Jen. Taddasaan rakkoo wal-xaxaa isa eeggatu furuuf 'maajikii' hojjachuutu isa gaafata- Getaachoo Raddaa

Madda suuraa, pm office/fb
Obbo Getaachoo Raddaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun kan filaman Jeneraal Taaddasaa Warrada rakkoo naannichaafi paartii TPLF keessa jiru furuuf qormaanni guddaan akka isaan eeggatu himan.
Waliigaltee Piritooriyaa booda naannicha gaggeessaa kan turan Obbo Getaachoo Raddaa torban kana yeroo aangoosaanii fixuun Jeneraal Taaddasaan muudamaniiru.
Obbo Getaachoon turtii BBC waliin taasisaniin rakkoolee wal-xaxoo naannoo Tigraayifi dhaaba TPLF gidduu jiru, qormaatawwan isaan mudataniifi rakkoolee jajjaboo Jeneraal Taaddasaa eeggatu tarreessaniiru.
Turtii gaggeessuummaa waggaa lamaa keessatti waanti hin milkeessineefi itti gaabban yoo jiraate kan gaafataman Obbo Getaachoon, keessumaa namoota sababa waraana gaggeeffameen buqqa'an deebisuu dadhabuusaanitti akka gaabban himan.
"Akka carraa ta'ee naannoo Tigraayitti aangoodhaaf jecha wal-danquun waan jiruuf kana akka galmaan hin geenye danqaa ta'era," jechuun qaama siyaasa Tigraay rakkoo naannichi keessa galeef sababa ta'ee ta'uusaanitti gaabbuusaanii himan.
Wal-qoodinsiifi wal-dura dhaabbannaan qonaalota TPFL gidduutti uumame hojiisaanitti danqaa ta'ee akka ture Obbo Getaachon waggoota lamaan darban irra deddeebin ibsaa turan.
Obbo Getaachoon aangoo gadi lakkisuuf sababni ijoon maalidha jedhamanii gaafatamanii qondaalonni siyaasaafi waraanaa naannichaa dhiibbaa gochuu bira darbee shira xaxaa turuu himan.
"Gaggeessitoonni siyaasaa bulchiinsa kiyya danquuf waan danda'an hunda gochaa turan. Gaggeessitoonni waraanas hanga tokko qaama kanaati," yeroon bulchiinsa yeroo waggaa lamaaf ture dhumuunis sababa biraa akka ta'e kaasan.
"Aangorraa ka'uu kiyyaaf sababa hedduutu jira, garuu sababni ijoon rakkoo dheebuu aangoo keessoo paartiichaa [TPLF) jiruudha," jedhan.

Madda suuraa, FBC&AFP
'Kufaatii mudateef irra caala Jeneraal Taaddasaatu itti gaafatamaa ta'a'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jeneraal Taaddasaan pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa ta'anii muudamuun naannichaaf hiika maalii qaba? jedhamanii kan gaafatamana Obbo Getaachoon, Jeneraal Taaddasaan qaama rakkoo naannicha mudateefi inumaayyuu itti gaafatamummaa guddaan akka irra jiru himan.
"Waa'ee kanaarratti baay'ee dubbachuu hin barbaadu. Akka nama wantoota bulchiinsa kiyya keessatti raawwataman hedduuf itti gaafatamaa ta'eetti, bakkan ani itti dhaaberraa ka'ee akka itti fufun irraa eega.
Wantoota heddurratti kufaatii mudataniif eenyu caalaa itti gaafamaan isa," jechuun Jeneraal Taaddasaatti quba qaban.
Gama biraan ammoo rakkoolee wal-xaxoo naannichaa Jeneraal Taaddasaanuu akka harka keessaa qaban akeekan furuuf waan addaa ykn 'maajikii' hojjachuu akka gafaatus dubbatan Obbo Getaachoon.
"Rakkoo paartichaa furuuf ulee 'maajikii' hojjatan qabatee dhufuu qaba," jechuun dheebuun TPLF aangoof qabu qormaata guddaa akka itti ta'u himan.
"Qormaatawwan isa mudatan keessaa tokko dheebuu aangoo dhuma hin qabneefi fedhii aangoo to'achuuf TPLF qabuudha. Kana furuuf dandeettiifi gahuumsa qabaachuuf dhiisuusaa waan teenyee ilaallu ta'a," jedhan Obbo Getaachoon.
Jeneraal Taaddasaan bulchiinsa Obbo Getaachoo jalatti ittaanaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun tajaajilaa turan.
Rakkooleefi kufaatii bulchiinsi yeroo duraanii furuun amma gahee Jeneraal Taaddasaa ta'uu himu bulchaan duraanii kun.
Jeneraal Taaddasaan qaama rakkooleefi kufaatii naannoo Tigraay mudate erga ta'anii maalif aangoo gaggeessumaa akka isaanitti kennamu gootan? jedhamanii yoo gaafataman, sana murteessuuf aangoosaa akka hin qabne himan Obbo Gataachoon.
"Sana murteessuun kan koo miti. Yeroo muummicha miinsteeraa waliin mariyannu, namoota kaan aangicha qabachuuf wal-caccabsan caalaa nama bakkichaaf malu godhee of dhiyeesse.
Kanaaf aangoo murteessuu kan qabu muummicha ministeerati. Kanaaf ani kanin jechuu danda'u, Taaddasaan rakkoolee nageenyaa, diinagdeefi siyaasaa naannicha mudaanii jiran akka furu, namoota buqqa'an qe'eesaanitti akka deebisuufi daangaan naannoo Tigraay heeran beekamu akka kabajamu akka godhuudha," jechuun waan Jeneraal Taaddasaan gochuu qaban tarreessu.
Obbo Getaachoo Raddaa yeroon aangoosaanii erga dhumee, kana booda siyaasaa keessaa bahuu danda'u kan jedhan jiru.
Obbo Getaachon turtii BBC waliin taasisaniin siyaasa akkuma salphaatti keessaa bahuu akka hin barnaanne ibsan.
"Gulantaa kamirrattuu haa ta'uu, siyaasa Tigraay keessatti inuman hirmaadha. Jireenya uummata Tigraayif waan gaarii fiduuf gumaachuu ittan fufa.












