Tiraamp ragaalee icciitii dhimma ajjeechaa Maartin Luuter Kiing qabatan ifa godhan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ragaalee baay'ee murteessoo tahan dhimma ajjeechaa Maartiin Luuter Kiing qabatan ifa godhan.
Ragaalee basaasa FBI'n argaman dabalatee Tiraamp ragaalee dhimma ajjeechaa falmaa mirga namoomaa Maartin Luuter Kiing qabatan hundaa ifa godhan.
Manni murtii bara 1977 waan dhorkeef ragaaleen ajjeechaa Maartin Luuter Kiing irratti walitti qabaman fuula 230,000 tahan uummata jalaa dhokatanii turaniiru.
Maatii Maartin Luuter Kiingi keessaa namni beekamaan tokko ragaalee kunneen ifoomuu mormeera.
Ijoollee Maartin Luuter Kiing lama ibsa baasaniin ''leegaasii abbaa isaanii xiqqeessuuf jecha ragaalee kanneen akka malee fayyadamuu'' ni balaaleffanna jedhan.
Maartin Luuetr Kiing tajaajila wangeelaan kan beekamu yoo tahu, Eebla 4, 1968 magaalaa Meemfisitti umurii isaa waggaa 39'n rasaasaan dhahamuun ajjeefame.
Namni Jeemsi Iirli jedhamu Maartin Luuter Kiing ajjeesuun yakkamaa jedhame. Booda garuu yakkicha haale.
Ijoolleen Maartin Luuter Kiing lameen, Maartin II fi Barniis jedhaman ragaaleen dhimma ajjeechaa abbaa isaanii qabate gadhiifamuun dura odeeffannicha dhagahaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Namoota ragaa kana gadhiisuuf jedhaniif kan dhaamnu ''maatii keenya ammayyuu gaddaa jiruu karaa hin miine, karaa gara laafummaa fi kabaja karaa qabuun akka gadhiisan gaafanna'' jedhan.
''Ragaaleen kunneen gadhiifamuun karaa seenaa guutuu isaa himuun ilaalamuu qabu.''
''Abbaan keenya yeroo lubbuun ture karaa FBI namni J Edgaar Huuver jedhamu basaasa, duula odeeffannoo sobaa fi dogogoraa akka malee isa miidhan irratti tamsaasaa ture.''
Joon Edgaar Huuver namni jedhamu kun daariktera FBI tahuun hojjechaa ture.
Ibsi isaanii kun qaamni basaasa mootummaa Maartin Luuter Kiingiin ''mirga fi kabajaa lammiilee argachuu qabu dhorkeera'' jedha.
Maatiin Luuter murtii manni murtii bara 1999 ajjeechaan dogogoraa isa irratti rawwate nama jibba sanyummaan guutameen qofa osoo hin taane duula shira guddaa irraa kan ka'e jedhus eeraniiru.
Amajji darbe, Tiraampi ragaalee dhimma ajjeechaa Maartin Luuter Kiingii fi pirezidaanti Joon F Keneedii uummataaf akka ifa godhan dubbatanii ture.
Waajjirri Daariktera Tika Biyyaalessaa [DNI] ibsa Wiixata miidiyaaleef kenneen, ''ragaaleen ajjeechaa Maartin Luuter Kiing qabatan waggoota kurnaniif buufataalee mootummaa federaalaa keessatti awwaaraan guutamanii taa'aa turan'' jedhe.
Ragaaleen kunneen ''Yaadannoo FBI Keessoo'' fi ragaalee CIA kana dura takkaa argamanii hin beekne'' Maartin Luuter Kiingi ajjeesuuf adamsaa turan argaman qabateera.
Ragaalee kanneen FBI, Dippaartimantii Haqaa fi Kuusaa Biyyaalessaa akkasuams CIA waliin tahuun gadhiisuuf waliigalan.
''Uummanni Ameerikaa ajjeechaa gaggeessitoota jajjaboo biyya keenyaa irratti raawwate kanaaf deebii gahaa argachuu qabu'' jedhan Abukaatoo Waliigalaa Pamelaa Boondii.

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan kun gadhiifamuutti kan gadde maatii Maartin Luuter Kiing hunda miti.
Alvedaa Kiing, eessumakoooti jechuun Maartin Luuetr Kiingiin kan ibse, ''Pirezidaanti Tiraampii fi DNI Gabaard ragaalee kanneen ifoomsuuf nan galateeffadha'' jedhe.
Du'a isaa akkuma gaddinetti tahee, ragaaleen kunneen gadhiifamuun ammoo dhugaa uummanni Ameerikaa baruu barbaadu ifoomsuu keessatti adeemsa guddaadha'' jedhe.
Warri Tiraampiin qeeqan ammoo ragaaleen kunneen akka gadhiifamaniif Tiraampi kan murteesse erga qeeqxonni isaa ragaaleen nama yakka miidhaa saalaa geessisuun himatamaa turee mana hidhaatti du'e Jefiri Epistiin akka gadhiifamu gaafatameeti jedhu.
Namni Maartin Luuter Kiingiin ajjeesuun himatame Jeemsi, Eerli Reey jedhamu to'atamuu isaan dura gara Kanaadaa, UK, fi Poorchugaal imaluun baankota saameera.
Erga to'atamee bakkuma Maartin Luuter ajjeese meemfisitti geeffamuun bara 1969 yakkamaa jedhamuun hidhaa waggaa 99 itti murtaa'e.
Ergasii garuu warra shira xaxee akka yakka kana hojjedhu godhantu ana duuba jira jechuun akka adabbiin isaa xiqqaatu gaafatus manni murtii hin fudhanne.
Namni kun bara 1998 mana hidhaa keessatti umurii isaa waggaa 70'n du'e.












