Obbo Getaachoofi Pirof. Kindiyyaan aangoo federaalaatti muudamuun TPLF biratti miira akkamii uume?

Madda suuraa, pm office/fb &SM
MM Abiy Ahmad qondaalota naannoo Tigraay aangoo mootummaa federaalatti muuduu hordofee yaadonni garaa garaa ka'aa jiru.
Guyyaa kaleessaa, Ebla 14, Pirofeesar Kindiyyaa Gabrahiwwot gorsaa Ministeera Barnootaa ta'uun muudaman.
Torbee darbe ammoo pirezidaantiin duraanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa dhimmoota Baha Afrikaa irratti gorsaa MM Abiy ta'anii muudamuunsaanii ni yaadatama.
Waraanni naannichaa xumuramee muddama TPLF keessatti dhalateen Pirofessar Kindiyyaafi Obbo Getaachoon garee tokko yoo ta'an, qondaalota Tigraay keessaa mootummaa federaalaa waliin walitti dhufeenya gaarii qabu warra jedhaman keessayi.
Obbo Getaachoofi Pirof. Kindiyyaan mootummaa federaalaa keessatti muudama argachuun maal-agarsiisa? TPLF garee Dr. Dabratsiyoonin hogganamuun akkamitti ilaalama kan jedhurratti siyaasa naannoo Tigraay itti dhiyeenyan kan hordofu Daani'eel Birhaanee BBC waliin turtii taasiseera.
Akka inni jedhutti bulchiinsi yeroo erga hundaa'ee kaasee bulchiinsi MM Abiy naannoo Tigraay irraa namoota aangoo federaalatti barbaadaafi gaafachaa turus TPLF garuu rincicaa ture.
"Mootummaan yeroo erga hundaa'ee booda aangoo federaalatti muuduuf namoota ergaa kan jedhu gaaffin dhiyaataa ture. Fakkeenyaf, Komishinara ittaanaa Komishinii Haromsa Biyyaalessaaf namni gaafatamee ture," jechuun namoonni akka Jeneraal Tsaadiqaan fa'aa gaafatamanii akka didan kaasa.
"[Jeneraal] Tsaadiqaan komishanara akka ta'uuf Muummichi Ministiiraa Halaalaa Kellaatti gaafatanii ture. [Tsaadiqaan] hin barbaanne, Tigraay irratti hojjachuu barbaade," jechuun ergasiis mootummaan federaalaa aangoo ministeerummaaf Tigraay irraa nama gaafataa akka ture ibsa.
Naannoo Tigraay irraa namni mootummaa federaalaa deemee hojjachuu hin qabu kan jedhu TPLF ifatti ijjannoo ibsuu baatus nama ofii erge malee akka hin taane akka barbaadu hima Daani'eel Birhaanee.
"Ijjannoon garee Dabrsatsiyoon namni Tigraay irraa ta'e tokko federaalaa deemee akka hin hojjanne kan jedhuudha, ifatti ijjannoo akkasii ibsuu baatanis.
Namni nuti akka gareetti [akka TPLF]tti filannee hin ergine mootummaa federaalaa keessa hojjachuu hin qabu kan jedhuudha," muudamni Obbo Getaachoo fa'aa akka isaan hin gammachiifne ibsa.
Muudama Pirof. Kindiyyaafi Obbo Getaachoo ilaalchisee naannoo Tigraay keessa miira akkamiitu jira? Namoonni maal jedhu? jennee gaafannee yaadi wal-makaan akka jiru hima.
"Namoonni garaa garaa yaada garaa garaa qabu. Yaada wal-makaatu jira. Gareen Dabrsatsiyoon duraanuu Badhaadhina turan jedhu. Namoonni kaan ammoo ilaalcha dhuunfaa isanii irraa ka'uun Obbo Getaachoon osoo mootummaa federaalaa seenuu baatee kan jedhan jiru.
Kaan immoo siyaasa gara fuulduraaf bakka itti dhiibbaa geessisuu danda'u argate kan jedhanis jiru.
'Getaachoon aangoo federaalaa fayyadamuun garee TPLF mataasaa jabeeffachuu danda'a'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Getaachoo Raddaa pirezidaanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'anii waggoota lamaan darbaniif yeroo hojjataa turanitti, hogganoota TPLF wajjin ataakaaroo keessa galuun hojiin heddu jalaa danqamaa akka ture yeroo garaa garaatti dubbataa turan.
Inumaayyuu yaaliin ajjeechaa si'a lama akka irratti gaggeeffameefi osoo hin milkaa'in hafuus ibsanii ture.
Torbee darbe ammoo MM Abiy Ahmad gorsaa ofii gochuun muudun isaanii sochii siyaasaa naannoo Tigraayis ta'ee Itoophiyaatti taasisan keessatti carraa guddaa akka uumuf kaasa Daani'eel.
Inumaayyuu garee TPLF kan ofiisaaniii jabeessuf carraa gaarii ta'uufii maluu akka dabda'u hima.
"Yeroo ittaanutti garee TPLF kan ofiisaa jabeessee itti fufuu yoo barbaade leeccalloo mootummaatti dhimma bahuu danda'a. Fayyamuunsaas waan hin oolledha," jedha.
Gama biraan ammoo Obbo Getaachoon fa'aa aangoo federaalaa argachuunsaanii dhimma Tigraayis ta'ee dhimmoota biroo hordofuufis ta'ee irratti hojjachuuf carraa guddaa akka uumuf hima.
"Namoota walitti qabuuf, dhimmoota garaa garaa hordofuuf, waa'ee Tigraay ilaalchisee wantoota mariyataman, waa'ee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaafi dhimmoota qaxanaa naannichaa irratti kallattiin odeeffannoo argata.
Garee TPLF kan ofii gaggeessu itti fufsiisuu hin barbaadu yoo jedhe ammoo, UN galuu yoo barbaade, xinxaalaa ta'ee hojjachuu yoo fedhe [bakki amma itti muudame] carra guddaa uumaf," jedha.












