Humni waraana Itoophiyaa biyyoota ollaa waliin sadarkaa maal irratti argama?

Miseensoota raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, PM OFFICE/FB

Dhaabbanni 'Global Firepower Index' jedhamu dandeettii waraanaa biyyoota addunyaa madaaluudhaan waggaa waggaan sadarkaa waraana biyyootaatiif gulantaa kan baasu madda odeeffannoo waraanaa beekamaadha.

Sadarkaa kanas kan baasuu biyyoota cicimoo ta'anii kaasuun hanga biyyoota dandeettii waraanaa gadaanaa qabaniitti maddeen amanamoo irraa erga odeeffannoo waliitti qabeen boodha.

Biyyoonni taree gabatee kana keessatti argamanis dandeettiin waraana isaanii kan madaalamu baayyiinaa fi meeshaa waraanaa humni waraanaa isaanii hidhatan qofaan miti.

Tarree madaalii 'Powerindex-Score' jedhuuf qabxilee 50 fayyadamuun gulantaa kana baasa. Isaan keessaayis baayyina ummataa, baayyina raayyaa ittiisaa, baayyinaafi gosha meeshaalee waraanaa, qabeenyaa umamaa, dandeettii maallaqaa, teessumma lafaafi kaan ilaala.

Biyyoonni diinagdeen cimaniifi addunyaarratti humna waraanaa cimaa qaban kan akka Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Hindii fi Kooriyaa Kibbaa sadarkaalee tokkooffaadhaa hanga shanaffaa irratti argamu.

Afriikaatti yoo deebiinu ammoo Masriin, Alijeeriyaa Afriikaa Kibbaa Naayijeeriyaafi Itoophiyaan biyyoota dandeetii waraanaa cimaa qaban jedhamuun galmaa'aniiru.

Biyyoonni kunneenis baayyina ummtaa fi diinagdeenis ardittii keessaa kan sadarkaa olaanaa irratti argamaniidha.

Gaanfa Afriikaa kan walitti bu'iinsiifi muddamni keessaa hin dhabamne keessatti kan argamtu Itoophiyaan biyyoota Afriikaa dursarratti argaman shan keessaatti kan argamtu yoo ta'u, qabeenyaa fi siyaasaanis qaxanicha keessatti biyya dhiibbaa olaanaa kan qabduudha.

Ofii dandeettiin waraana Itoophiyaa biyyoota ollaa kan akka Ertiraa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Somaaliyaa fi Jibuutiin wal birratti yoo qabamte maal irratti argamtii?

Ertiraa 26/120

Karaa kaabaatiin Itoophiyaa kan daangeessituu Ertiraan gabaasa madaallii Gilobaal Faayar Paawor bara kanaatiin dandeettii waraanaatiin biyyoota addunnyaa 145 keessaa sadarkaa 120ffaa yoo taatu, sadarkaa Afriikaatti ammoo sadarkaa 26ffaarratti argamti.

Ummata miiliyoona 6.3 ol kan qabdu Ertiraan, loltoota idliee kuma 120 ol fi humna eeggattaa kuma 130 qabdi.

Biyyattiin waggaan waraana isheetiif doolaara miiliyoona 198 ramaddi. Ertiraan human lafoo, qilleensaa fi galaanaa qabdi.

ERITREA

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan 9/73

Biyyi Itoophiyaa waliin karaa kaaba lixaatiin wal daangeessituu Sudaan yeroo ammaa kanan wal waraansa waggaa lamaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, haala sadarkaa kanaatti dandeettiin waraana ishee addunyaarratti sadarkaa 73ffaa, Afriikaa keessaa ammoo sadarkaa 9ffaa irratti argamti.

Sudaan kan amma waraana keessatti argamtu ummataa gara miiliyoona 50 kan qabdu yoo ta'u, kanneen keessaayis biyyattiin waraanaa idlee kuma 92 fi huma eeggataa kuma 85 akkasumas milishoota kuma 17 qabdi.

Humna alfoo, qilleensaa fi galaanaa kan qabdu Sudaan waggaadhaan waraana isheetiif bajata dooraala miiliyoona 342 akka ramaddu barameera.

SUDAN

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan Kibbaa 22/113

Erga Sudaan irraa walabummaa argattee kan gara waggaa 15 ta'uf jirtu biyyi Afriikaatti haaraa taa'ee Sudaan Kibbaa rakkoo siyaasaa fi waraanaa tasgabbaa'aa fi cimaa adeemuun keessatti argamti. Biyyi tunis Itoophiyaa karaa Kibba Lixaatiin daangeessiti.

Sudaan Kibbaa haala sadarkaa Giloobaal Faayiar Paawor kanaatti akka addunyaatti biyyoota 145 keessaa sadarkaa 113ffaa irratti kan argamtu yoo taatuu, Afriikaa keessaa ammoo sadarkaa 22ffaa irratti argamti.

Baayyinni ummata ishee miiliyoona 12.7 kan ta'e biyyi Sudaan Kibbaa waraanaa idilee kuma 185 kan qabdu yoo ta'u waggaattis bajata doolaara miiliyoona 175 akka ramaddu ibsame.

Biyyattiinis humna lafoo, qilleensaa fi galaanaa qabdi.

SOUTH SUDAN

Madda suuraa, Reuters

Keeniyaa: 11ffaa/83ffaa

Kallattii kibbaan Itoophiyaa kan daangessitu biyyi Afrikaa keessaa diinagdee fooyya'aa qabdu Keeniyaan biyyoota ollaashee waliin nagaa qabdi.

Biyya keessaas humna hidhatee socho'uun mootummaa lolu hin qabdu.

Sodaan Keeniyaa inni guddaan hidhattoota biyya ollaa, Somaaliyaa, keessa socho'anii fi maqaa amantii Islaamaan socho'an al-Shabaab.

Sababa kanaaf loltoota ishee baayyinaan kan bobbaastu daangaa Somaaliyaarratti.

Uummata miiliyoona 58 kan qabdu Keeniyaan loltoota idilee kuma 50 fi milishoota kuma 25 qabdi.

Kanaanis sadarkaa Global Firepower Index baaseen biyyoota Afrikaa keessaa 11ffaa, addunuaarratti ammoo 83ffaarratti argamti.

Waraana lafoo, humna qilleensaa fi humna galaanarraa kan qabdu Keeniyaan waggaatti doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 fi miiliyoona 307 kan caalu ramaddi.

KENYA

Madda suuraa, AFP

Somaaliyaa: 36ffaa/142ffaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota kurna sadiif mootummaa qindaa'aa dhabuun akkasumas waldhibdee aanga'oota waraanaa gidduutti uumamuun burjaajii keessa kan turte Somaaliyaan ammallee mootummaa cimaa fi tasgabbaa'e hin qabdu.

Hidhattoonni al-Shabaab biyyattii keessatti hundee gadi jabeeffatan mootummaa irree cimaa hin qabnee fi nageenya uummata biyyattii qoruu itti fufaniiru.

Deeggarsa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin humnoonni nagaa eegsisan Itoophiyaa, Jibuutii fi Keeniyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa walitti dhufan nageenya mootummaa Somaaliyaa eegsisaa turaniiru.

Yeroo ammaa garuu biyyattiin humna waraanaa mataashee jabeeffachuuf tattaaffii gochaa jirti.

Biyyoota sadarkaa Global Firepower Index baase keessatti hammataman 145 keessaa Somaaliyaan biyyoota sadi qofa caaluu dandeesse.

Ulaagaa Kanaan humni waraanaa Somaaliyaa addunyaarraa 142ffaa, Afrikaarraa ammoo 36ffaarratti argama.

Somaaliyaan humna waraanaashee warana waliiniin dadhabe dandamachiisuuf waggaatti doolaara Ameerikaa miiliyoona 171 kan caalu ramaddi.

Kanaanis humna lafoo, kan qilleensaa fi humna galaanarraa cimaa ta'e ijaarrachuuf yaalaa jirti.

Uummata miiliyoona 15 kan qabdu Somaaliyaan yeroo ammaa loltoota idilee kuma 15 qofa qabdi.

SOMALIA

Madda suuraa, Getty Images

Jibuutii -/-

Biyyi xiqqoon olla Itoophiyaa taatee fi addunyaarratti biyya Gaanfa Afrikaa akkaan murteessituu taate Jibuutiin sadarkaa humna waraanaa dhaabbati Global Firepower Index baase keessatti hin hammatamne.

Jibuutiin ulaa galaanaa daran murteessaa ta'e, kan saamtonni galaanarraa Galoo Galaana Eden ittiin seenan fi daldalaaf baayyee mijataa kan qabdu yoo ta'u biyyoonni addunyaa jajjaboon hedduun buufata humna waraanaa biyyattii keessaa qabu.

Uummata miiliyoona 1.5 hin caalle kan qabdu Jibuutiin xiqqaatus humna lafoo fi galaanaa ni qabdi.

Jibuutiin madaallii sadarkaa humna waraanaa keessa galuu baattus, bal'ina lafa ishee fi baayyina uummatasheen yoo ilaalamu biyyoota Gaanfa Afrikaa kaan caalaa humna akka qabdu tilmaamama.

Itoophiyaa: 5ffaa/52ffaa

Afrikaa keessaa baayyina uummataan lammaffaarratti kan argamtu Itoophiyaan, yeroo ammaa uummata miiliyoona 118 akka qabdu Global Firepower Index ibseera.

Itoophiyaan biyyoota ishee marsanii jiran keessaa diinagdeedhaanis biyya guddoodha.

Sodaa keessaa fi alaa kan qabdu Itoophiyaan loltoota lafoo, humna qilleensaa fi humna galaanaa qabdi.

Humna waraanaatiin addunyaarraa sadarkaa 52ffaarratti argamti, Afrikaa keessaa ammo 5ffaarra jirti.

Loltoota idilee 160 kan qabdu Itoophiyaan humna waraanaaf doolaara biiliyoona 2.97 ramaddi.

Kanaanis biyyoota ishee marsanii jiran keessaa sadarkaa jalqabaarra jirti.