Pogbaan qoricha si'eessu fudhachuun shakkamee yeroof kubbaarraa dhorkame

Madda suuraa, Getty Images
Utubaan Juveentus Pool Pogbaan qoricha nama si’eessu fudhatuun shakkamee yeroof kubbaa miilaarraa dhorkameera.
Dhaddachi farra qoricha si’eessu Xaaliyaan Hagayya darbe Juveentus Yudinizee 3fi 0’n yeroo injifate Pogbaan qoricha hormoonii ‘testestiroonii’ guddisu fudhatuu hime.
Taphataan Faransaay ganna 30 tapha kana irratti hin taphanne. Tapha booda kanneen filatamanii qorataman keessaa garuu tokkodha.
Pogbaan qoricha si’eessu liqimsuun isaa yoo mirkanaa’e waggoota lamaa hanga afurii kubbaa miilaarraa dhorkamuu mala.
Juveentus ibsa baasen taphataan kuni yeroof dhorkamuu ibse. Dhimmi itti aanu maal akka ta’uu danda’u ni mari’atama jedhe.
Jaarmayaan addunyaa Dhaabbilee Farra Qoricha Si'eessu Biyyaalessaa (NADO) Pogbaan seera farra qoricha si’eessu kan cabse qoricha hormonii ‘testestiroonii’ guddisu fudhatuu isaatiini jedhe.
Testestirooniin hormoonii ga’umsa atileetotaa cimsuudha.
Pogbaan guyyoota sadii keessatti ragaa qorannoo dhaddacha Xaaliyaanii dhimma akkanaa ilaalu kuffisu dhiheessuu qaba.
Pogbaan Yunaayitid waliin waliigaltee qabu erga xumuree booda gara kilaba isaa duraa Yuventuusitti waggaa dura deebi’e.
Haa ta’u malee, erga Xaaliyaanitti deebi’ee booda irra-deddeebiin miidhaan waan isa quunnamuuf taphoota muraasa qofarratti hiriiree taphate.
Irra deddeebiin miidhaa kan isa quunnamu Pogbaan dhihoo dugda isa dhukkubee taphataa akka hin jirre leenjisaan Yuveentuus Maasimoo Aleegrii ibsaniiru.
Waancaa Addunyaa Kataar taasifameerratti miidhama isa quunnameen biyya isaa Faransaayiif taphatuus hin dandeenye.












