Letenaal Janaraal Taaddasaa Warradaa pirezidantiin Tigraay ammaa eenyu?

Janaraal Taaddasa Warradaa eenyuudha

Waraana mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf lubbuu gaaga'aa ture kan hoogganan Letenaal Jenaraal Taaddasaa Warradaa qabsoo hidhannoo TPLF waggaa 17 keessatti loltuu gad-aanaadhaa hanga gulantaa ajajaa waraanaatti nama gahaniidha.

Magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti kan dhalatan Jenaraalichi mana barumsaa Emperar Yohannes jedamutti baratan.

Bara 1968 gara dirree waraanaatti kan galan Letenaal Jenaraal Taaddasaan, bara 1969 hanga bara 1972'tti waraana TPLF keessatti bakka hoggansa adda addaa irratti hojjataniiru.

Dhuma bara 1972 hanga 1974 tti ajajaa Koorii ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u, hogganaa kutaa 73ffaa ta'uun lola adda addaas hogganaa turan.

Wayita TPLF mootummaa Dergii lolaa turtetti ajajaa Birgeedii 43ffaa ta'uun Eertiraa keessatti duula 'Red Star' jedhamu irratti hirmaatera.

Eertiraa irraa erga deebi'ee boodas waraana Adi Gozomo irratti kana hirmaatan yoo ta'u, boodarra ammoo lola TPLF fi mootummaa Dergii gidduutti lolame keessaa isa murteessaa kan ta'e 'Waraana Shiree' irratti ajajaa Izii ta'uun tajaajilaniiru.

Waraanni kun wayita giddu galeessa Itoophiyaatti dhiyaatu, bara 1979 irraa eegalee ajajaa 'Wing One' ykn kallattii tokkon lolaa gara Finfinnee seenan.

Erga Dergiin Caamsaa 1983 aangoorraa kaafamee booda Letenaant Jenaraal Taaddasaan Ajajaa Kibba-Lixaa ta'uun muudaman, achiis bara 1987tti Hogganaa Giddugala Leenjii Waraanaa Awaash Arbaa ta'uun muudaman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo Waraana Itiyoo-Ertiraa Ajajaa Koorii Adda Buree irratti hirmaachuun dhumarratti Ajajaa Olaanaa Addaa ta'an.

Waggoota sagaliif Daarektara Olaanaa Daayirektoreetii Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, dhuma bara 2003 hanga jalqaba bara 2004tti ajajaa 'humna ajaja addaa' fi Sudaan Kibbaatti hogganaa olaanaa ergama nagaa eegsisuu ta'uun tajaajilaa turan.

Janaraal Taaddasaan waraana idilee keessatti sadarkaa koloneelaatiin kan jalqaban yoo ta'u, bara 1991gara Birgaadeer Jeneraalaatti ol guddataniiru. Boodaras sadarkaa leetenaantii jeneraalummaatiin soorama bahan.

Ministirri muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii booda, yeroo naannoon Tigraay fi mootummaan federaalaa waldhabdee keessa turanitti 'Humna Addaa Tigraay' gurmeessuuf hogganaa naannoo Tigraay kan turan Dr. Debretsiyoonin akka filataman himama.

Sana booda waraana Tigraay waggaa lamaaf dhiiga dhangalaase kana ajajaa olaanaa ta'uun humna Tigraay hogganaa kan turan.

Waraanni Tigraay waggoota lamaaf ture booda waliigaltee Afriikaa Kibbaa Piritooriyaatti taasifamu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaa waliin Naayiroobiitti waliigaltee raawwii mallatteessaniiru.

Waraanni Tigraay waggoota lamaaf ture waliigaltee Afriikaa Kibbaa Piritooriyaatti ga'ameen erga xumuramee booda, hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaa waliin Naayiroobii keessatti waliigaltee raawwii mallatteessan.

Itti aansuunis Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay yeroo hundeeffamu sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitiin hogganaa Biiroo Nageenyaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'uun hojjataa turan.

Jeneraal Taaddasaa Warradaa

Madda suuraa, FBC

Janaraal Taaddasaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'un mudamusaanii

Janaraal Taaddasaa Warradaa pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'udhaan mudamuusaanii Ministirri Mummee Abiy toora miidiyaa hawaasaa isaaniirratti beeksiisan.

Ministirri Mummee Abiy karaa fuula Facebook isaaniirratti akka beeksiisaniitti, Janaraal Taaddasa Warradaa kan waggoottan lamaan darbaniif ittaanaa pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'un tajaajilaa turan bakka Obbo Geetaachoo Raddaa bu'uudhaan aangoo fudhachuu beeksiisan.

''Gara baatii darbe tokkoof heera mootummaa, waliigaltee Piritooriyaa fi hawaasa dippilomaatii dabaluudhaan mariiwwan taasisaa turre. Wayita aangoon Obbo Geetaachoo bu'uura seeraatiin xumuramu qaamni hojiiwwan ijoo hafan raawwachiisu, mootummaan yeroo itti fufuu qaba murtee jedhuurra erga gahameen booda ce'umsa kana eenyuutuu hoogganuun galmaan gahuu danda'a? jechuun mariiwwan taasisaa turree'' jedhan MM Abiy barreeffama qoodan kanaan.

Itti dabalunis ''har'a ifaafi karaa nagaatiin aadaa haaraatiin aangoo dabarsuu fi wal harkaa fudhuu gaggeessuuf sagantaa qophaa'e raawwammeerra'' jechuun wal harkaa fudhiinsi aangoo taasifamuu beeksiisan.

Obbo Geetaachoo Raddaa waliigaltee Piritooriyaa waraanaa naannichatti waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabe hordofuun ture kan pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay taasifamuun waggaa lamaan darbaniif hojjataa turan.

MM Abiy haaluma walfakkaatuun kaleessa Ebla 7, 2025 barreeffama afaan Tigriffaatiin fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin aangoon Obbo Geetaachoo xumuramuu beeksiisan.

Obbo Getaachoo Raddaa akkuma mudamaniin torbaniin booda miseensoota kaabinee bulchiinsa yeroo kan miseensoota 27 hammatu beeksiisanii ture.

Isaan keessaayis waraanaa naannichi mootummaa federaalaa waliin waggoota lamaaf gaggeesse keessatti kan humnoota Tigraay dursaa kan turan Leetinaant Janaraala Taaddara Warradaa fi Itaamaajur shuumii raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa duraanii Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaay gulantaa ittaanaa pirezidantiin mudamanii ture.

Haata'u malee qoodiinsa gareewwan TPLF jidduuttuu umameen walqabatee bulchiinsi Obbo Geetaachoo waggoottan lamaan darban keessatti wantoota raawwaachuu qaban gurguddoo osoo hin raawwataniin danqame turu irra dedebiin himataa turan.

Gareen TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamus naannicha keessatti waajiraalee aanaalee fi bulchiinsoota magaalaa humnaan to'achu hordofee Obbo Geetaachoon gara Finfinneetti baqachuunsaanii gabaafame ture.

MM Abiy pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Obbo Geetaachoo bakka bu'ee muudamuuf ummanni naannoo Tigraay karaa imeeliitiin kaadhimamaa akka eeru gaafatanii turan.

Kana hordofuun MM Abiy har'a Janaraal Taaddasaa Warradaa pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa gochuun muuduusaanii beeksiisan.

''Janaraal Taaddasaan waggaa lamaan darbaniif ittaanaa pirezidantii ta'udhaan Obbo Geetaachoo waliin tajaajilaa turan. Nama dadhabbiifi ciminoota waggoota lamaan darban keessa ture ifatti hubataniidha'' jedhan MM Abiy.

Itti dabaluudhaanis, Janaraal Taaddasaan, ''Qaawwa ammatti Tigraay keessa jiru guutuudhaan gara fuulduraatti adeemsiisuu danda'u jedhamuun qaamoolee hedduun kan itti amanameedha'' jedhan.

Ummanni Tigraay carraa ''rakkoo nageenyaafi misoomaa mudate, danqaa akka obbolootasaa kaaniitti bahee nagaan galuu, seenaa Itoophiyaafi Afriikaaf fayyadan hojjatanii darbuu itti kenneetti akka fayyadaman abdiin qaba'' jechuun MM Abiy ibsaniiru.