Maartin Luuter Kiing eenyu, ammoo maaliif hanga ammaa maqaan isaa ka'a?

Adoolessa 28 bara 1963 Maartin Luuter Kiingi Waashingitan DCtti namoota walitti qabamaniif ergaa dubarasaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Adoolessa 28 bara 1963 Maartin Luuter Kiingi Waashingitan DCtti namoota walitti qabamaniif ergaa dubarasaa ture

Dhaadannoon Maartiin Luutar Kiing, haasaan inni ''abjuun qaba'' jechuun Ameerikaa keessatti namni sanyii kamiituu haala wal qixa ta'een akka ilaalamuuf waamichi inni taasisee, dubbii jabduu hanga ammaatti nama jajjabeessu, dhiibbaa uumeefi kan jaarraa kana keessatti illeen onnechiisu tahee itti fufeera.

Yaadniwwan inni kaasee kunneen garuu har'allee kan adeemsa hojiirrarra jiraniidha. Dhorkaawwan filannoo haaraa, gurraachotaa fi harka qalleeyyii addatti miidhuun, mallattoowwan ammalleen dubbiin Maartiin Luutar akka guutummaatti hojiirra hin oolle agarsiisaniidha jechuun gabaasaan BBC World Service Paabloo Uchoo hime.

Maartiin Luutar Kiing Jn eenyu?

Hagayya 28 bara 1963, namoonni 250,000 tahan dubbii nama tokkoo dhagahuuf jecha bakka yaadannoo Abirahaam Liinkan [Lincoln Memorial] jedhamu Waashingitan DC'tti walitti qabaman.

Maqaan isaa Dr Maartiin Luutar Kiing Jr jedhama. eDubbiin inni dubbate har'allee adunyaa guutuu irratti fudhatama qaba.

Dr Kiingi ilma luba Kibba US, kutaa Joorjiyaa keessatti dhalate abjuu jireenya ijoollee isaa isa kan inni jiraate irraa adda gochuu danda'u qabu turan.

Qoollifannaa sanyummaa

Qoollifannaan sanyummaa ykn qoqqooddaan uummata gurraachaa fi uummata adii gidduu ture ammayyuu Kibba Ameerikaa keessatti hojiirra oolaa jira.

Uummata Gurraachaafi ummanni adiin adda bahuun bakka adda addaa keessa jiraatu. Mana nyaataa adda addaa fayyadamu. Konkolaataa uummataa adda addaa fayyadamu, akkasuma madda bishaanii tokko irraa hin dhugan ture.

Yeroo kana keessa seerri ture jireenya uummata gurraacha kallaattii hedduudhaan miidheera. Hojii hojjataniif kaffaltii xiqqaatu kaffalamaaf ture. Jireenya gadi bu'aa jiraataa turan. Akkasumas barnoota qulqullina hin qabne argatu ture.

Seera Filannoo

Addumatti seerri cunqursaa ture akka uummanni gurraachi bakka buutota isaanii filatanii seericha hin jijjiirree gochaa ture.

Garuu abjuu Dr Martiin Kiingi durii sana yoo yaadattu si'a lama yaaduu dandeessa.

Akkaataa maatii isaatti, ji'oota darban muraasa gaafa ilaaltu ammayyuu abjuun Dr Kiingi akka galma hin geenye yaaddatta.

Martin Luther King Jr Hagayya 28, 1963 bakka Yaadannoo Liinkon, Waashingitan DCtti dhaadannoo isaa Abjuun qaba,'' jedhu uummatatti dubbate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Martin Luther King Jr Hagayya 28, 1963 bakka Yaadannoo Liinkon, Waashingitan DCtti dhaadannoo isaa Abjuun qaba,'' jedhu uummatatti dubbate

Kutaalee hundaa qoqqooddaan sanyummaa keessatti mul'ata hunda keessatti bakka buutonni mana maree Rippaabilikaanotaa seera warreen lakkoofsaan xiqqaa miidhu, addatti uummata gurraacha filannoo irratti hirmaachuu danda'u addatti miidhu hojiirra oolchan jedhan aktivistootni.

Kun seera waraqaa eenyummaa kennuu akkaan daangeffamee hojjiirra oolchuu fi gaafa filannoo ammoo uummata sagalee isaa kennuuf hiriira irra oolu nyaataa fi bishaan dhowachuufaa qaba.

Joo Baayiden fi Doonaald Tiraamp

Erga Joo Baayiden aangoo qabatanii as seeronni akkasii kunneen isteetota Ameerikaa 19 keessatti ragga'aniiru. Kunis Teksaas, Filooriidaa fi Arizoonaa dabalateeti.

Isa dura kan ture Doonaald Tiraamp, Baayidan sagalee hatuun filannicha mo'ate jedhe. Haa tahu malee ragaa kan tahu homaa hin dhiyeesine ture.

Amajji 17 bara 2022 yeroo Ameerikaan Guyyaa Maartiin Luutar Kiingi yaadachuun ooltu ilmi fi intalli isaa akkasumaan guyyicha yaadachuun dabarsuu osoo hin taane, faana isaa hordofuun mirgi gurraachotaa akka eegamuuf tarkaanfiin fudhatamu qabaata jedhan.

Intal Luutar Kiing-Bernis Kiing maal jette?

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

"Guyyaa Kiingi yaadannee dabarsina, hundi keessanuu akka guyyicha yaadachuun ayyaneffatan isin jajjabeesina,'' jette Berniis Kiingi, amma hojii gaggeesituu ol aantuu Gidduu Gala Jijjiirama Hawwaasaa jeequmsaan bilisaa Maartin Luuter Kiingi kan taate.

''Haa tahu malee yoo mirgi filachuu keenyaa ammas rarra'ee kan hafu tahe, ....hundi keenyayyuu, yaadannoo garaagaraa qabnuu fi miidiyaalee fayyadamuun guyyicha waan Kiingi gochuu jaalatuun ayyaaneffachuun dabarsina,'' jette.

''Abbaankoo biyyi kun akka waadaa dimokiraasii ishee galmaan geessuuf dubbachuun ni hojjeta ture. Guyyaa Kiingi itti yaadatamu sana hojiirra hafuun qofa oso hin taane seera mirga filachuu dabarsuun ayyaaneffachuu qabu,'' jette.

Sochii mirgoota siivilii

Wal dhabdichi ''yeroo murteessaa'' dimoraasii Ameerikaa ture jedhan hogganaan falmaa mirga siivili beekamaan Reverendi Al Shaarpitan.

Kibxata [Amajji 11] mana jireenyaa duraanii Maartiin Luutar Atilaantaa jiruu kan dubbatan Baayidan mirgi filachuu ''waraana lubbuu Ameerikaaf tahu'' jedhan.

''Maartiin Luutar Kiing cinamoo, ykn Joorji Waalash cinaa dhaabbacuu barbaaddu?'' jechuun Baayidan gaafatan nama gurraachaa duraan Alabamaa bulchaa ture kaasuudhaan.

Roozaa Paarki erga taa'umsa ishee irraa ka'uun nama adii akka teessiftu gaafatamtee didee hidhamtee Alaabaamaa keessatti yaadatamti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Roozaa Paarki erga taa'umsa ishee irraa ka'uun nama adii akka teessiftu gaafatamtee didee hidhamtee Alaabaamaa keessatti yaadatamti

Roozaa Paarki

Qabsoon qoolliffannaa sanyii xumura itti gochuuf gaggeeffame murteessaan bara 1955, yeroo Roozaa paarki Alaabaamaa keessatti taa'umsa konkolaataa uummataa irra irraa ka'uun nama adiif akka kennitu gaafatamtee diduun adabamte gaggeeffame.

Katucha Beentoo, Yuunvarsiitii Edinburgh keessatti barsiistuu Santummaa fi Farra Koloneeffannaa kan taate: ''Ummanni gurraachi garbummaa, ajjeechaa seeraan alaa fannifamuun raawwatuu fi jeequmsa hundaa mormii malee tole jedhanii yeroon itti fudhatan hin jiru,'' jette.

Kanaafuu ''barri qoollifannaa sun adda hin turre,'' jechuun BBCtti himte.

Uggura Konkolaataa uummataa Montgomery

Roozaa Paarki erga hidhamtee uummatni gurraachi naannichaa tajaajila konkolaataa uummataa waggaa sana guutuuf fayyadamuu dhaaban.

Dr Kiingi uummata gurraacha sanatti makamuun dhorka tajaajila konkolaataa uummataa sana yoo deeggaru, isatti fayyadamuun duula qoolliffannaa sanyii akka dhaabbatu gaggeessaa ture.

''Sosochiin mirga siivilii bara 1950 fi 1960 keessaa duula wal qixxummaan haqaa akka dhufu godhamaa turedha,'' jedhan Pirofeser Beentoon.

Duulli gaggeeffamaa ture ajandaa hedduu kan qabu yoo tahu, barnoota babal'isuu, dhiyeessii nyaataa akka argatan gochuu, pirojektii adda addaa ijaaruu fi hawwasichi akka bilisoomuuf fi walaba tahee jiraatuuf ijaaruu ture.

Katucha Beentoo, Yuunvarsiitii Edenbargi keessatti barsiistuu Sabummaa fi Farra kolonii

Madda suuraa, Katucha Bento

Ibsa waa'ee suuraa, Katucha Beentoo, Yuunvarsiitii Edenbargi keessatti barsiistuu Sabummaa fi Farra kolonii

Maartiin Luutar Kiingi maal hojjete?

Dubbiin Dr King uummanni akka qoollifannaa sanyii kana irratti qabsaa'u godhus deebiin uummata adii garuu sanuma ture. Maatii isaa ni ajjeefamtu jedhamuun doorsifamaa turan.

Manni isaaniis boombidhaan haleelameera. Inni garuu humna dubbii isaa itti amanuu fi hawwaasa kakaasuu sanaan qabsoo isaa itti fufe.

Luutar qabsoo karaa nagaa gaggeefamutti nama amanu yoo tahu deebii jibbinsaa kennuu hin jaalatu ture.

Pirofesar Beentoon tooftaan qabsoo Kiingi karaa nagaa gaggeffamu sun ''akka hin taanetti hubatamuun callisanii fudhachuutti fakkeefameera,'' jette.

Garuu sana irraa fagoo tahuu himuun Kiingi ''hubannaa qabsoo karaa nagaa uummata Ameerikaaf hawwu tahuu himte. Farra sanyummaa, wal qixxummaa fi hawwaasa walaba tahe ijaaruu barbaada,'' jette.

Uummata 250,000 dubbii Maartin Luuter Kiingi dhagahuuf Waashingitanitti dhimma carraa hojii fi bilisummaaf bahame irratti argaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummata 250,000 dubbii Maartin Luuter Kiingi dhagahuuf Waashingitanitti dhimma carraa hojii fi bilisummaaf bahame irratti argaman

Hiriira carraa hojii fi Bilisummaaf Waashingitanitti bahame

Hiriirri Carraa Hojii fi Bilisummaaf jedhamuun bara 1963 Waashingitanitti bahame yeroo murteessaa qabsoo mirga siiviliif gaggeeffame ture.

Haala qilleensaa ho'aa Waashingitan keessatti uummatni walitti qabame sun dubbi qabsoo karaa nagaa Dr Luutar sana hordofaa turan.

Siidaan pirezidaantii Ameerikaa Abirahaam Liinkan garbootni US hundi bilisa jechuun bara 1963 fi 1964 labse duubaan dubbataa turuun sosochiin siivilii farra qoollifnnaa sanyummaa fi Dr King injifannoo argatan.

Labsii Mirga Siivilii (1964)

CLabsiin Mirga Siivilii ifatti qoolliffannaa uummata keessaa fi qacarrii hojii irratti mul'atu akka dhaabbatu ajaje.

Haa tahu malee qabsichi sana garas ture. Warri farra wal qixxummaa tahan tooftaa biraa ittiin imaammata sanyummaa lellisu baasan hordofaa turan.

Hiriira Selma hanga Montgomerii

Seerri gara Kibba biyyattii ture uummatni gurraachi galmaa'uun akka filannoo irratti hin hirmaanneef rakkoo guddaa itti tahee ture.

Bara 1965, Dr Kiingi magaalaa Seelmaa, Alabamaa hanga magaalaa guddattii naannichaa Montgomeriitti hiriira guddaa gaggeessuun seericha mormaa ture.

Dr Martin Luther King Jr (gidduudhaan) falmitoota mirga siivilii 10,000 tahan Seelmaa irraa hanga Moontgomeriitti dursuun hiriira mormii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Martin Luther King Jr (gidduudhaan) falmitoota mirga siivilii 10,000 tahan Seelmaa irraa hanga Moontgomeriitti dursuun hiriira mormii bahan

Hiriirtonni daandii kiilo meetira 87 dheeratu yoo jalqaban qondaalota naannoo irraas mormii cimaan isaan mudateera. Garuu Kiingi mormii karaa nagaa gaggeesumatti cichee itti fufe.

Maartin Luuter akkamiin du'e?

Kiingi qabamuun yeroo 29 oliif hidhameera. Ebla 4,19\68 balbala hoteela isaa Arizoonaa jiruu irra osoo dhaabatuu nama adii tokkoon rasaasaan haleelamee du'e.

Seenaa Ameerikaa keessatti ajjeefamuun isaa homaa hojii isaa gadi hin qabne. Qabsoo inni wal qixxummaaf gaggeesse hanga har'aatti itti fufee jira.

Har'a barbaachisummaa isaa

Sosochiileen mirga siiviliif falman hedduun faana qabsoo Kiingi duukaa bu'aniiru.

''Hojiin isaa hin duune farra sanyummaa irratti gaggeesse qabsoo har'a haqa hawwaasaaf tasifamu keessatti hidda gadi fageeffateera,'' jette pirofeser Beentoo.

Kaffaltii jireenyaa madaalawaa, Mana jireenyaa, eegumsa fayyaa fi barnootni qabxiilee ijoo akka uummatni gurraacha argatuuf qabsaa'aa turedha.

Sababootni bilisaan yaada ofii ibsachuu barbaachise maali ?

Dubbiin Maartin Luuter taassaa ture bara kanas dubbii nama jajjabeessu tahuun beekamu.

Kutannoo inni ofii isaa balaarra of buusee wal qixxummaaf dubbaachaa turuun isaa bu'uura dimokiraasii Ameerikaa fi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuti jedhu hayyootni seenaa.

Lubbuun Gurraachotaa Gatii qaba 'Black Lives Matter'

Sochiin Lubuun Gurraachotaa Gatii Qaba 'Black Lives Matter' jedhu dhiyeenya gaggeeffamaa ture sanyummaa naannoo dhaabbilee fi miidhaa poolisiin dhaqqabu qajeelchuuf ooleera.

Gareen Mirga Siivilii qabsoo Dr Kiingi sanyummaa dhaabbilee US keessaatti gaggeefamu irratti taasisa ture itti fufaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Mirga Siivilii qabsoo Dr Kiingi sanyummaa dhaabbilee US keessaatti gaggeefamu irratti taasisa ture itti fufaniiru

Guyyaan Yaadannoo Maartiin Luutar Kiingi maaliif Amajji 17 tahe?

Wagga waggaan dandeettiin dubbii Maartiin Luutar Kiingii fi aboo ''abjuun'' isaa qabu yaadatamuun guutummaa US keessatti gaafa Wiixataa guyyaa dhalootaa isaa Amajji 15,1929tti kan dhiyaatu irra kabajamee oola.

Guyyumti kabajaa isaa kunillee dubbichi hamma kan wal falmisiisaa akka turee fi jiru tahuu hima.

Guyyichi erga Kiingi du'ee kan gaafatame tahus, Kongirensii Ameerikaaf hojiirra oolchuuf waggoota itti fudhateera.

Guyyaan Maartiin Luuter Kiingi jalqaba kan kabajame bara 1986 yoo tahu, garuu hanga Kibba Ameerikaattis fudhatamuun hojiirra ooluuf waggoota baay'ee fudhateera.