Waancaa Addunyaa 2022: Gaanaan kan Yuragaay bara 2010 na goote galgala kanan ijaan baha jette

Taphataan Yuraagaay, Iswaareez kubbaa gaanaa harkaan yeroo deebisutti

Waancaa Addunyaa bara 2010 Gaanaan biyya Afrikaa jalqabaa xumura walakkaatiif qaqqabde ta'uf dhiyaattee turte.

Carraan xiqqoof warra 'Black Star' jala akka dabartu kan taasifte gocha taphataan beekamaa Yuraagaay Luwiiz Suwaarez raawwatedha. Yeroo sanatti carraan warra 'Black Star' kanaa maseenuu dandeesseetti.

Suwaareez kubbaa Gaanaan goolii taateetti jedhamte sararrraa harkaan rukkutee baase. Suwaareez taphataa jifataadha malee kan karra eegu miti; garuu harkumaan dhahee kubbaa galteetti jedhamte sararraa baase.

Kubbaa galteettu goolii keessaa baasee ofiinis kaardii dimaatiin bahe. Taateen kun ammoo sa'aatiin taphaa xumuramee daqiiqaa dhumaa dabalamte keessatti ture.

Kubbaa Suwaareez harkaan dhahee goolii keessaa baaseef ammoo jifataan warra Gaanaa yeroo sanaa Asamohaa Jiyaan peenaaliitii akka dhiitu kennameef.

Asamohaa Jiyaanis ni dhabe, kubbattiin goolii hin ta'iin hafte. Gaanaanis seenaa haaraa jedhame hin galmeessiin hafte.

Taphni yeroo sana Gaanaan Yuraagaay waliin taphatte 1-1n waan xumurameef, dhumarratti adabbii penaaliitiitiin Yuraagaay mo'attee darbite.

Kun ta'ee waggoota 12 booda Gaanaa fi Yuraagaay har'a Jimaata galgala Waancaa Addunyaa 2022 Kaataar qopheessaa jirturratti walitti deebiyuuf jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun ammoo Gaanaaf waggoota dheeraaf eegaa kan turte carraa ijaa itti baatudha jedhamee eeegamaa jira.

Taphani kun Ramaddii H keessatti sadarkaa mo'anii darbuu biyyoonni 16 darban keessa galuuf murteessaadha.

Taateen waggoota 12 dura Suwaarez garee Gaanaa irratti raawwate seenaa kubbaa miilaa keessatti kan hedduu falmisiisaa ta'edha jedha qopheessaan sagantaa ispoortii BBC World Service.

Wanti bara sana raawwatame miillana yeroo waliif ba'anitti dhiibbaa uumu ni qabaata jedha qopheessaan sagantaa kun.

"Yeroo sagantaan taphaa Gaanaa fi Yuraagaay walitti fidu bahee argan kan gara sammuu nama kamiittiyyu dhufe Gaanaan ijaa ba'uu barbaaddi kan jedhudha. Kun ammoo kan seetoo garee Gaanaa keessatti uumee isaan jajjabeessudha," jechuun BBCtti hime Jiyaan.

"Yeroo sanatti maaltu akka uumame namoonni guutummaa addunyaarra jiran ni beeku. Nama waan taaneef kun sammuu keenya keessaas kan badu miti."

"Kooriyaa Kibbaa, Porchugaaliifi Yuraagaay waliin tapha qabna, garuu Gaanaaf hunda caalaa kan Yuraagaay waliin taphattudha. Ijaa bahuu kan jedhu sammuu hundaa keessa jira."

Deeggartoonni Gaanaa Suwaareziin dagachuu hin danda'an.

Taphataan Yuraagaay amma umuriin isaa waggaa 35 ta'e kun bara kanas garee biyya isaa keessatti ni taphata.

Sammuu deeggartoota warra Gaanaa keessatti har'a waggoota 12 boodas jibbamaa jira.

Luwiiz Suwaarez Waancaa Addunyaa bara 2010 irratti tapha Gaanaa waliin taphatanirratti kubbaa harkaan tuqe sanaaf dhiifama hin gaafadhu jechuunis dubbateera.

"Taphataa Gaanaatu peenaalitii dogoggore, ana miti,’’ jechuun dhiifama gaafachuun akka isarra hin jiraanne dubbate.