Donaald Tiraamp filannoo bara 2016n wal-qabsiisee Hilaarii Kiliintan irratti himata bane

Doonaald Tiraamp fi Hilaarii Kiliinta

Madda suuraa, Reuters

Pireezidantiin duraanii US Doonald Tiraamp, filannoo pireezidaantummaa bara 2016 irratti duula isaa Raashiyaa waliin wal-qabsiisuun filannicha hatuuf akka yaaletti isa himachuu isaaniif Hilaarii Kiliintan fi Dimokiraatota biroo hedduu irratti himata bane.

Filannoo bara 2016 irratti Tiraamp Hilarii injifatus shira hamaa ta’een duula isaa diiguuf jecha karaa seeraan alaan daldala gaggeessuu dabalatee himatoota biraa irratti dhiyeesseera.

Tiraamp fi gartuun gareen duula na filadhaa isaa filanicha akka injifatuuf qondaltoota Raashiyaa waliin hojjataniiru jedhamuun Hilaarii Kiliintan dabalatee diimokiraatotaan himatamanii ture.

Gabaasni bara 2020tti koree seeneetii US Rippaablikaanotaan dursamuun ba’e akka ibseetti, Tiraamp filannoo akka injifatuuf jecha Raashiyaan qondaala Rippaablikaa Pool Manafort fi marsariiti WikiLeaks fayyadamteetti.

Raashiyaan garuu himata dhiyaate irratti hirmannaa akka hin qabne ibsuun haalteetti.

Gabaasichi ragaan shira kana mul’isu akka hin argamne kan ibsu ta’us garuu yeroo itti pireezidaantichi seera cabsuu mala jedhu akka jiran eerera.

Himati seera Tiraamp dhiyeesse kun “Aadde Kilintoon fi waayilootni ishee shira gocha hamaa yaadamuu hin dandeenyee fi diimokiraasi biyyatti irratti dhiibbaa uumu malu qindeessaniiru,” jechuun eera.

“Jarreen himataman kun oduu sobaa kan Donaald J Tiraamp biyya ormaa waliin shira xaxe jedhu qopheessaniiru.”

Himata dhiyaate kana irratti Aadde Kiliintan ammatti deebi hin kennine. Doonald Tiraamp sababa himannaa hin malle yeroos isarratti ka'ee tureen baasii irra darbaa doolara miliyoona 24 baasuuf akka dirqame ibsuun, beenyaa akka fedhu himateera.

Namoota himatni kun irratti dhiyaate keessaa hoggantuun duraanii koree Dimokraatikii Federaalaa Debii Wassermaan Sichuulz, hogganaa duraanii FBI Jeemsii Koornii fi gorsaan siyaasa Domkraatikii Joon Podeestaa ni argamu.

Dhimmi Raashiyaan filannoo keessa seenuu ishee irratti, hoggansa Rooberti Muuleriin qorannoo wagga lamaa gaggeefameera.

Obbo Muuler akka jedhutti Tiraamp fi duulli isaa Raashiyaa waliin hojjechuu isaanii addaan hin baasne, ta’us garuu gabaasni isaa pireezidaantichi seera cabsuu isaa kan haqu miti.

Gabaasa isaa keessatti, “mootummaan Raashiyaa pireezidaantummaa Tiraamp irraa nan buufadha jedhee waan yaadeef sana dhugoomsuuf hojjateera" jedhe.