MM Abiy pirezidantii Bulchiinsa Yeroo muudaniif ummanni Tigraay kaadhimamaa akka eeru gaafatan

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad turtiin aangoo bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay waggaa lamaaf turu xumuraamaa waan jiruuf, hamma haalli filannoo gaggeessuuf hayyamu jiraatutti turtii bulchiinsi yeroo waggaa tokkoon akka itti fufu labsiin jijjiiramaa jiraachuu beeksisan.

Yeroo waggaa tokkoo dhufu keessatti pireezidnatii bulchiinsa yeroo nananichaa nama ta'u ammoo uummanni naannichaa karaa email akka eeruu kennu waamicha godhaniiru.

MM Abiy ibsa Afaan Tigriffaan fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa kaahaniin ''mootummaan Federaalaa haala qabatamaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan pirezidantii bulchan yeroo haaraa muuduun barbaachisaa ta'eera'' jedhan.

Waliigaltee Piriitooriyaatiin hojiilee ijoo bulchiinsi yeroo waggaa lama keessatti akka raawwatu eegamu keessaa tokko haala filannoo gaggeessuuf barbaachisu uumuu ture jedhan MM Abiy.

''Hojiin kun waan hin raawwanneef labsii jijjiiruun yeroon turtii bulchiinsa yeroo waggaa tokkoon akka dheeratu gochuun barbaachiseera'' jedhan.

Mootummaan Federaalaa dhimma naannoo Tigraay keessa seenuun murtee akkasii dabarsuuf heera biyyaa keewwata 62/9, akkasumas labsii lakkoofsa 359/1995 bu'uura godhachuu ibsaniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mirga mootummaa Federaalaatiif kennameefi qajeelfama Mana Maree Ministirootaa lakkoofsa 533/2015 ilaaluun mootummana Federaalaa dhimma naannicha akeessa seenuuf serawaa ta'uu Muummichi Ministira kun ibsaniiru.

Ministirri Muumme Abiy ibsa isaanii keessatti ittiin bulmaata bulchiinsa yeroo naannichaa lakkoofsa 533/2015 keewwata 3/2 jalatti gaafatama pirezidantii muuduu qabaachuu waabeeffataniiru.

Ammoo uummatni naannichaa kaadhimamaa hojiilee bulchiinsa yeroo naannichaa si'oominaan raawwata jettaniiamantan, nagaafi tasgabbii naannichaas mirkaneessa jettan karaa teessoo eemeelii waajira Ministira Muummee har'aa jalqabee erguu dandeessu'' jedhan.

Ibsi isaanii kun kan bahe erga waliigaltee Piriitooriyatii aanga'oota TPLF gidduu dhibdeen dhalate bala'achaa deemuun gartuun Obbo Getachew Redaafi Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) wal ari'achaa wayita jiranittidha.

Torban lama duras Pirezidantiin Bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Getaachoon haala naannicha keessa jiru ilaalchisee ''MM Abiy ibsa na gafatan'' jechuun gara Finfinnee mariif dhufaniiru.

Qaama waraanaa naannichaa hedduu kan harkaa qaban Dabratsiyoon Finfinneetti imalanii mariyataniiru. Itti bahi marii sanii garuu maal akka ture hin ibsamne.