motummaa galmeewwan pirezidentootaa eeguu 'National Archives' argaman keessa jira.
Sanadniwwan kunneenis wayita Tiraampi Waayiti Hawuus gadhiisee baheetti eejansiichatti deebiifamu kan qabaatan yoo ta'u, inni garuu gara manasaa Filooriidaatti fudhatee gale.
Eejjansichi Tiraampi galmeewwan Waayit Hawuus attamiin eegaa akka jiruu akka xinxaluuf Qajeelcha Haqaa gaafateera, akka Waashingitan Poosti gabaaseetti. Garuu ammoo dubbi himaan Qajeelcha Haqaa yaada hin kennine.
Addatti ammoo, koreen Mana maree bakka bu'ootaa qorannoo eegaluu himeera.
Gaaffiifi deebii CNN waliin taasiifteen, Tiraamp wayita aangoorra turaniitti hojjattoonni Waayiti Hawauus yeroo tokko tokkoo sanadoota mana fincaanii Tiraampi keessaa argataa turan jetti Haabeermaan.
Hojjattoonnis ''Yaadannoowwan ykn waraqaa mana fincaanii keessatti akka gatuu amanuu,'' jetti. Haata'u malee Tiraamp cimsee ''sobadaha'' jedha.
















