Tiraamp fi Kilintan nama yakkamaa quunamtii saalaa ta'e waliin turuu suuraaleen mul'isan

Madda suuraa, House Oversight Committee
Dimokiraatonni miseensota kongiresii ta'an suuraalee jireenya nama gocha saalquunnamtii oladeemtota irratti raawwachuun yakkamaa ta'e Jeefirii Epistiin akkasumas michummaa dureeyyii fi namoota bebbeekamoo waliin qabu agarsiisan marsaa lamaan mul'isaniiru.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, ilmi mootii duraanii UK Andiriiwu Waawuntibaatin Wiinzar fi gorsaan duraanii Tiraamp Istiiv Baanan namoota bebbeekamoo suuraa irratti mul'atan keessaati.
Suuraale kunneen keessaa garri caalaan kanaan dura kan mul'atan yoo ta'an, garuu suuraaleen kunneen qofti yakki raawwatamuu kan mul'isan miti.
Jimaata darbe manni murtii suuraaleen 100 ta'an akka dabarfamanii kennaman ajaja kan dabarse, suuraalee 95,000 walitti qabaman keessaa ta'uu dimokiraatonni miseensota koree to'annoo mana marechaa ta'an ibsaniiru.
Ragaaleen Jeefirii Epistiin waliin walqabatan akka dhihaataniif yeroon seeraan kaa'ame torban tokkotti galeera.
Suuraalee namoota bebbeekamoo Epistiin waliin turan kan Dimokiraatonni jalqaba gadhiisan irratti namoonni mul'atan as ba'anii homaa hin dubbanne.
Namoonni suuraa irratti mul'atn kanaan dura dogoggorri raawwatan akka hin turre himuun ala waan bal'aa hin ibsine.
Suuraalee Jimaata gadhiifaman keessaa sadi kan Pirezidant Tiraamp mul'isanidha.
Suuraa tokkorratti Tiraamp dubartii fuulli ishee haguugame tokko waliin mul'ata.
Suuraan bara 1997 sagantaa Viktooriyaa Sekreet jedhamu kan Niwu Yoorkitti qophaa'erratti kaafame tokko ammoo Tiraamp cinaa Epistiin dhaabatee moodeelii Ingiriid Seeyinheev wayita dubbisu agarsiisa.
Suuraan kun duraanis ba'ee ture.

Madda suuraa, House Oversight Committee

Madda suuraa, House Oversight Committee
Suuraa sadaffaan kan Tiraamp dubartoota ofitti naannessuun ka'eedha.Tiraamp seeqaa dubartootaan marfamee suuraa mul'atu kanarratti fuulli dubartootaa akka haguugamu ta'eera
Suuraan dabalataa tokko ammoo meeshaa danaa rog-arfee halluu diimaa qabuu fi saamsamee jiru kan suuraa Tiraamp of biraa qabu cinaa barreeffama ''kondomii Tiraamp'' jedhu qabatee kan jiruudha.
Suuraalee gadhiifaman irratti yaada kan kenne Waayit Haawus ''oduu dimokiraatonni uumanii odeessan kan yeroo garaagaraatti gadhiifamaa ba'edha,'' jechuun ibseera.
Nama gocha saalquunnamtiin yakkamaa ta'e waliin maqaansaadeddeebi'ee kan ka'u Tiraamp himannaan kun fudhatamummaa mootummaansaa uummata biratti argate danquun kallattii jijjiirsisuuf morkattoota isaan kan qindeeffame ta'uun kaasuun ofirraa falma.

Madda suuraa, House Oversight Committee
Suuraaleen dhuunfaa Epistiin suuraalee gadhiifaman keessatti heddumminaan argamu.
Suuraaleen wayita Epistiin mana qaama itti dhiqatan (kan ciisanii dhiqatan) keessa ciisu mul'isan as keessatti argamu.
Suuraaleen kaan ammoo meeshaalee saalquunnamtiif oolan mul'isu.
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Biil Kilintan fi biiliyeenarri Biil Geetis namoota bebbeekamoo suuraalee kunneen irratti argamaniidha.
Suuraa tokkorratti Kilintan dubartii Epistiiniif haala mijeesuun bara 2021 adabbiin itti murtaa'e Gizleen Maaksiweel waliin dhaabbatu.
Kilintan kanaan dura Epistiin waliin walqabatee yakki raawwatan tokkollee akka hin jirre kanaan dura dubbatanii turan.

Madda suuraa, House Oversight Committee
Hariiroon Epistiin namoota bebbeekamoo waliin qabu hanga yoonaa dhimma hundi irratti walii hin galle ta'ee jira.
Namni kun bara 2019 osoo mana hidhaa keessa jiruu lubbuusaa balleesseera. Taateen kun ammoo namoonni hedduun xiinxala kennuun shirri akka raawwatame akka akeekan taasiseera.















